HOJII ERGAMOOTAA 4
4
Phexrosii Fi Yohannis Yaa'ii Dura Dhaabachuu Isaanii
1Phexros gaafas Yohannisii wajjin namootatti dubbii kana dubbachaa utuu jiruu, luboonnii fi dura-buutuun eegduu mana qulqullummaa, Saduqoonnis isaan biraan ba'an*. 2Ergamoonni kun namoota barsiisanii, Yesus du'aa akka ka'e, du'aa ka'uunis akka jiru waan lallabaniif, isaanitti aaran*. 3Jarri yeroo sanatti lachuu isaanii qabatanii, waan galgalaa'eef hamma bari'utti mana hidhaatti kennan*. 4Warra dubbicha dhaga'an keessaa baay'een garuu in amanan; lakkoobsi amantootaas kan dhiirotaa duwwaan iyyuu akka kuma shanii ga'e*.#1 5:24; Luq 22:4,52 2 23:8; Mat 22:23; 1Qor 15:12; HoE 4:33 3 5:18 4 2:41,47; 5:14; 6:7
5Lafti bariinaan, gurguddoonni Yihudootaa fi maanguddoonni, barsiisonni seeraas, Yerusaalemitti walitti qabaman. 6Isaan keessaas Haannaas angafichi lubootaa, Qayyaafaas, Yohannisii fi Iskindros, kan biraas mana angafoota lubootaa keessaa turan. 7Isaan ergamoota qaban sana yaa'ii dura dhaabachiisanii, ?Humna maaliitiin yookiis maqaa eenyuutiin kana gootan?? jedhanii gaafatan*. 8Phexros yommus hafuura qulqulluudhaan guutamee, ?Isin gurguddoota biyyaa maanguddootas kan taatan*, 9amma gochaa gaarii namicha naafa ture kanaaf godhameef, akka inni itti fayyeefis in gaafatamna erga ta'ee, 10namichi amma fayyaa ta'ee isin dura dhaabatu kun, maqaa Yesus Kristos nama Naazireetiin akka fayye, isin hundumti keessan beekaa! Namoonni Israa'el hundinuus kana haa beekan. Isin Yesusin in fanniftan, in ajjeeftanis; Waaqayyo garuu warra du'an keessaa isa kaase*.
11Inni kun dhagicha,
isa isin warri ijaartuun tuffattan,
inni garuu dhagaa mataa golee qajeelchu ta'e*.
12Fayyinnis Yesus Kristos duwwaadhaan malee, kan biraatiin tokko illee hin jiru; maqaan kan biraa, ittiin fayyuun kan nuuf ta'u, waaqa jalaa ilmaan namootaaf hin kennamne? jedhe.#7 Luq 20:1-2 8 Luq 12:11-12; HoE 6:3,5; 7:55; 9:17; 13:9 10 3:6,15-16 11 Far 118:22; Luq 20:17
13Warri yaa'ii sanaas Phexrosii fi Yohannis ija jabinaan akka dubbatan yommuu caqasan, barumsa dheeraa akka hin qabne, kan hin beekamnes akka ta'an hubatanii, in dinqifatan; haa ta'u iyyuu malee, jarreen kun Yesusii wajjin akka turan isaaniif gale. 14Namichi inni fayye sunis, Phexrosii fi Yohannisii wajjin utuu dhaabatuu arganii, akka itti isaan hammeessan dhaban. 15Kanaafis yaa'ii keessaa akka gad ba'an isaan abboomanii, walii wajjin mari'achuutti ka'an. 16?Milikkinni beekamaan jarreen kanaan akka argisiifame, namoota Yerusaalem jiraatan hundumaa biratti beekamaa dha, nus immoo ?Kun soba? jechuu hin dandeenyu; jarreen kana maal goonu ree*? 17Kun biyya keessatti ba'ee akka hin odeeffamne, maqaa kanaanis deebi'anii nama tokkotti illee akka hin dubbanneef, kottaa jabeessinee isaan doorsifna? jedhanii walii galan.#16 Yoh 11:47; HoE 3:8-10
18Kana booddee ol isaan waamanii, maqaa Yesusiin raawwatanii akka hin dubbannee fi akka hin barsiifne, isaan abbooman*. 19Phexrosii fi Yohannis isaaniif deebisanii, ?Kan Waaqayyoo dhaga'uu irra, kan keessan dhaga'uun Waaqayyo duratti qajeelaa yoo ta'e, isinumti faradaa*! 20Nuyi garuu ofii keenyaa kan arginee fi kan dhageenye himuu dhiisuu hin dandeenyu? jedhan*! 21Yaa'ichi ittuma caalchisee isaan doorsisee, gad isaan dhiise; namoonni hundinuu dinqii isa godhameef Waaqayyoof hooqubaa waan dhi'eessaniif, ergamoota sana adabuudhaaf karaa dhabe ture. 22Namichi inni dinqiin fayyinaa godhameef sun immoo, nama waggaa afurtama gara irraa ture.#18 5:28,40 19 5:29 20 22:15; Luq 10:23-24; 1Qor 9:16; 1Yoh 1:1-3
Amantoonni Ija Jabina Argachuudhaaf Kadhachuu Isaanii
23Phexrosii fi Yohannis akkuma gad dhiifamaniin, gara jara isaaniitti deebi'anii, luboonni warri angafoonni, maanguddoonnis waan ittiin jedhan isaanitti himan. 24Isaan yommuu kana dhaga'an, hundumti isaanii erga takkaa sagalee isaanii ol fudhatanii, Waaqayyoon kadhatanii, ?Gooftaa guddaa, si'i waaqaa fi lafa, galaanas, isaan kana keessa kan jiran hundumaas kan uume*. 25Hafuura qulqulluudhaan afaan naa'oo kee Daawit abaabilii keenyaan,
?Warri saba Waaqayyoo hin ta'in maaliif ori'u?
