YouVersion Logo
Search Icon

WANGEELA YOHANNIS 11

11
Alaazaar Du'uu Isaa
1Bitaaniyaa ganda Maariyaamii fi obboleettii ishee Maartaatti, namichi Alaazaar jedhamu tokko dhukkubsachaa ture*. 2Maariyaam kun ishee gooftaa urgooftuu dibdee, rifeensa mataa isheetiin miilla isaa haxooftee dha; Alaazaar inni dhukkubsate kun immoo obboleessa ishee ti*. 3Kanaaf obboleettonni isaa gara Yesusitti nama erganii, ?Gooftaa! Kunoo inni ati jaallattu in dhukkubsata? jedhan*. 4Yesus kana yommuu dhaga'e, ?Dhukkubni kun Alaazaar du'ee akka hafuuf miti, ulfina Waaqayyoo akka mul'isuuf, ilmi Waaqayyoos ittiin akka ulfaatuuf malee? jedhe*. 5Yesus immoo Maartaa fi obboleettii ishee, Alaazaarinis in jaallata ture. 6Garuu dhukkubsachuu Alaazaar erga dhaga'ee iyyuu, iddoodhuma ture sana guyyaa lama oole.#1 Luq 10:38-39 2 12:3 3 11:36 4 9:3
7Kana booddee garuu Yesus, ?Mee kottaa ammas biyya Yihudaa in dhaqnaa!? jedhee bartoota isaatti in dubbate. 8Bartoonni isaa immoo, ?Barsiisaa! Dhi'oo kana Yihudoonni dhagaadhaan si dha'uu barbaadan; ati immoo ammas achi dhaquu yaaddaa?? jedhaniin*. 9Yesus garuu deebisee, ?Ifni guyyaa tokkoo sa'aatii kudha lama qaba mitii ree? Namni guyyaadhaan adeemu, ifa aduu waan arguuf hin gufatu*. 10Namni halkaniin adeemu garuu, ifa of keessaa waan hin qabneef in gufata? jedhe*.#8 8:59; 10:31 9 9:4-5; 1Yoh 2:10 10 12:35; 1Yoh 2:11
11Yesus kana erga dubbatee booddee, ?Alaazaar firri keenya rafeera, ani immoo dhaqeen isa dammaqsa? isaaniin jedhe*. 12Kana irratti bartoonni isaa, ?Yaa gooftaa yoo rafeera ta'eo in fayya? jedhaniin. 13Yesus akka Alaazaar du'e isaanitti dubbate, isaan garuu waa'ee rafiitii hirribaa waan dubbate isaanitti fakkaate. 14Kanaaf Yesus mul'inumatti, ?Alaazaar du'eera; 15isin amanuu akka dandeessaniif, baga ani achi hin jiraatin; amma garuu kottaa gara isaa in dhaqnaa!? isaaniin jedhe*. 16Toomaas inni ?Diidimos? jedhame immoo, ?Egaa kottaa in dhaqna, nuyis barsiisaa wajjin in duunaa!? jedhee bartoota warra kaanitti dubbate*.#11 11:13; Mat 9:24; 27:52; Mar 5:39; HoE 7:60; 1Qor 11:30; 15:20 15 11:42 16 20:24-29; 21:2; Mar 14:31; Rom 6:8
Yesus Du'aa Ka'uu Dha, Jireenyas
17Yesus yommuu achi ga'e, Alaazaar du'ee erga awwaalamee guyyaa afur ta'uu isaa bare*. 18Bitaaniyaan Yerusaalem irraa akka kiiloo metrii sadii yookiis adeemsa walakkaa sa'aatii duwwaa in fagaata ture*. 19Yihudoonni baay'eenis waa'ee du'a obboleessa isaaniitiif Maartaa fi Maariyaamin jajjabeessuudhaaf dhufanii turan*. 20Maartaan dhufa Yesus dhageessee, gad itti baate; Maariyaam garuu mana keessa in teessi turte*. 21Maartaan yommus Yesusiin, ?Gooftaa utuu ati as jiraattee, obboleessi koo hin du'u ture*. 