YouVersion Logo
Search Icon

Seera Ba'uu 14

14
Sabni Israa'el Galaana Diimaa Ce'uu Isaanii
1Waaqayyo yommus Museedhaan, 2<<Gara galanii Phiihahiirot dura, Miigdolii fi galaana diimaa gidduu, Ba'aal-Zefon fuula duraan akka buufataniif Israa'elootatti himi! Isin hundumti keessan fuullee isaatiin gara galaanichaa in buufattu. 3Mootiin Gibxii yowwana,<<Lafti onaan naanna'ee karaa itti cufe, Israa'eloonni biyya keessa naanna'anii jooraa jiru>> jedhee in yaada; 4ani immoo mooticha garaa isaa nan jabeessa; innis faana dha'ee isin in hordofa; ani mootichaa fi loltuu isaa hundumaa irratti ulfina nan argadha; warri Gibxiis ani Waaqayyo akkan ta'e kanaan beekuuf jiru!>> jedhe; warri Israa'elis akkuma isaanitti himame in godhan*.#4 4:21; His 28:22
5Sabni sun baqatee ba'uun isaa mootii Gibxiitti yeroo himametti, innii fi hojjetoonni isaa waa'ee saba sanaaf kan yaadan geddaramee,<<Sabni Israa'el nuuf hojjechuu dhiisee akka adeemu gochuun keenya kun maali?>> jedhan. 6Kana irratti mootichi konkolaataa isaa qopheeffatee, loltuu isaas fudhatee, 7konkolaattota fo'aman dhibba ja'a, konkolaattota warra kaan hundumaa irras ajajjuu duulaa naqatee fudhatee in ka'e. 8Waaqayyo yommus mootiin Gibxii mataa akka jabaatu in godhe; mootichi Israa'eloota warra eegumsa irree cimaatiin adeeman sana in hordofe. 9Warri Gibxii, fardeenii fi konkolaattonni mootichaa hundinuu, aboonni fardeenii isaa, loltoonni isaas jara in hordofan; galaana bira, Phiihahiirot dura, fuullee Ba'aal-Zefon buufatanii utuu jiraniis isaan in qaqqaban.
10Yeroo mootichi isaanitti dhi'aate, Israa'eloonni ol ilaalanii, kunoo, warri Gibxii booddee isaaniitiin isaan hordofaa akka dhufan argan; yommus Israa'eloonni guddaa sodaatanii gara Waaqayyootti in iyyan; 11Museedhaan immoo,<<Biyya Gibxii keessa iddoon awwaalaa waan hin jirreef, as lafa onaatti akka dhumnuuf nu fiddee>> Inni ati biyya Gibxii nu baafte kun maal nu irratti hojjechuu kee ti>> 12Wanti nuyi,<<Kottuu nu dhiisi, warra Gibxiif garba taanee in hojjennaa!>> jennee, Gibxi keessatti sitti himne isuma kana mitii ree>> Nuyi lafa onaa keessatti dhumuu irra, warra Gibxiif hojjechuu nuuf wayya ture>> jedhan. 13Museen immoo saba sanaan,<<Warra Gibxii warra har'a argitan kana deebitanii akka kanatti lammaffaa waan hin argineef, hin sodaatinaa, jabaadhaa dhaabadhaatii har'a gocha Waaqayyo isin fayyisuudhaaf raawwatu ilaalaa! 14Amma Waaqayyo isiniif in lola, isin gabii argadhaa!>> jedhe*.#14 Kes 1:30; 2Sen 20:15,29; Isa 51:9
15Waaqayyo yommus Museedhaan,<<Maaliif gara kootti iyyita>> Ka'anii gara fuula duraatti akka adeemaniif Israa'elootatti himi! 16Ati immoo ulee kee ol fuudhi, harka kee galaanicha irratti diriirsi! Israa'eloonni galaanicha yommuu ce'an lafa gogaa irra akka adeemaniif galaanicha gargar hiri! 17Warri Gibxiis isaan booddeedhaan akka itti lixanitti, ani akka isaan mataa jabaatan nan godha; ani yommus mootichaa fi loltuu isaa hundumaa, konkolaattota isaa, abboota fardeenii isaa irrattis ulfina nan argadha. 18Yeroo ani mooticha irratti konkolaattota isaa irratti, abboota fardeenii isaa irrattis mo'icha argadhutti immoo, warri Gibxii ani Waaqayyo akkan ta'e kanaan in beeku>> jedhe.
