WANGEELA YOHANNIS 10
10
Yesus Tiksee, Balbala Hoolotaas Ta'uu Isaa
1Yesus itti fufee, ?Dhuguma, dhuguman isinitti hima, namni gola hoolotaatti balbalaan ol galuu dhiisee, karaa biraatiin lixu, inni hattuu dha, saamtuu dhas*. 2Namni balbalaan gola hoolotaatti ol galu garuu, inni tiksee hoolota sanaa ti. 3Tiksee sanaaf kella eegduun in bana, hoolonni sagalee isaa in beeku, inni hoolota isaa maqaa maqaa isaaniitiin isaan waamee gad isaan in baasa*. 4Hoolota isaa hundumaa erga gad yaasee, fuula isaanii dura in adeema; hoolonni sagalee isaa waan beekaniif isa duukaa in bu'u*. 5Sagalee warra ormaa waan hin beekneef, nama orma in baqatu malee, isa duukaa hin bu'an? jedhe. 6Yesus dubbii haalaa kana isaanitti hime, isaan garuu wanti inni isaanitti hime kun, maal akka ta'e hin hubanne*.#1 His 34:1-10 3 Far 95:7; Isa 43:1 4 10:27 6 16:25
7Yesus ammas ?Dhuguma, dhuguman isinitti hima, ana balballi hoolotaa! 8Warri na dura dhufanii karaa biraatiin lixan hundinuu hattuu dha, saamtuu dhas; hoolonni garuu isaaniif hin dhageenye*. 9Balbalichi ana, inni anaan ol galu in fayya; ol in gala, gadis in ba'a, dheedichas in argata*. 10Hattuun, waan biraaf utuu hin ta'in, hatuudhaaf, qaluudhaaf, balleessuudhaafis in dhufti; ani garuu hoolonni jireenya haa qabaataniif, irraa hafaas haa qabaataniif dhufeera? jedhe*.#8 Mat 7:15; Er 23:1-2 9 14:6; Far 118:20 10 Luq 15:4-7; Far 23:1
Yesus Tiksee Isa Gaarii Dha
11Yesus, ?Tikseen gaariin ana, tikseen gaariin lubbuu isaa hoolotaaf in kenna*. 12Tiksee dhugaa utuu hin ta'in bitamee kan eegu, hoolonnis kan isaa kan hin ta'in, yeeyyiin hoolotatti dhufuu yommuu argu, hoolota dhiisee in baqata; yeeyyiinis hoolota butatee, warra hafan in bittimsa*. 13Namichi sun bitamee waan eeguuf, hoolotaaf hin dhimmu. 14Tikseen gaariin ana, ani hoolota koo beeka, hoolonni koos ana beeku*. 15Abbaan akkuma ana beeku, anis akkuman abbaa beeku, anii fi hoolonni koo wal beekna; lubbuu koos hoolotaaf nan kenna*. 16Warra gola kanatti galan malees hoolota kan biraa qaba; isaan immoo yaasuun anaaf in ta'a, sagalee koos in dhaga'u; walitti karra tokko in ta'u, tikseen isaaniis tokko in ta'a*. 17Lubbuu koo deebisee fudhachuudhaaf dabarsee waanan kennuuf, abbaan koo na jaallata*. 18Homtinuu lubbuu koo na duraa hin fudhatu, anumatu ofii kootiin kenna malee. Ani lubbuu koo dabarsee kennuudhaaf, ammoo deebisee fudhachuudhaaf aboo qaba; abboommii kana immoo abbaa koo biraan fudhadhe? jedhe*.#11 Isa 40:11; His 34:11-31; 37:24; Yoh 15:13; 1Yoh 3:16; Ibr 13:20; Mul 7:17 12 HoE 20:29; Zak 11:16-17 14 10:27; 2Xim 2:19 15 15:13; 1Yoh 3:16; Mar 10:45; Mat 11:27; Luq 10:22 16 Isa 56:8; His 34:23; 37:24; Yoh 11:52; Efe 2:14-18; 1Phe 2:25 17 Isa 53:10; Filp 2:8-9 18 5:26; 14:31
19Sababii dubbii kana hundumaatiif Yihudoonni ammas yaadaan gargar ba'an*. 20Baay'een isaanii, ?Hafuura hammaatu isa keessa jira, qalbiis dabarseera! Maaliif isa dhaggeeffattu?? jedhan*. 21Kaan immoo, ?Namni hafuurri hamaan keessa jiru, dubbii akkanaa dubbachuu hin danda'u; hafuurri hamaan ija warra jaamaa banuu danda'aa ree?? in jedhu turan*.#19 7:43; 9:16 20 7:20; 8:48; Mar 3:21-22 21 9:30-33
