YouVersion Logo
Search Icon

Macaafa Weedduu Weedduu Caalu 8

8
Isheen durbaa,
1<<Utuu ati obboleessa koo
isa harma haadha kootii
hodhee guddate taatee,
karaa irratti yommuun si argu sin dhungadhan ture;
kanaafis namni
ana hin tuffatu ture;
2ani si dura bu'ee gara mana haadha kootii
ishee na guddifteetti sin geessa;
daadhii waynii isa ba'eessa siifan kenna,
cuunfaa rumaaniis sin obaasa*.
3Harki isaa inni bitaa mataa koo jala jira,
harki isaa inni mirgaa immoo na ammata*.
4Yaa intaloota Yerusaalem,
jaalalleen koo hamma inni ofiin ka'utti,
akka hin dammaqsine,
isin nan kaksiisa>> jette.#2 3:4 3 2:6
5Hiriyoonni ishee,<<Isheen lafa onaa keessaa
michuu ishee harka qabattee ol baatu
kun eenyu?>> jedhan.
Inni,<<Ani muka hudhaa
jalaan si kaase,
iddoon sun immoo lafa itti
haati kee si ciniinsifate,
lafa isheen itti si deesses ture*.
6Akka mallattootti garaa keettii fi
irree keetti na mallateeffadhu!
Jaalalli jabaa akka du'aa ti,
hinaaffaan gara-jabeessa akka awwaalaa ti;
arrabni isaas akka arraba ibiddaa ti,
akka giimii ibiddaa
isa xaph godhuu ti.
7Bishaan baay'een iyyuu
ibidda jaalalaa hin dhaamsu,
lolaanis haree isa hin balleessu;
namni qabeenya qe'ee isaa jiru hundumaan
jaalala bitachuu barbaaduun gowwummaa dha>> jedhe.#5 3:6
8Hiriyoonni ishee,
<<Obboleettiin keenya xinnoo dha,
hin guntunne iyyuu dha;
namni yommuu ishee haasa'achuudhaaf dhufu,
maal isheedhaaf goonu ree>>
9Yoo isheen masaraa taate,
nuyi immoo riqaa meetii
irratti in ijaarra;
yoo isheen balbala taate,
nuyi immoo danqaraa muka gaattiraatiin
in cufna>> jedhan.
Isheen durbaa,
10<<Ani masaraa dha,
harmi koos riqaa fakkaata,
kanaafan fuula isaa duratti jaallatame.
11Solomoon iddoo dhaabaa waynii tokko
Ba'aal-Hamoonii qaba ture;
iddoo dhaabaa waynichaas
eegdotatti dugda in gurgurate;
tokkon tokkon eegdota sanaas
gatii ija waynichaa
meetii kuma tokko tokko
in baasu turan;
12iddoon dhaabaa waynii
inni kan kootii na dura jira,
yaa Solomoon, ati kuma fudhadhu,
warri ija isaa eegan immoo
dhibba lama haa fudhatan!>> jette.
Dargaggeessichi,
13<<Yaa ishee iddoo dhaabaa keessa jiraattuu,
hiriyoonni kee sagalee kee dhaggeeffatu,
mee na dhageessisi!>> jedhe.
Isheen durbaa immoo,
14<<Yaa michuu ko, dafii na bira kottu!
Akka kuruphee fi akka ilmoo borofaa,
tulluu iddoo dhaabaa urgooftuu irraa utaalii kottu!>> jette*.#14 2:17

Highlight

Share

Copy

None

Want to have your highlights saved across all your devices? Sign up or sign in