Seera Ba'uu 12
12
Seerri Faasiikaa Ibrootaa Dhaabamuu Isaa
1Waaqayyo ergasiis biyya Gibxii keessatti Museedhaa fi Aaroniin, 2<<Ji'i kun isiniif ji'a isa jalqabaa haa ta'u, ji'a waggaa keessaas ji'a isa duraa isiniif haa ta'u*! 3Guutummaa waldaa warra Israa'elitti himaa, ji'a kanattii guyyaa kurnaffaatti, namni akka mana mana isaatti xobbaallaa tokko maatii tokkoof haa fudhatu! 4Warri mana tokko keessa jiran xobbaallaa tokkoof muraasa yoo ta'an garuu, namni tokko akkuma baay'ina namoota isaatiitti ollaa isatti aanu tokkoo wajjin haa fudhatu! Xobbaallaa sanaaf hamma namni tokko nyaachuu danda'u shalaguudhaan nama in lakkooftu. 5Xobbaallaan kun korbeessa waggaa tokkoo isa mudaa hin qabne haa ta'u! Isa, hoolaa yookiis reettii keessaa in fudhattu*. 6Korbeessicha ji'a kanattii hamma guyyaa kudha afuraffaatti keessanii, gaafas dimimmisa galgalaatti wal ga'iin waldaa Israa'el hundumti keessan korbeeyyii keessan adduma addaan in qalattu. 7Yommus warri qalan dhiiga isaa irraa fuudhanii michichila balbalaa lamaanuu, buusaa mataa balbalaa lamaanuu, buusaa mataa balbalaa manneen xobbaallicha keessatti nyaataniitti haa diban*! 8Isaan foonicha immoo halkanuma sana haa nyaatan! Foonichi ibiddaan waadamee, maxinoodhaa fi biqiltuu urgooftuu hadhaa'uu wajjin nyaatamuutu irra jira. 9Foonicha waaddii malee, dheedhii yookiis bishaan itti naqxanii affeeltanii hin nyaatinaa! Inni mataa isaa, many'ee isaa, mi'a garaa isaa hundumaa wajjin in waadama*; 10isa irraa waan tokko illee hamma ganamaatti hin hambisinaa; waan hamma ganamaatti irraa hafe immoo ibiddaan gubaa! 11Yeroo nyaattan, mudhii keessan hidhattanii, kophee miilla keessanii isa baaqqee miillatti kaa'attanii, ulee keessan harkatti qabattanii, ariitiidhaan nyaadhaa! Inni Faasiikaa Waaqayyoo ti*! [<<Faasiikaa>> jechuun <<Bira darbuu>> jechuu dha].#2 13:4 5 Lew 22:19-20 7 12:13,22 9 Kes 16:7 11 Kes 16:2-3; Isa 52:12
12<<Ani halkan sana biyya Gibxii keessa nan darba, angafa biyya Gibxiis namaa hamma horiitti nan dha'a; ani Waaqayyo, waaqayyolii warra Gibxii hundumaa irratti firdii nan raawwadha*. 13Dhiigni manneetii isin keessa jiraattanitti jiru garuu milikkita isiniif in ta'a; anis dhiigicha yommuun argu isin irra nan darba; yeroo ani dha'icha kana biyya Gibxiitti fidutti, isin balleessuudhaaf dha'ichi tokko illee isinitti hin bu'u*. 14Guyyaan kun seenaadhaaf isiniif haa ta'u; isa akka guyyaa cidhaatti Waaqayyoof in ayyaanessitu! Dhaloota dhaloota keessaniittis akka seera bara baraatti in ayyaanessitu!>> jedhe.#12 Lak 33:4; Bau 12:29 13 30:12; Ibr 11:28
Ayyaana Maxinoo
