Macaafa Isaayaas Raajichaa 1
1
Sabni Israa'el Waaqayyoon Diduu Isaa
1Mul'anni Isaayaas ilmi Amoz bara Uziyaa, Yotaam, Ahaazii fi Hisqiyaas mootota Yihudaa turanitti waa'ee Yihudaa fi waa'ee Yerusaalemiif arge, kanatti fufee jira*;
2Waaqayyo,<<Yaa bantiiwwan waaqaa dhaga'aa!
Yaa lafaa dhaggeeffadhu!
Ani Waaqayyo ilmaan guddifadhee
ol isaan nan kaase,
isaan garuu ana irratti in ka'an*;
3qotiyyoon abbaa isaa,
harreenis gorantoo gooftaa isaatii beeka,
Israa'el sabni koo garuu hin beeku,
kana hin hubatus>> jedhee dubbateera.#1 2Mot 15:1-7,32-38; Hos 1:1; Mik 1:1; 2Sen 26:22 2 Kes 4:26; 32:1,5-6; Isa 30:9
4Saba cubbamaadhaaf,
saba yakki ulfaataan irra jiruuf,
sanyii warra hamaa hojjetaniif,
warra amalli isaanii manca'eef wayyoo!
Isaan Waaqayyoon in dhiisan;
Waaqayyo isa qulqulluu
isa kan Israa'el in tuffatan,
dugdas itti in gatan.
5Mataan keessan guutummaatti madaa'eera,
lapheen keessan raawwatee dadhabeera;
egaa si'achi
eessa akka isin rukutan barbaaddu>>
Maaliifis diduutti jabaattu>>
6Gubbee mataa keessanii jalqabee
hamma faana miilla keessaniitti fayyaa miti;
guutummaatti rukutamaa, dirmammaa'aa,
madaa ho'aa dhas;
inni walitti hin deebine, hin hidhamne,
dhadhaadhaanis hin sukkuumamne*.#5-6 53:4-5; 2:7; Luq 10:34
7Biyyi keessan in one,
mandaroonni keessanis
ibiddaan in gubaman;
utuma isin ilaaltanii
ormi wanta
maasii keessan keessatti biqilu in nyaata;
biyyi keessan akka waan
ormi qabatetti in barbadaa'a;
8Mandarri Xiyoon akka gordomoo
iddoo dhaabaa waynii jiruu fi
akka godoo iddoo dhaabaa buqqee dheedhii nyaatamu jiru,
akka mandara diinni marses in taati.
9Waaqayyo gooftaan maccaa hambaa yartuu ishee
utuu nuuf hambisuu dhabaate,
akka Sodoom in taana,
Gomoraas in fakkaanna turre*.#7-9 Uma 19:24-25; Rom 9:29; Isa 36:1-2
Waaqayyoof Utuu Hin Abboomamin Aarsaa Dhi'eessuun Waa'ee Kan Hin Baafne Ta'uu Isaa
10Isin warri akka bulchitoota Sodoom
dubbii Waaqayyoo dhaga'aa!
Isin warri akka saba Gomoraa
gorsa Waaqayyo keenyaa dhaggeeffadhaa!
11Waaqayyo, << <Baay'inni qalma aarsaa keessan isa gubamuu
maal anaaf godha>>
Ani aarsaa korbeessa hoolaa fi
moora horii coccoomoo quufeera,
akkasumas immoo dhiiga tuntunoo,
dhiiga ilmoo hoolaa fi
dhiiga ilmoo reettiitti
ani hin gammadu.
12Isin ana duratti yommuu dhi'aattan,
oobdii koo akka dhidhiittan
eenyutu isin irraa fedha>>
13Kennaa waa'ee hin baafne
deebitanii hin fidinaa!
Ani aarsaa ixaana keessanii ciigga'eera,
baatii haaraa, Sanbataa fi
walga'ii keessan,
jal'inaaf walitti qabamuu keessanis
ani obsuu hin danda'u.