Yihudoonni Yesusin Tuffachuu Isaanii
22Yommus Yerusaalemitti ayyaanni seenaa mana qulqullummaa eebbisuu in ayyaaneffama ture; yeroon isaas yeroo gannaa ture. 23Yesus immoo mana qulqullummaa keessa kutaa ?Gardaafoo Solomoon? jedhamu, jala in deddeebi'a ture*. 24Yommus warri Yihudootaa isatti naanna'anii, ?Ati hamma yoomiitti garaa keenya rarraafta? Masiihicha yoo taate keessaa baasii nutti himi!? ittiin jedhan*. 25Kana irratti Yesus deebisee, ?Ani isinitti himeera, isin immoo hin amantan, hojiin ani maqaa abbaa kootiin hojjedhu hundinuu anaaf dhugaa in ba'u*. 26Isin garuu hoolota koo keessaa waan hin ta'iniif, hin amantan*. 27Hoolonni koo sagalee koo in dhaga'u, ani isaan beeka, isaanis na duukaa in bu'u*. 28Ani jireenya bara baraa isaaniif nan kenna, isaan bara baraan hin badan, namni tokko illee harka koo keessaa isaan hin butatu*. 29Abbaan koo inni anatti isaan kenne, hundumaa irra guddaa dha; homtinuus harka abbaa koo keessaa isaan butachuu hin danda'u. 30Abbaanii fi ani tokko? isaaniin jedhe*.#23 HoE 3:11; 5:12 24 8:25; Luq 22:66-67 25 4:26; 9:37; 5:36; 10:38 26 8:45,47 27 10:3-4; 18:37 28 5:24; 17:2,12; 18:9 30 17:21-22
31Kana irratti warri Yihudootaa dhaga'anii isa ajjeesuudhaaf ammas dhagaa funaanatan*. 32Yesus garuu deebisee, ?Hojii gaggaarii abbaan koo anatti kenne baay'ee hojjedhee isinitti argisiiseera; isaan kana keessaa hojii isa kamiif dhagaadhaan ana dha'uu barbaaddu?? isaaniin jedhe*. 33Yihudoonni immoo, ?Ati Waaqayyoon waan arrabsiteef malee, hojii gaarii waan hojjetteef dhagaadhaan kan si dhoofnu miti. Ati nama taatee utuma jirtuu Waaqayyoon of goota'o? jedhanii deebisaniif*. 34Yesus immoo, ? ?Anoo, isin waaqayyoota isiniin jedheera? kan jedhu seera keessan keessatti caafamee jira mitii*? 35Waaqayyo warra dubbiin isaa itti kennameen ?waaqayyoota? jedhe; waan macaafni jedhus hin diigamu*. 36Yoos immoo ana, isa abbaan qulqulleessee gara biyya lafaatti erginaan, ?Ani ilma Waaqayyoo ti? jedhe kanaan, attamitti ?Waaqayyoon arrabsita? jettu ree*? 37Egaa ani hojii abbaa koo hin hojjedhu yoon ta'e, anatti hin amaninaa*. 38Ani hojii abbaa koo nan hojjedha yoon ta'e garuu, anatti yoo amanuu dhabaattan iyyuu, hojii kanatti amanaa! Kanaanis abbaan ana keessa, anis abbaa keessa akkan jiru, ba'eessa gootanii in hubattu? isaaniin jedhe*. 39Yihudoonni ammas isa qabachuu barbaadan; inni garuu isaan harkaa ba'ee sokke*.#31 8:59; 11:8 32 Mar 7:37 33 5:18; Lew 24:16; Mat 9:3; 26:65 34 Far 82:6 35 Mat 5:17-18 36 5:17-23 37 5:36; 10:25 38 14:9-11; 15:24 39 7:30; 8:59; Luq 4:30
40Yesus ammas gama Yordaanos, iddoo Yohannis duraan itti cuuphaa ture dhaqee, achi bubbule*. 41Namoonni baay'eenis gara isaa dhufanii, ?Yohannis milikkita tokko illee hin argisiifne, garuu waa'ee namicha kanaatiif kan inni dubbate hundinuu dhugaa ture? jedhan*. 42Achittis namoonni baay'een Yesusitti amanan*.#40 1:28 41 3:27-30 42 2:23; 7:31; 11:45
Currently Selected:
WANGEELA YOHANNIS 10: MacQul
Highlight
Share
Copy
Want to have your highlights saved across all your devices? Sign up or sign in
(C) The Bible Society of Ethiopia, 1997; OROMO LATIN BIBLE BSE-UBS 26M 2006.