15Waaqayyo,<<Isin guyyaa torba maxinoo in nyaattu; guyyaa isa duraatii jalqabee hamma guyyaa isa torbaffaatti, namni wanta raacitii qabu nyaate, Israa'el keessaa waan balleeffamuuf, guyyaa duraatti raacitiin mana keessan keessatti akka hin argamne in gootu. 16Isin guyyaa duraatti ammas immoo guyyaa torbaffaatti wal waamtanii wal ga'ii qulqullaa'aa in godhattu; guyyoota sanatti hojiin tokko illee hin hojjetamu, wanta namni mata mataatti nyaatu garuu in hojjetattu. 17Ani macca keessan guyyaa kanatti biyya Gibxii keessaa waanan baasuuf, isin immoo dhaloota dhaloota keessanii keessatti guyyaa kana akka seera bara baraatti in eegdu. 18Ji'a isa duraa, ji'ichattiis guyyaa kudha afuraffaa galgala maxinoo in nyaattu; hamma ji'ichattii guyyaa digdamii tokkoffaa galgalaatti akkasuma in gootu. 19Namni tokko illee wanta raacitii qabu yoo nyaate, galaa yoo ta'es, dhaloota biyyaa yoo ta'es, namni sun waldaa Israa'el keessaa waan balleeffamuuf, raacitiin tokko illee guyyoota torban sanaaf manneen keessan keessatti hin argamin! 20Wanta raacitii qabu tokko illee hin nyaatinaa, lafa jiraattan hundumaatti wanta raacitii hin qabne nyaadhaa!>> jedhe*.#15-20 23:15; 34:18; Lew 23:6-8; Lak 28:17-25; Kes 16:3-8; Iya 5:11; 2Sen 30:13,21; 35:17; 'z 6:22; His 45:21; Mat 26:17
Ayyaana Faasiikaa Isa Duraa
21Yommus Museen maanguddoota Israa'el hundumaa waamee,<<Akka maatii keessaniitti bushaayee keessaa tokko fudhadhaatii xobbaallaa Faasiikaa sana qaladhaa! 22Baala hisooph qabaatti fudhadhaatii, dhiigicha waciitii keessaa sana keessa cuuphaa, dhiigicha waciitii keessaa sana irraas buusaa balbalaa fi michichila lamaanitti dibaa! Isin keessaa immoo namni tokko illee hamma bari'utti manaa isaatii gad hin ba'in! 23Warra Gibxii dha'uudhaaf Waaqayyo yeroo keessa darbutti, dhiigicha buusaa balbalaa fi michichila lamaanuutti argee, balbalicha irra in darba; inni balleessu sun manneen keessanitti lixee akka isin dha'u hin godhu*! 24Isin, ijoolleen keessanis seera bara baraaf kenname kana eeguutu ta'a. 25Isin biyya Waaqayyo akkuma isin abdachiisetti isiniif kennu sanatti yeroo galtan akkasitti isaaf hojjechuu ittuma fufaa! 26Yeroo ijoolleen keessan,<<Inni isin akkas gootan kun maali?>> jedhanii isin gaafatan, 27isin immoo,<<Waaqayyo biyya Gibxiitti warra Gibxii yommuu dha'e manneen keenya manneen Israa'elootaa oolchee waan bira darbeef, kun aarsaa Faasiikaa isa bira darbuu Waaqayyoo argisiisuu dha>> isaaniin in jettu>> jedheen; yommus sabni sun, qoomma'anii Waaqayyoof in sagadan. 28Ergasii Israa'eloonni dhaqanii akkuma Waaqayyo Musee fi Aaroniin abboome in godhan.#23 Ibr 11:28
Dha'ichi Kurnaffaan, Inni Angafa Kan Ta'e Ajjeesu Raawwatamuu Isaa
29Halkan walakkaa yommuu ta'e Waaqayyo biyya Gibxii keessaa angafa kan ta'e hundumaa, dhala mootichaa isa angafa teessoo isaa dhaaluu jalqabee hamma dhala nama hidhamee mana boollaa keessa jiru isa angafaatti akkasumas angafa horii hundumaa in dha'e*. 30Halkan sanaan mootichi ofii isaatii, hojjetoonni isaa hundinuu, warri biyya Gibxii hundinuus in ka'an; manni tokko illee kan keessaa hin du'in waan hin jirreef, biyya Gibxii keessatti boo'ichi guddaan in ta'e. 31Yommus mootichi halkaniin Musee fi Aaronin waamsisee,<<Ka'aa, isin, Israa'eloonni saba koo keessaa ba'aa! Akkuma gaafattanii turtan dhaqaa Waaqayyoof hojjedhaa! 32Akkuma jettan bushaayee keessan, saawwan keessan fudhadhaatii dhaqaa! Anis immoo eebba akkan argadhu godhaa!>> jedheen.#29 4:23; 11:5; 12:12; Far 78:51; 105:36; 135:8; 136:10
