WANGEELA YOHANNIS 9
9
Yesus Nama Dhaloota Isaatii Jalqabee Jaame Tokko Fayyisuu Isaa
1Yesus utuu darbuu nama dhaloota isaatii jalqabee jaame tokko arge. 2Yommus bartoonni isaa, ?Barsiisaa! Namni kun cubbuu eenyuutiif jaamaa ta'ee dhalate? Isatu yakke moo yookiis abbaa isaatii fi haadha isaatu yakke?? jedhanii Yesusin gaafatan*. 3Yesus immoo deebisee, ?Inni cubbuu hojjeteef yookiis abbaan isaatii fi haati isaa cubbuu hojjetaniif miti, isa fayyisuudhaan hojiin Waaqayyoo akka mul'atuuf jaamaa ta'ee dhalate malee*. 4Hojii isa ana ergee guyyaadhaan hojjechuun nuuf in ta'a, yeroo namni tokko illee itti hojjechuu hin dandeenye halkan in dhufa'o*. 5Biyya lafaa keessa hamman jirutti, ani ifa biyya lafaa ti? isaaniin jedhe*. 6Yesus akkuma kana jedheen lafatti tufee, hancufa isaatiinis biyyoo dhoqqeessee, dhoqqicha ija namichaatti dibe*. 7Namichaanis, ?Dhaqi Siiloam bishaan kuufamaatti dhiqadhu!? jedhe; ?Siiloam? jechuun isa ergame jechuu dha. Namichi yommus dhaqee dhiqatee, ija isaatiinis argaa, deebi'ee dhufe*.#2 Bau 20:5; His 18:20; Luq 13:2 3 11:4 4 5:17 5 8:12; 12:35; Mat 5:14 6 Mar 8:23 7 5:2-4; 2Mot 5:10
8Olloonni isaa, warri kanaan dura utuu inni kadhatuu argan, ?Inni kun namicha isa taa'ee kadhachaa ture mitii?? jedhanii gaafatan*. 9Namoonni kaan, ?Eyyee isuma? jedhan; kaan immoo, ?Lakkisaa, isa fakkaata malee? jedhan. Namichi yommus, ?Ani isa? jedhe. 10Namoonni immoo, ?Iji kee lachanuu attamitti siif banamani ree?? jedhanii isa gaafatan. 11Kana irratti inni, ?Namicha isa Yesus jedhamutu biyyoo dhoqqeessee, ija koo lachuutti anaaf dibee, ?Gara bishaan Siiloam dhaqiitii dhiqadhu!? anaan jedhe. Anis dhaqee dhiqadheetan arguu danda'e? jedhee isaaniif deebise. 12Jarri immoo, ?Inni eessa jira?? jedhanii isa gaafatan; namichi garuu, ?Ani hin beeku? jedhee deebiseef.#8 HoE 3:10
Fariisonni Akka Itti Namichi Jaamaan Sun Fayye Qorachuu Isaanii
13Jarri yommus namicha dur jaamaa ture sana fuula warra Fariisotaatti in dhi'eessan*. 14Guyyaan Yesus biyyoo dhoqqeessee ija namicha jaamaa bane guyyaa Sanbataa ture*. 15Fariisonnis immoo attamitti arguu akka danda'e namicha in gaafatan; namichi yommus, ?Inni ija koo irra dhoqqee kaa'e, ani immoo nan dhiqadhe, nan arges!? isaaniin jedhe. 16Fariisota keessaa jarri tokko, ?Namni kun guyyaa Sanbataa waan hin eegneef, nama Waaqayyo biraa dhufe ta'uu hin danda'u? jedhan. Isaan keessaa kaan garuu, ?Namni cubbamaan attamitti milikkita kana hundumaa hojjetee argisiisuu danda'a?? jedhanii kana irratti yaadaan gargar ba'an*. 17Kana booddee warri Fariisotaa namicha isa jaamaa ture sanaan, ?Waa'ee isa ija kee siif bane kanaa maal jetta?? jedhan; yommus namichi, ?Inni raajii dha? jedhee deebiseef*.#13 7:32; 11:46 14 5:9-10 16 3:2; 9:31,33; 7:23; HoE 2:22 17 4:19; Luq 24:19
18Yihudoonni amma iyyuu, namichi kun jaamaa akka ture akka inni arguu danda'es hin amanne; kanaaf abbaadhaa fi haadha namicha isa arguu danda'e kanaa, ofitti waaman. 19Warra waamaman kanaanis, ?Inni kun ilma keessan, isa isin jaamaa ta'ee dhalate jettanii? Amma immoo attamitti arga ree?? jedhanii gaafatan. 20Abbaan isaa fi haati isaa deebisanii, ?Akka inni ilma keenya ta'e, jaamaa ta'ees akka dhalate in beekna. 21Amma attamitti akka argu hin beeknu; yookiis eenyu ija isaa lachuu akka baneef nuyi hin beeknu; inni nama ga'aa dha, innumtuu waa'ee ofii isaatii in dubbata, isa gaafadhaa!? jedhan. 22Abbaan isaa fi haati isaa Yihudoota waan sodaataniif kana jedhan; namni ?Yesus Masiihicha? jedhee dhugaa ba'u, tokkummaa mana sagadaa isaanii keessaa akka baafamu Yihudoonni sun irratti walii galanii turan*. 23Sababii kanaaf abbaan isaa fi haati isaa, ?Inni nama ga'aa dha, isa gaafadhaa!? jedhan.#22 7:13; 19:38; 20:19; 12:42
