Macaafa Weedduu Weedduu Caalu 5
5
Dargaggeessichi,
1<<Yaa obboleettii ko, kaadhima ko!
Ani gara iddoo dhaabaa kootii dhufeera,
qumbii koo fi urgooftuu koo
walitti qabadheera,
nadhii dhaaba-dammaa kootii nyaadheera,
daadhii waynii koo fi aannan koo dhugeera;
yaa firoota ko, jaalatamoo ko, nyaadhaa,
hamma quuftanittis dhugaa!>> jedhe.
Isheen durbaa,
2<<Ani rafeera,
yaadni koo garuu hin rafne,
sagaleen hiriyee kootii in dhaga'ama,
inni balbala in rukuta,
<<Balbala anaaf bani!
Yaa obboleettii ko, yaa michuu ko,
yaa kuullee akka gugee ko
yaa ishee mudaa hin qabnee!
Mataa koo fixeensi jiiseera,
rifeensa mataa koos
tiifuun halkanii tortorseera>> in jedha.
3Ani immoo,<<Anoo uffata koo of irraa baaseera
attamittan deebisee uffadha ree>>
Anoo miilla koo dhiqadheera,
attamittan deebisee
lafa ittiin ejjedhee xureessa ree?>> nan jedha.
4Yommuu michuun koo karaa qaawwaa
harka isaa ol liccisiifate,
lapheen koo in dha'ate;
5ani michuu koof balbala banuudhaaf ka'ee,
harka kootiin qabannoo balbalaa
yommuun qabe,
qumbiin bishaanii quba harka koo irraa
qabannoo sana irratti in coccophe.
6Ani michuu koof balbala yommuun bane,
inni dur illee deebi'ee sokke;
yommuu inni dubbate
yaadni koo isa bira ga'ee ture;
haa ta'u iyyuu malee, ani isa nan barbaade,
garuu isa hin arganne;
ani isa nan waame,
garuu inni na jalaa hin oowwaanne.
7Eegdonni warri naanna'anii mandara eegan
na arganii reebanii na madeessan;
eegdonni kellaa sun
uffata koo ana irraa fudhatan*;
8yaa intaloota Yerusaalem,
michuu koo yommuu argitan
maal itti himtu>>
Jaalalli na dhukkubsachiisuu isaa
isatti akka himtan
anaaf kakadhaa!>> jette.#7 3:3
9Hiriyoonni ishee immoo,
<<Michuun kee michuu warra kaanii irra
maal caala>>
Yaa ishee dubartoota hundumaa keessaa
baay'ee miidhagduu!
Michuun kee kan warra kaanii irra maal caalaa iyyuu
ati akkas nu kaksiifta?>> jedhan.
Isheen durbaa,
10<<Michuun koo diimaa barbadaa dha,
namoota kuma kudhan keessatti iyyuu in mul'ata;
11buqqeen mataa isaa warqee qullaa'aa fakkaata,
rifeensi mataa isaa
inni gad jigaan gurraacha
akka qurruu ti;
12iji isaa kuullee akka gugee
laga bishaanii bukkee teessuu,
ishee naannoon agartuu ija isheetii
akka aannanii addaatuu ti;
13maddiin isaa akka madabii
biqiltuun urgooftuu hundinuu
irratti guddifamuu ti,
hidhiin isaa akka daraaraa
isa qumbii coccophsuu ti;
14harki isaa buttujjii warqee fakkaata,
dhagaa gati-jabeessa
bifa margaa qabuunis miidhagfameera;
dhagni isaa akka ilka arbaa
isa Safiiros itti uffifamee in calaqqisa;
15miilli isaa utubaa dhagaa warqee qullaa'aa irra dhaabatu fakkaata;
inni surra-qabeessa
akka tulluu Liibaanonii fi
akka muka gaattiraa
isa hundumaa caaluu ti;
16afaan isaa dhungannaatti baay'ee miyaa'aa dha,
inni karaa hundaa nama in marara;
yaa intaloota Yerusaalem,
kunoo isa kana michuun koo,
isa kana firri koo>> jette.
Currently Selected:
Macaafa Weedduu Weedduu Caalu 5: MacQul
Highlight
Share
Copy
Want to have your highlights saved across all your devices? Sign up or sign in
(C) The Bible Society of Ethiopia, 1997; OROMO LATIN BIBLE BSE-UBS 26M 2006.