22Ammuma iyyuu immoo waanuma ati isa kadhatte, Waaqayyo akka siif kennu ani nan beeka? jette*. 23Yesus yommus, ?Obboleessi kee in ka'a? ittiin jedhe. 24Maartaan immoo deebiftee, ?Guyyaa isa dhumaatti, yeroo warri du'an du'aa ka'anitti, akka inni ka'u ani beeka? jette*. 25Yesus garuu, ?Du'aa ka'uun, jireenyis ana; namni anatti amanu yoo du'e iyyuu in jiraata*. 26Utuu jiruu kan anatti amanu hundinuu immoo bara baraan hin du'u; kana amantaa ree?? jedheen*. 27Isheen kana irratti, ?Eyyee gooftaa, ati Kristos, isa gara biyya lafaa dhufuuf jiru, ilma Waaqayyoo akka taate amaneera? jetteen*.#17 11:39 18 Mat 21:17 19 11:31; Iyo 2:11; 1Sen 10:12 20 Luq 10:38-42 21 11:32,37 22 9:31,33; 11:41-42 24 5:25,28-29; HoE 24:15; Dan 12:2 25 14:6; 3:36; 6:40,54 26 5:24; 8:51 27 6:14,69; Mat 16:16
Yesus Alaazaariif Imimmaan Dhangalaasuu Isaa
28Maartaan erga kana jettee booddee, dhaqxee obboleettii ishee Maariyaamin suuta jettee waamte; ?Barsiisaan as jira, si waamas? jette. 29Maariyaam akkuma kana dhageesseen, daftee kaatee gara Yesus dhaqxe. 30Yesus iddoodhuma Maartaan isatti dhufte ture malee, amma illee gandichatti hin galle*. 31Yihudoonni warri ishee jajjabeessuudhaaf ishee wajjin mana keessa turan, Maariyaam daftee kaatee gad ba'uu ishee argan; isaan iddoo awwaalaatti boo'uu dhaqxi se'anii ishee duukaa in bu'an. 32Maariyaam iddoo Yesus ture geessee, erga isa argitee miilla isaatti kuftee, ?Gooftaa! Utuu ati as jiraattee, obboleessi koo hin du'u ture? jetteen*. 33Yesus boo'icha ishee fi boo'icha Yihudoota warra ishee wajjin dhufanii yommuu arge, hafuuratti dhiphatee garaan isaa raafame*. 34?Eessatti awwaaltan?? jedhee gaafannaan, ?Kottuutii ilaali gooftaa!? jedhanii deebisaniif. 35Yesus imimmaan isaa dhangalaase*. 36Yommus warri Yihudootaa, ?Ilaa attam isa jaallate!? jedhan*. 37Isaan keessaa garri kaan garuu, ?Inni ija nama jaamaa bane kun, Alaazaar akka hin duune gochuu hin danda'u turee?? jedhan*.#30 11:20 32 11:21 33 13:21; Mat 26:37-38 35 Luq 19:41 36 11:3 37 9:6-7,32
Yesus Alaazaarin Du'aa Kaasuu Isaa
38Yesus ammas of keessatti dhiphatee, gara awwaalichaa dhaqe. Awwaalichi holqa dhagaa ti; holqichis dhagaadhaan cufamee ture*. 39Yommus Yesus, ?Dhagicha ittii fuudhaa!? jedhe; Maartaan obboleettiin isa du'e immoo, ?Gooftaa, yoona foolii godhateera, erga awwaalamee har'a guyyaa afuraffaa isaa ti? ittiin jette*. 40Kana irratti Yesus, ?Yoo amante ulfina Waaqayyoo akka argitu, ani sitti hin himnee ree?? isheedhaan jedhe*. 41Kana booddee isaan dhagicha awwaalichattii fuudhan; Yesus garuu ol ilaalee, ?Yaa abbaa! Anaaf dhaga'uu keetiif sin galateeffadha*. 42Akka ati yeroo hundumaa anaaf dhageessu, ani beekeera, garuu namoonni as dhaabatan kun, akka ati ana ergite haa amananiifan kana dubbadhe? jedhe*. 