14Ayyaannan baatii haaraa keessanii fi
ayyaannan keessan warra beekamoo
ani nan jibbe;
isaan ba'aa anatti ta'aniiru,
ani isaan baachuu dadhabeera*.#10-14 1Sam 15:22; Isa 43:22-24; Er 6:20; Amo 5:21-23; Hos 6:6; 8:11-13; Mik 6:6-7; Far 40:6
15<< <Yommuu isin
harka keessan gara kootti
bal'iftanii kadhattan,
ani immoo gara keessan hin ilaalu;
harka keessan keessa dhiigni waan guuteef,
kadhata yoo baay'iftan iyyuu
ani isiniif hin dhaga'u;
16dhiqadhaa of qulleessaa,
hojii keessan isa hamaas
ija koo duraa balleessaa,
hamaa gochuu dhiisaa!
17Gaarii gochuu baraa!
Firdii qajeelaa duukaa bu'aa!
Warra nama miidhan ifadhaatii qajeelchaa!
Ijoollee abbaan irra hin jirreef faradaa!
Haadha hiyyeessaaf falmaa#1:17 <<Warra nama miidhan ifadhaatii qajeelchaa>> yookiis <<Warra miidhamaniif dubbadhaa!?*!#15-17 58:1-12; Amo 5:24; Mik 6:8; Far 40:7-8; Mat 5:23-24
18<< <Kottaa mee walii wajjin
dhugaa in baafnaa
cubbuun keessan akka dhiigaa
yoo isin diimesse iyyuu,
akka cabbii in addaattu;
diimaa biluus yoo isin godhe iyyuu,
akka jirbii iddamaa adii in taatu*.
19Tole jettanii yoo abboomamtan
wanta gaarii lafichi baasu in nyaattu;
20diddanii yoo ana irratti kaatan garuu,
billaan isin in nyaata>>
jedhee ani Waaqayyo dubbadheera>> jedhe*.#18 Far 51:7; Isa 43:25-26 20 Lak 14:9; His 17:12
Firdii Yerusaalem Irratti Dhufe
21Mandarri ishee amanamtuun
attamitti ejjituu taate>>
Dur firdii qajeelaan
ishee keessa guutee ture,
qajeelummaanis ishee keessatti
in argama ture,
amma garuu warra nama ajjeesantu keessa guute*;
22meetiin kee udaan sibiilaa in ta'e,
dhugaatii kees bishaantu
dugda kute*;
23gurguddoonni biyyaa kee gara-didoo dha,
nyaatii warra hattuu tis;
hundumti isaanii gabbarsuu jaallatu,
kennaa ari'aniidhuma qabu;
ijoollee abbaan irra hin jirreef hin faradan,
dhimma haadha hiyyeessaas hin dhaga'aniif*.#21 His 16:35 22 His 22:18-22 23 1:17
24Kanaaf Waaqayyo gooftaan maccaa,
aango-qabeessi Israa'el,
<<Egaa ani warra na jibban
of irraa nan kuta,
diinota koo irrattis ijaa nan ba'a;
25ani si irratti harka koo ol nan fudhadha,
akka nama sibiila qulleessutti sin qulleessa,
xurii kee hundumaas si keessaa nan baasa*.
26Ani abboota firdii kee akka duriitti,
warra gorsituus
akka yeroo jalqabaatti
siif nan deebisa;
kana booddee ati mandara qajeelummaan keessa jiruu fi
mandara amanamtuu
in jedhamta>> jedhe*.#25 Far 119:119; Zak 13:8-9; Mil 3:2-3 26 Zak 8:3
27Warri ishee keessa jiran gaabbanii
gara qajeelummaatti yoo deebi'an,
Xiyoon firdii qajeelaadhaan in furamti;
28warri irra-daddarbanii fi
warri cubbuu hojjetan
garuu walii wajjin in caccabu,
warri Waaqayyo irraa deebi'anis in badu;
29qilxuu jalatti hirreefattanii
itti gammaddan sanaaf
yeella'uuf jirtu,
iddoo dhaabaa isa fo'attan sanaafis
salphachuuf jirtu*;
30isin akka qilxuu baalli isaa harca'ee,
akka iddoo dhaabaa bishaan hin qabnees in taatu;
31namni jabaan akka hofaa
caccabaa in ta'a,
hojiin isaas akka barbadaa ibiddaa ti,
lachanuus walii wajjin in boba'u,
kan isa dhaamsus hin jiru.#29 57:5; 65:3
Currently Selected:
Macaafa Isaayaas Raajichaa 1: MacQul
Highlight
Share
Copy
Want to have your highlights saved across all your devices? Sign up or sign in
(C) The Bible Society of Ethiopia, 1997; OROMO LATIN BIBLE BSE-UBS 26M 2006.