Kana jedhee sagalee guddaadhaan, ?Alaazaar as ba'i!? jedhee waame. Kanaaf namichi du'ee ture sun awwaalicha keessaa gad ba'e; miilla isaa lamaanii fi harka isaa lamaanitti wayyaan hidhamee, fuula isaattis uffanni maramee ture. Yesus, ?Irraa hiikaatii gad dhiisaa! Haa dhaqu!? jedhee isaan abboome*.