Seera Ba'uu 13
13
Ayyaanni Maxinoo Ayyaaneffamu Jalqabuu Isaa
1Waaqayyo Museedhaan, 2<<Angafa hundumaa addaan anaaf baasi! Israa'eloota keessatti namni, horiinis kara-saaqii kan ta'e hundinuu kan koo ti>> jedhe*.#2 13:11-16; 22:28; Lak 3:13; 8:17; 18:15; His 20:25-26; Luq 2:23
3Museen yommus jaraan,<<Waaqayyo irree jabaadhaan achii waan isin baaseef, guyyaa itti mana garbummaa biyya Gibxii keessaa baatan kana yaadadhaa! Yeroo kana wanti raacitii qabu hin nyaatamin*! 4Ji'a Abiib keessaa guyyaa har'aa ba'uu keessan*. 5Waaqayyo biyya aannanii fi damma baasu isiniif kennuudhaaf abboota keessan kakuudhaan abdachiiseera; inni biyya Kana'aanotaa, Heetotaa, Amoorotaa, Hiiwotaa, Yibusootaattis yommuu isin galchu, ji'a kana keessa Waaqayyoof hojjechuudhaan ayyaana Maxinoo kana godhadhaa*! 6Guyyaa torba maxinoo in nyaattu, guyyaan torbaffaan immoo ulfina Waaqayyootiif ayyaana in ta'a*>> jedhe. 7Itti fufee saba sanaan,<<Guyyaa torban kana maxinoon haa nyaatamu! Wanti raacitii qabu isin biratti hin argamin; biyya kee keessattis iddoo tokkotti illee raacitiin hin argamin*! 8Gaafas,<<Kun wanta Waaqayyo yeroo ani biyya Gibxii keessaa ba'e anaaf godhe sanaaf in hojjetama>> jettee ilma keetti in himta. 9Waaqayyo irree jabaadhaan biyya Gibxii keessaa waan si baaseef, seerri Waaqayyoo afaan kee keessaa akka hin buunetti, kun harka kee irratti milikkita, ija kee durattis seenaa siif haa ta'u*! 10Seera ayyaana kanaa wagguma waggaatti guyyaa isaaf dhaabate sanatti eegi!>> jedhe.#3 12:33-34 4 12:2 5 Uma 15:18-21 6 12:15-16 7 1Qor 5:8 9 13:16; Kes 6:6-9
Isa Angafa Waaqayyoof Akka Dhi'eessan Gorsuu Isaa
11Museen itti fufee,<<Waaqayyo biyya siif kennuudhaaf, abboota kee kakuudhaan abdachiise, biyya Kana'aanotaatti si galcha. 12Yommus kara-saaqii hundumaa Waaqayyoof in dhi'eessita; horii kee hundumaa keessaa dura kan dhalate kormi hundinuu kan Waaqayyoo ti. 13Harree wadala angafa dhalatu hundumaa xobbaallaa korbeessaatiin in furta; yoo furuu dhabaatte immoo saggoo isaa kuti! Sanyii kee keessaa immoo ilma isa angafa in furta. 14Eger-bor ilmi kee,<<Inni ati akkas gootu kun maali?>> jedhee yommuu si gaafatu, ati immoo,<<Waaqayyo irree jabaadhaan mana garbummaa biyya Gibxii keessaa nu baase. 15Mootiin Gibxii mataa jabaatee yommuu gad nu dhiisu dide, Waaqayyo immoo biyya Gibxii keessaa angafa namaatii jalqabee hamma angafa horiitti, angafa hundumaa in ajjeese; kanaaf ani kara-saaqii korma ta'ee dhalatu hundumaa Waaqayyoof aarsaa nan dhi'eessa; ilmaan koo keessaa isa angafa garuu nan fura>> jedhii itti himi! 16Waaqayyo irree jabaadhaan biyya Gibxii keessaa waan nu baaseef, gochi kun harka kee irratti milikkita, ija kee durattis kan rarra'u haa ta'u!>> jedhe*.#11-16 13:2; 22:28-29; 34:19-20; Lak 3:12-13; 8:16-18; 18:15-18; Kes 15:19-20; Luq 2:23 16 13:9
Waaqayyo Saba Israa'el Utubaa Duumessaa Fi Utubaa Ibiddaatiin Geggeessuu Isaa
17Mootiin Gibxii jara yommuu gad dhiise, karaan biyya Filiisxiyaa keessa baasu dhi'oo yoo ta'e iyyuu lolli yoo isaanitti ka'e jarri gaabbanii biyya Gibxiitti akka hin deebineef Waaqayyo achi irra isaan hin geessine. 18Waaqayyo kanaaf akka jarri karaa lafa onaa keessa ba'ee gara galaana diimaa dhaqu irra naanna'anii adeeman godhe; Israa'eloonni mi'a lolaa akkuma hidhatanitti biyya Gibxii keessaa ol ba'an. 19Yoseef,<<Waaqayyo dhugumaan isin in yaadata; isin immoo yommus lafee koo asii fuudhaa ba'aa!>> jedhee, Israa'eloota jabeessee waan kaksiiseef, Museen lafee Yoseef fuudhee ba'e*.#19 Uma 50:25; Iya 24:32
20Jarri Suukootii ka'anii, Etaam qarqara lafa onaa buufatan. 21Waaqayyo akka isaan halkanii fi guyyaa adeemuu danda'aniif, guyyaa utubaa duumessaatiin isaan dura adeemee karaa isaanitti argisiise, halkan immoo utubaa ibiddaatiin isaaniif ibse; akkasitti isaan in geggeesse*. 22Guyyaa utubaan duumessaa, halkan immoo utubaan ibiddaa fuula jaraa duraa hin dhabamne ture.#21 33:9; 40:34-38; Lak 9:15-23; Kes 1:32-33; 1Mot 8:10; Isa 4:5-6; Far 78:14; 105:39; 1Qor 10:1
Currently Selected:
Seera Ba'uu 13: MacQul
Highlight
Share
Copy
Want to have your highlights saved across all your devices? Sign up or sign in
(C) The Bible Society of Ethiopia, 1997; OROMO LATIN BIBLE BSE-UBS 26M 2006.