Seera Ba'uu 15
15
Sabni Israa'el Waaqayyoon Faarfachuu Isaanii
1Yommus Museen, Israa'eloonnis, Waaqayyoon jajatanii in faarfatan;
<<Waaqayyo mo'uu isaatiin guddaa ol jedhaa dha!
Kanaaf ani isa nan faarfadha;
inni fardeen, abboota fardeeniis
galaana keessa buuseera*.
2Waaqayyo humna koo isa ani faarfadhuu dha,
inni fayyina koo anaaf ta'eera;
inni Waaqayyo koo ti, ani isa nan jajadha;
Waaqayyo isa kan abbaa kootii ti,
ani isa ol ol nan qaba*.
3Waaqayyo goota beekamaa dha,
maqaan isaa Waaqayyoo dha*.
4Inni konkolaattotaa fi loltoota
mootii Gibxii,
galaanichatti gad naqe;
ajajjuun duulaa isaa warri fo'amoonis
galaana diimaa keessatti
akka liqimfaman godhe.
5Galaanni gad fagoon isaan irra gara gale,
akkuma dhagaatti tuujjuba keessa
gad bu'an.#1 Far 106:12; Mul 15:3 2 Far 118:14; Isa 12:2 3 Far 46:10; Bau 3:15
6<<Yaa Waaqayyo, harki kee mirgaa
aangoo guddaa qaba,
yaa Waaqayyo, harki kee mirgaa diinota in hurreessa;
7guddina surraa keetiin
warra siin morman
gad in darbatta,
ati dheekkamsa kee isa boba'aa in ergita,
innis akkuma cidiitti gubee
isaan in fixa;
8qilleensa dheekkamsa keetiitiin,
bishaanonni in tuulaman;
bishaanonni yaa'anis akkuma keenyaniitti
ol ka'anii dhaabatan,
tuujjubnis manii galaanaa keessatti
qorree hafe*.#8 Isa 51:10
9<<Diinni,<<Ani isaan nan ari'a,
isaan nan qaqqaba, boojuu nan hira,
isa ani gojoma'ee tures
isaan irratti nan raawwadha,
billaa koo nan luqqifadha,
harki koos isaan in balleessa>> jedhe.
10Ati qilleensa kee itti gad dhiifnaan,
galaanni isaan irra gara gale,
akkuma dilaliitti
bishaanota humna-qabeeyyii keessatti in liqimfaman.
11Waaqayyolii keessaa kan akka kee eenyu>>
Yaa Waaqayyo, kan akka kee
surraa qulqullummaa qabu eenyu>>
Kan akka kee
hojii guddaa fi sodaachisaa hojjetu,
wanta dinqisiisaas godhu eenyu*>>
12Ati harka kee mirgaa
yommuu diriirsite,
biyyoon diina in nyaate.#11 8:10; 18:11; Far 86:8
13<<Ati warra isaan furte
gaarummaa keetiin geggeessitee,
aangoo keetiinis iddoo jireenya kee
isa qulqullaa'aatti isaan geessite;
14sabni hundinuu dhaga'anii in hollatan;
warri biyya Filiisxiyaa jiraatanis in rom'an*;
15geggeessitoonni warra Edoom
baay'ee na'an,
jajjaboonni warra Mo'aab
baay'ee rom'an,
warri Kana'aanis bishaanuma ta'an.
16Sodaa guddaan, naasuunis isaan irratti
lafa dha'e,
yaa Waaqayyo, sabni kee
hamma darbutti,
sabni ati kan kee godhatte
hamma darbutti,
isaan guddina irree keetiin
akkuma dhagaa ta'anii
calluma jedhan.
17Yaa Waaqayyo, ati saba kee,
gara isa iddoo jireenya kee godhatteetti in fidda;
yaa gooftaa, gara iddoo qulqullaa'aa,
isa harki kee tolcheetti ol
isaan in baafta,
tulluu isa kan kee godhatte irras
isaan in dhaabda*.
18Waaqayyo yeroo hundumaa,
baruma baraanis in mo'a>> jedhan*.#14 Iya 2:9-11 17 Far 78:54 18 Far 93:1
19Israa'eloonni galaanicha keessa lafa gogaa irra adeemanii in ce'an; fardeen mootichaa, konkolaattonni isaa, abboonni fardeenii isaas yeroo galaanicha gidduu lixan, Waaqayyo immoo bishaan galaanichaa deebisee isaan irra gara galche*. 20Miiryaam raajittiin obboleettiin Aaron dibbee fudhattee baate; dubartoonni hundinuus dibbee rukutaa, sirbaas ishee duukaa in ba'an*.
21Yommus Miiryaam,
<<Waaqayyoon faarfadhaa!
Inni dhugumaan mo'eera;
inni farda, abbaa fardaas
galaana keessa buuseera>>
jettee isaaniif jalqabde.#19 14:22-29 20 Far 68:25
Sabni Israa'el Bishaan Dhabanii Guungumuu Isaanii
22Kana booddee Museen namoota Israa'el galaana diimaa biraa in kaase; isaan Shuur lafa onaa keessa lixanii, lafa onaa sana keessa guyyaa sadii yeroo adeeman, bishaan hin arganne. 23Isaan iddoo <<Maaraa>> jedhamu tokko yommuu ga'an, bishaan Maaraa hadhaa'aa waan tureef, dhuguu hin dandeenye; kana irratti maqaan iddoo sanaa <<Maaraa>> jedhamee moggaafame; [<<Maaraa>> jechuun <<Hadhaa'aa>> jechuu dha]. 24Kana irratti jarri,<<Egaa maal dhugna?>> jedhanii Musee irratti in guunguman*. 25Yommus Museen gara Waaqayyootti in iyye; Waaqayyo immoo muka tokko isatti in argisiise; inni mukicha bishaanicha keessa in buuse bishaanichis in miyaa'e.
Waaqayyo achitti seerrata, abboommiis isaaniif dhaabe; achumattis qoree isaan ilaale, 26<<Sagalee ana Waaqayyo gooftaa kee isa sitti dubbatu dhugumaan yoo dhaggeeffatte, wanta ana duratti qajeelaa ta'e yoo goote, abboommii koo yoo dhageesse, seerrata koo hundumaas yoo eegde, dhukkuba ani warra Gibxiitti fide hundumaa keessaa tokko illee sitti hin fidu; ani Waaqayyo fayyisaa kee ti>> jedhe*.#24 14:11-12; 16:2 26 Kes 7:15; 32:39
27Yommus isaan Eliim iddoo burqituun bishaanii kudha lamaa fi mukkeetiin mexxii torbaatamni jiran dhufanii, achi bishaan bira in buufatan.
Currently Selected:
Seera Ba'uu 15: MacQul
Highlight
Share
Copy
Want to have your highlights saved across all your devices? Sign up or sign in
(C) The Bible Society of Ethiopia, 1997; OROMO LATIN BIBLE BSE-UBS 26M 2006.