33Warri Gibxi,<<Nu hundumti keenya in dhumna>> waan jedhaniif, jara biyya sana keessaa baasuudhaaf jabeessanii itti ariifatan. 34Kanaaf jarri bukoo utuu raacitiin itti hin nam'in fudhatanii, qodaa bukoo isaaniis wayyaa isaaniitiin hidhanii gatiittii isaanii irra kaa'atan. 35Israa'eloonni akka Museen isaanitti hime in godhan; mi'a meetii fi warqee irraa hojjetaman, uffatas warra Gibxii irraa argachuuf in gaafatatan. 36Waaqayyo wanta jarri gaafatan akka isaan kennaniifitti, jarri warra Gibxii duratti faara tolaadhaan akka ilaalaman in godhe; akkasitti jarri warra Gibxii irraa guuratanii in ba'an*.#35-36 3:21-22
Sabni Israa'el Gibxii Ba'uu Isaanii
37Israa'eloonni Raamsesii ka'anii hamma Suukootitti in adeeman; isaan dubartootaa fi ijoollee malee, lafoon akka namoota kumaatama dhibba ja'aa turan. 38Tuuti saba garaa garaa isaanii wajjin in ba'an, horiin qe'ee, bushaayeen, saawwanis sonaan baay'eetu isaan duukaa ba'e. 39Isaan bukoo isa biyya Gibxii fudhatanii ba'an isa raacitii hin qabne sana irraa maxinoo in tolfatan; yeroo Gibxii keessaa ba'an oofamanii waan ba'aniif, bukichi raacitii hin qabu ture; isaan turanii karaadhaaf galaa qopheeffachuu hin dandeenye*.#39 Kes 16:3
40Barri Israa'eloonni biyya Gibxii keessa jiraatan, waggaa dhibba afurii fi soddoma ture*. 41Dhuma waggaa dhibba afurii fi soddomaa sanatti, guyyaadhuma sana macci Waaqayyoo hundinuu biyya Gibxii keessaa in ba'an. 42Waaqayyo biyya Gibxii keessaa isaan baasuudhaaf dammaqee halkan sana waan isaan eegeef, halkan kun dhaloota Israa'elootaa hundumaa keessatti halkan itti Waaqayyoof ulfina kennuudhaaf dammaqaan eeganii dha.#40 Uma 15:13
Seerrata Ayyaanni Faasiikaa Ittiin Dhaabame
43Waaqayyo yommus Museedhaa fi Aaroniin,<<Seerri ayyaana Faasiikaa akka kanatti fufee jiru in ta'a; ormi tokko illee isattii hin nyaatin! 44Namni horiidhaan garbummaatti bitame garuu, erga dhagna qabdanii haa nyaatu! 45Namni alagaan yookiis namni horiidhaan qacaramee hojjetu tokko illee isattii hin nyaatin! 46Foon isaa mana tokko keessatti in nyaatama; foon isaa irraa tokko illee fuutanii mana keessaa gad hin ba'inaa; lafee isaas tokko illee hin cabsinaa*! 47Guutummaan waldaa Israa'el akkas haa godhu! 48Galaan isin bira jiraatu Faasiikaa Waaqayyoo godhachuu yoo barbaadde, dhiira kan ta'e hundinuu dhagna haa qabamu! Kana booddees dhi'aatee godhachuu in danda'a; innis akkuma warra biyyaa in ta'a; inni dhagna hin qabatin garuu tokko illee isattii hin nyaatin! 49Warra biyyaa fi warra galaa ta'anii isin gidduu jiraataniif seerri tokkichuma haa ta'u!>> jedheen*.#46 Lak 9:12; Yoh 19:36 49 Lew 19:34; 24:22
50Israa'eloonni hundinuu wanta Waaqayyo Musee fi Aaronin abboome in hojjetan. 51Waaqayyo guyyuma sanatti Israa'eloota akka kutata kutata isaaniitti biyya Gibxii keessaa in baase.
Currently Selected:
Seera Ba'uu 12: MacQul
Highlight
Share
Copy
Want to have your highlights saved across all your devices? Sign up or sign in
(C) The Bible Society of Ethiopia, 1997; OROMO LATIN BIBLE BSE-UBS 26M 2006.