24Ergasii Fariisonni namicha jaamaa ture sanas si'a lammaffaa waamanii, ?Ati, dhugaa dubbachuudhaan Waaqayyoof ulfina kenni! Namni kun cubbamaa akka ta'e nuyi in beekna? ittiin jedhan*. 25Namichi immoo, ?Inni cubbamaa ta'uu isaa ani hin beeku, waan tokkicha duwwaa nan beeka, ani jaamaa ta'een dhaladhe, amma garuu nan arga? jedhee isaaniif deebise. 26Kana irratti isaan, ?Maal siif godhe? Attamittis ija kee siif bane?? jedhanii gaafatan. 27Inni immoo, ?Kanaan dura ani isinitti himnaan dhaga'uu diddan; maaliif ammas dhaga'uu barbaaddu? Tarii isinis immoo bartoota isaa ta'uu feetuu?? jedhee deebiseef. 28Fariisonni kana irratti namichatti ori'anii, ?Situ bartuu isaa ti, nuyi garuu bartoota Musee ti. 29Waaqayyo Museetti akka dubbate nuyi in beekna; namichi kun garuu eessaa akka inni dhufe iyyuu hin beeknu? jedhaniin*. 30Namichi immoo deebisee, ?Inni ija koo anaaf bane, isin immoo eessaa akka inni dhufe iyyuu hin beeknu jettu; kun nama dinqa. 31Waaqayyo warra cubbamootaaf akka hin dhageenye in beekna; nama isa sodaatuuf jaalala isaas isa raawwatuuf garuu in dhaga'a*. 32Durii durii jalqabee, namni ija nama jaamaa ta'ee dhalatee akka bane, dhaga'amee hin beeku. 33Namni kun utuu Waaqayyo biraa dhufuu dhabaate, waanuma tokko iyyuu hojjechuu hin danda'u ture? isaaniin jedhe*. 34Isaan immoo deebisanii, ?Ati guutummaatti cubbuudhaan dhalattee nu barsiiftaa?? jedhaniin; yommus namicha tokkummaa mana sagadaa isaanii keessaa in baasan*.#24 Iya 7:19; Mul 11:13 29 7:27; 8:14 31 Far 66:18; Fak 15:8,29; Isa 1:15 33 3:2; 9:16 34 9:2; Far 51:5,7
Hafuuratti Jaamaa Ta'uu Namootaa
35Yesus yommus, Fariisonni namicha jaamaa ture sana tokkummaa mana sagadaa isaanii keessaa akka baasan in dhaga'e; isa argees, ?Ilma namaatti in amantaa?? ittiin jedhe. 36Namichi immoo, ?Inni isa kami? Yaa gooftaa, anatti himi, itti nan amana!? jedhee deebiseef. 37Kana irratti Yesus, ?Isa'oo dur argite, inni amma sii wajjin dubbachaa jirus isuma? jedheen*. 38Namichi deebisee, ?Nan amana, gooftaa ko? jedhee, jilbeenfatee Yesusiif sagade. 39Yesus ammoo, ?Warri hin argine akka argan, warri arguutti jiran immoo jaamota akka ta'an, firdii kennuudhaaf ani gara biyya lafa kanaa dhufeera? jedhe*. 40Fariisota warra isaa wajjin turan keessaa jarreen tokko kana dhaga'anii, ?Nus immoo jaamota jechuu keetii ree?? jedhaniin* 41Yesus immoo, ?Jaamota utuu taatanii cubbuu hin qabdan turtan, amma garuu in argina jettu, kanaaf cubbuun keessan isin irratti in hafa? jedhee isaaniif deebise*.#37 4:26 39 3:17; 5:22,27,30; Mat 11:5,25; 13:11-17; Luq 2:34; 4:18 40 Mat 15:14; 23:26; Rom 2:19 41 15:22
Currently Selected:
WANGEELA YOHANNIS 9: MacQul
Highlight
Share
Copy
Want to have your highlights saved across all your devices? Sign up or sign in
(C) The Bible Society of Ethiopia, 1997; OROMO LATIN BIBLE BSE-UBS 26M 2006.