YouVersion Logo
Search Icon

Macaafa Weedduu Weedduu Caalu 6

6
1Hiriyoonni ishee,
<<Yaa ishee dubartoota hundumaa keessaa
baay'ee miidhagduu!
Michuun kee eessa dhaqe>>
Karaa kam irras ba'e>>
Mee ka'i, nuyis sii wajjin dhaqnee
isa in barbaanna!>> jedhan.
Isheen durbaa,
2<<Michuun koo gara iddoo daabaa isaatiitti
gad bu'e,
gara madabii biqiltuun urgooftuu
irratti guddifamuu dhaqe;
inni horii isaa achi in tiksa,
daraaraas in cirata.
3Michuun koo kan koo ti,
anis kan michuu kootii ti;
inni daraaraa keessa horii isaa in tiksa>> jette*.#3 2:16
Dargaggeessichi,
4<<Yaa hiriyee ko,
ati akka Tiirzaa miidhagduu dha,
akka mandara Yerusaalem
nama in mararta,
akka loltoota faajjii baataniis
nama in sodaachifta*;
5akka inni ana hin hawwannetti,
ija kee ana irraa buqqisi!
Rifeensi mataa kee re'oota
tulluu Giil'aad irraa
gad yaa'an fakkaata;
6ilkaan kees akka hoolota
dhagni isaanii dhiqamee
bishaan keessaa ba'anii ti;
hoolonni kun hundinuu
lakkuu dhalu malee,
isaan keessa maseenni
tokko illee hin jiru;
7maddiin kee rumaanii baqaqfame fakkaata,
innis shaashii ati haguuggattu
keessaan in mul'ata*.
8Mootuuwwan jaatamni,
saajjatoonni saddeettamni, durboonni
lakkoobsi isaanii dhuma hin qabne
yoo jiraatan illee,
9gugeen koo isheen mudaa hin qabne,
isheen haadha isheetiif tokkittii,
isheen deesse ishee marartu,
anaaf tokkittii koo ti;
durboonni ishee arganii
<<Eebbifamtuu>> jedhaniin;
mootuuwwanii fi saajjatoonni
ishee in jajan>> jedhe.#4 6:10 5-7 4:1-3
Hiriyoonni ishee,
10<<Isheen akka boruu ganamaa ol baatu,
akka ji'aa miidhagdu,
akka aduu iftu,
akka loltoota faajjii baatanii
nama sodaachiftu
kun eenyu?>> jedhan*.
11Inni immoo,<<Ija mukkeetii
dachaa sana keessa jiranii ilaaluudhaaf,
mukti waynii daraaree,
rumaaniinis hudheera yoo ta'e hubachuudhaaf,
gara dachaa dhaabaa muka meexxii nan dhaqe*.
12Utuma ani hin beekin yaadni koo na butee,
konkolaataa gurguddoota saba kootii irra na kaa'e>> jedhe.#10 6:4 11 7:13

Highlight

Share

Copy

None

Want to have your highlights saved across all your devices? Sign up or sign in