Sabni hundinuus hamaa gochuudhaaf
maaliif akkasumaan dhama'u?
26Mootonni biyya lafaa lolaaf ka'an,
gooftichaa fi Masiihii isaatti bu'uudhaaf
gurguddoonni garee waammatan? jette*.
27?Eyyee, dhuguma mandaruma kanatti iyyuu, Herodisii fi Phonxos Philaaxos, warra saba Waaqayyoo hin ta'inii fi namoota Israa'elii wajjin, hojjetaa kee isa qulqulluu, Yesus isa ati isa dibde irratti, walii galan*. 28Kanaan ati humna keetii fi yaada keetiin, akka ta'uuf kan ati dur murtoo goote, raawwatan*. 29Ammas yaa gooftaa, doorsisa isaanii ilaali, hojjetoonni kee sodaa malee dubbii kee akka dubbataniif, ija jabummaa kenniif*! 30Maqaa Yesus hojjetaa kee isa qulqulluutiin dhukkubsatoota fayyisuudhaaf, milikkitaa fi dinqii garaa garaas gochuudhaaf, harka kee diriirsi!? jedhan. 31Isaan kadhata afaanii fixuunii fi iddoon isaan itti walitti qabaman socho'uun, wal faana ta'e. Hundumti isaaniis hafuura qulqulluudhaan guutamanii, dubbii Waaqayyoo ija jabummaadhaan dubbachaa turan*.#24 Bau 20:11; Nah 9:6; Far 146:6 25-26 Far 2:1-2 27 Mat 27:1-2; Mar 15:1; Luq 23:1,7-12; Yoh 18:28-29 28 2:23 29 Efe 6:19 31 16:25-26; 13:52
Qabeenyi Amantootaa Kan Walii Ta'uu Isaa
32Namoonni amanan hundinuu, warra garaa tokkoo fi yaada tokkoo turan. Isaan keessaa tokko illee qabeenya ofii qaba tureen kan koo ti hin jenne; qabeenyi isaanii hundinuu kan walii isaanii ture*. 33Ergamoonnis humna guddaa argisiisuudhaan du'aa ka'uu gooftaa Yesus dhugaa ba'an; ayyaana guddaas qabu turan*. 34Homtinuu isaan keessaa waa dhabe hin rakkanne, lafa yookiis mana warri qaban hundinuu, gurguranii horii isaa fidan. 35Horiin, isaan fidanii ergamootatti kennan sunis, adduma addaaf akka isa barbaachisetti in hirama ture*. 36Warra Lewwii keessaa, namni Yoseef jedhamu Qophrositti kan dhalate tokko ture; ergamoonni ?Baarnaabaas? jedhanii isa waaman; kana jechuunis ?Ilma jajjabeessu? jechuu dha*. 37Namichi kun araddaa qabu gurguree, horii isaa fidee ergamootatti kenne.#32 2:44-45; Yoh 17:21-22 33 2:47; 4:2 34-35 2:45; Luq 12:33; HoE 5:2; 2Qor 8:14 36 11:22,24; 13:2; 15:39
Currently Selected:
HOJII ERGAMOOTAA 4: MacQul
Highlight
Share
Copy
Want to have your highlights saved across all your devices? Sign up or sign in
(C) The Bible Society of Ethiopia, 1997; OROMO LATIN BIBLE BSE-UBS 26M 2006.