19Yommus ergamaan Waaqayyoo inni macca Israa'el dura adeemaa ture, ka'ee gara isaan booddeetti in darbe; utubaan duumessaa sunis isaan fuula duraa ka'ee isaan booddee in dhaabate. 20Utubaan duumessichaa sun macca warra Gibxii fi macca warra Israa'el gidduu goree, gar tokkotti duumessaa'ee dukkaneesse, gara kaanitti immoo halkan in ibse; akka kanatti halkan sana guutuu macci inni tokko isa kaanitti hin dhi'aanne ture*.#20 Far 105:39
21Museenis harka isaa galaanicha irratti in diriirse; Waaqayyo immoo halkan sana guutuu qilleensa ba'a-biiftuu isa jabaadhaan galaanicha gara booddeetti in deebise; bishaanichis erga gargar hiramee galaanicha gidduu lafa gogaa godhe. 22Israa'eloonni galaanicha gidduu lafa gogaa irra in adeeman; bishaanichis mirga isaanii fi bitaa isaaniitti akka keenyanii isaaniif ta'e*. 23Warri Gibxii, fardeen mootichaa, konkolaattonni isaa, abboonni fardeenii isaa hundinuu Israa'eloota ari'anii isaan booddeedhaan galaanicha gidduu lixan. 24Yeroo darabee dammaqa bariitti Waaqayyo utubaa ibiddaa fi duumessaa keessaan macca warra Gibxii sana gad ilaalee, gara itti goran isaan in wallaalchise. 25Akka isaan danqamaan adeemaniif geengoon konkolaattota isaanii rakkinaan akka naanna'u in godhe; warri Gibxiis,<<Waaqayyo, nu warra Gibxii irratti ka'ee warra Israa'eliif waan loluuf, kottaa isaan duraa in baqannaa!>> jedhan. 26Yommus Waaqayyo Museedhaan,<<Bishaanichi warra Gibxii irratti, konkolaattota isaanii fi abboota fardeenii isaanii irratti walitti akka deebi'uuf, ati harka kee galaanicha irratti diriirsi!>> jedhe. 27Museen harka isaa galaanicha irratti diriirse, barii lafaattis warri Gibxii baqachaa utuu jiranii, galaanichi akka isaa duriitti in deebi'e; Waaqayyo akkasitti warra Gibxii galaana keessatti hambise. 28Bishaanichi walitti deebi'ee, konkolaattota abboota fardeenii, loltuu mootichaa warra isaan hordofanii galaana keessa lixan hundumaa in liqimse; isaan keessaa namni tokko illee hin hafne. 29Israa'eloonni garuu bishaanichi gara mirga isaaniitii fi gara bitaa isaaniitiin keenyan ta'eefii, galaanicha keessa lafa gogaa irra adeemanii ce'an.#22 Iya 4:23; 2Mot 2:8; Isa 11:15-16; 1Qor 10:1-2; Ibr 11:29
30Waaqayyo akkasitti gaafas warra Israa'el harka warra Gibxii in oolche; warri Israa'el reeffa warra Gibxii qarqara galaanaatti argan. 31Sabni Israa'el Waaqayyo irree isaa isa guddaadhaan warra Gibxii irratti waan hojjete yommuu argan, isa in sodaatan; isaan Waaqayyoon, Musee garbicha isaas in amanan*.#31 19:9; 2Sen 20:20

Currently Selected:

Seera Ba'uu 14: MacQul

Highlight

Share

Copy

None

Want to have your highlights saved across all your devices? Sign up or sign in