43Kana jedhee sagalee guddaadhaan, ?Alaazaar as ba'i!? jedhee waame. 44Kanaaf namichi du'ee ture sun awwaalicha keessaa gad ba'e; miilla isaa lamaanii fi harka isaa lamaanitti wayyaan hidhamee, fuula isaattis uffanni maramee ture. Yesus, ?Irraa hiikaatii gad dhiisaa! Haa dhaqu!? jedhee isaan abboome*.#38 Mat 27:60 39 20:1 40 11:4,23,25-26 41 17:1; 1Mot 18:36-37 42 12:30; 17:21 44 20:6-7; Mar 5:42
Yesusin Ajjeesuudhaaf Korachuu Isaanii
(Mat 26:1-5; Mar 14:1-2; Luq 22:1-2)
45Yihudoota gara Maariyaam dhufan keessaa baay'een, waan Yesus hojjete arganii itti amanan*. 46Isaan keessaa kaan immoo gara warra Fariisotaa dhaqanii, waan Yesus hojjete isaanitti himan. 47Kana irratti luboonni warri angafoonnii fi Fariisonni yaa'ii warra Yihudootaa walitti waammatanii, ?Waa'ee namicha milikkita baay'ee argisiisaa jiru kanaa maal gochuu nuuf wayya*? 48Akkasumatti yoo isa dhiifne, namoonni hundinuu isatti in amanu; warri Roomaas dhufanii, mana qulqullummaa keenya, saba keenyas nu duraa fudhatu? jedhan*. 49Isaan keessaa tokko, Qayyaafaa inni jedhamu, waggaa sanatti angafa lubootaa ture; inni, ?Isin homaa iyyuu hin beektan. 50Sabni guutummaatti dhumuu mannaa, namni tokko sabaaf du'uun akka isiniif wayyus hin hubattan? isaaniin jedhe*. 51Inni dubbii kana of keessaa fuudhee hin dubbanne; waggaa sanatti angafa lubootaa waan tureef, Yesus saba sanaaf du'uuf akka jiru, raajii dubbate malee*. 52Saba sana duwwaadhaaf utuu hin ta'in, ijoollee Waaqayyoo warra biyya adda addaatti bittimmaa'an tokkummaatti walitti qabuudhaaf du'uuf ture*. 53Kanaaf jarri guyyaa sanaa jalqabanii, Yesusin ajjeesuudhaaf murtoo godhan*.#45 7:31; 12:11,42 47 Mat 26:3-5 48 12:19 50 18:14 51 Bau 28:30; Lak 27:21 52 7:35; 10:16; 1Yoh 2:2 53 5:18; Mat 26:4
54Yommus Yesus qooda mul'inatti Yihudoota gidduu deddeebi'uu, iddoo sana dhiisee gara kutaa biyyaa isa lafa onaatti dhi'aatuu, gara mandara Efreem jedhamuu dhaqee, bartoota isaa wajjin achi in bubbule*.#54 7:1; 3:22
55Ayyaanni Faasiikaa warra Yihudootaa dhi'aannaan, biyya keessaa namoonni baay'een, ayyaanichi utuu hin ga'in of qulleessuudhaaf, Yerusaalemitti ol ba'an*. 56Isaan kun Yesusii wajjin wal arguu barbaadan; mana qulqullummaa keessa dhaabatanii, ?Maal isinitti fakkaata? Gara ayyaanichaa in dhufa moo?? waliin jedhan*. 57Luboonni warri angafoonnii fi Fariisonni, Yesusin qabachuudhaaf, namni iddoo inni jiru beeku akka isaanitti beeksisuuf abboommii baasan.#55 2:13; 6:4; 2Sen 30:17 56 7:11; 12:9

Currently Selected:

WANGEELA YOHANNIS 11: MacQul

Highlight

Share

Copy

None

Want to have your highlights saved across all your devices? Sign up or sign in