Macaafa Weedduu Weedduu Caalu 7
7
1Hiriyoonni ishee,<<Deebi'i,
deebi'i yaa Shulaamittii!
Nuyi akka si ilaalluuf
deebi'i!>> jedhan.
Dargaggeessichi immoo,
<<Akka waan isheen kutata
lama gidduu sirbitutti
Shulaamittii kana irraa maal ilaaltu>>
2Yaa intala guddaa biyyaa,
miilli kee kophee balasee keessaan
maal maal miidhaga!
Mudhiin kee callee gati-jabeessa
isa namni harka-toleessi
tolche fakkaata;
3handhuurri kee qadaada isa yeroo hundumaa
daadhii waynii baatu in fakkaata;
gudeedni kee tuullaa qamadii
isa daraaraan itti naanna'ee jiru in fakkaata;
4harmi kee lachanuu ilmoolee kuruphee,
warra lakkuu dhalatan in fakkaata*;
5mormi kee riqaa
ilka arbaa irraa hojjetame,
iji kee lachanuu
duuchaa bishaan qurxummii
isa karra Batraabiimitti dhi'oo
Heshboon keessa jiru in fakkaata;
funyaan kees riqaa Liibaanon
isa gara Damaasqootti gara galee jiru in fakkaata.#4 4:5
6<<Mataan kee tulluu Qarmelos,
rifeensi mataa kees fo'aa
haarrii dhiilgee fakkaata;
isa kanaanis mootiin in booji'ama.
7Yaa ishee jaallatamtuu
nama gammachiiftuu,
ati attam miidhagduu dha, attamis nama mararta!
8Hojjaan kee akka muka meexxii ti,
harmi kees akka hurbuu waynii ti;
9ani,<<Muka meexxii sana nan yaabbadha,
damee isa ija godhatus
nan qabadha>> nan jedhe;
harmi kee akka hurbuu waynii ti,
fooliin hafuura funyaan kee keessaa ba'us
akka ija muka hudhaa ti.
10Dhungannaan michuu kootii
akka daadhii waynii
isa hundumaa caaluu,
isa hidhii fi ilkaan keessa darbee
suuta jedhee gad bu'uu ti>> jedhe.
Isheen durbaa,
11<<Ani kan michuu kootii ti,
inni ana in kajeela;
12yaa michuu ko, kottu
mandara keessaa gad in baana,
gandeen keessas in bulla!
13Obboroodhaan in kaana,
gara iddoo dhaabaa wayniis in dhaqna,
mukti waynii hudhee daraaree,
rumaaniinis daraareera yoo ta'e in ilaalla!
Anis achitti
jaalala koo kennaa godhee siif nan kenna*;
14iji muka hawwa jaalalaa kaasu in urgaa'a,
balbala keenya duras
iji mukaa gaggaariin,
warri ammaa fi warri durii jiru;
yaa michuu ko, isaan kana
siifan kaa'e>> jette.#13 6:11
Currently Selected:
Macaafa Weedduu Weedduu Caalu 7: MacQul
Highlight
Share
Copy
Want to have your highlights saved across all your devices? Sign up or sign in
(C) The Bible Society of Ethiopia, 1997; OROMO LATIN BIBLE BSE-UBS 26M 2006.