HOJII ERGAMOOTAA 3
3
Fayyifamuu Namicha Naafa Tokkoo
1Gaaf tokko Phexrosii fi Yohannis yeroo kadhata waaree booddee, innis sa'aatii salgaffaatti, gara mana qulqullummaatti ol in adeemu turan. 2Kunoos namni dhaloota isaatii jalqabee naafate tokko, achi ture; innis guyyuma guyyaatti baatamee dhufee, ?Balbala miidhagaa? isa jedhamu sana dura taa'ee, warra mana qulqullummaa dhaqan irraa horii in kadhata ture*. 3Namichi, Phexrosii fi Yohannis mana qulqullummaatti ol lixuuf akka dhufan argee, horii isaan kadhate. 4Phexrosii fi Yohannis ijaan isa qaban; Phexros immoo, ?Nu ilaali!? jedheen. 5Yommus inni waa isaan biraa kan argatu se'ee, ija keessa ilaale. 6Phexros garuu, ?Ani meetii fi warqee hin qabu, waanan qabu garuu siifan kenna; maqaa Yesus Kristos nama Naazireetiin ka'ii, adeemi!? jedheen*. 7Harka isaa mirgaa qabee isa kaases, achumaanis miilli isaaf gulubiin isaa jabaatan. 8Utaalees ka'ee ijaajjee, adeemees, isaanii wajjin mana qulqullummaa lixee, asii fi achi adeemee, quruphisaa Waaqayyoon galateeffate*. 9Namoonni hundinuu utuu inni asii fi achi adeemuu, Waaqayyoonis utuu galateeffatuu argan; 10mana qulqullummaa, ?Balbala miidhagaa? dura taa'ee, horii kadhataa inni ture isa akka ta'es baranii, waan isaaf godhame kanaafis fajajanii baay'ee raajeffatan.#2 14:8; Yoh 9:1 6 3:16; 4:10; 16:18; Mar 16:17-18 8 14:10; Luq 5:25; 17:15; Yoh 5:14
Lallaba Phexros Mana Qulqullummaa Keessatti Lallabe
11Yeroo namichi Phexrosii fi Yohannis biraa hafuu dide sanatti, namoonni hundinuu dinqifachaa gara isaaniitti, gara jalgala mana qulqullummaa isa ?Gardaafoo Solomoon? jedhamuutti fiigan*. 12Phexros yommuu kana arge jaraan, ?Yaa namoota Israa'el, maaliif kanatti dinqifattu? Akka waan nuyi humna keenyaan yookiis qulqullummaa ofii keenyaan isa adeemsifneettis, maaliif fajajjanii nu ilaaltu? 13Isin, Yesusin Philaaxositti dabarsitanii laattan; yeroo inni isa gad dhiisuuf murtoo godhettis, fuula yaa'ii isaa dura dhaabattanii isa gantan; Waaqayyo inni kan Abrahaam kan Yisihaq kan Yaaqoobis, Waaqayyo abaabilii keenyaa, garuu hojjetaa isaa kana ol ol qabeera*.#11 5:12; Yoh 10:23 13 7:32; Bau 3:6,15; Yoh 13:32
14?Yesus qulqulluu fi qajeelaa ture; isin garuu isa gantanii, nama gumaa akka isiniif hiikuuf Philaaxosin kadhattan*. 15Isa namoota gara jireenyaatti geessus ajjeeftan, Waaqayyo immoo du'aa isa kaase, kanaafis nuyi dhuga-baatuu dha*. 16Humna maqaa Yesustu, maqaa isaattis amanuutu, namicha naafa isin argitanii fi beektan kanaaf jabina kenne; amantiin Yesusiin kenname immoo, fuula hunduma keessanii duratti fayyaa guutuu kenneef*.#14 Mat 27:15-23; Mar 15:6-14; Luq 23:13-23; Yoh 19:12-15 15 2:32; 5:30 16 4:10
17?Ammas yaa obboloota nana, isin, warri isin geggeessanis, waan gootan hundumaa utuu hin hubatin akka gootan, anuu beeka*. 18Waaqayyo garuu bara baay'ee dura, Masiihiin isaa akka dhiphatu, afaan raajota hundumaan dubbatee kan ture, akka kanatti akka raawwatamu godhe*. 19Egaa yaada garaa keessanii geddaradhaa, inni cubbuu keessan akka isiniif haxaa'utti gara Waaqayyootti deebi'aa*. 20Waaqayyo yeroo itti hafuurri keessan haareffamu akka isiniif fiduuf, Yesus Masiihicha, isa duraan dursee isiniif qopheessee tures, akka isiniif erguuf deebi'aa! 21Durumaa jalqabee Waaqayyo afaan qulqulloota raajota isaatiin dubbachaa kan ture raawwate, hundumaa hamma iddootti deebisutti garuu, Yesus waaqa irra turuutu isaaf ta'a.
22Museen iyyuu, ?Anaan akkuma kaase,
Waaqayyo gooftaan keessan obboloota keessan keessaa raajii tokko isiniif in kaasa,
waan inni isinitti himu hundumaa dhaggeeffachuun isin irra jira*;
23namni raajii sana hin dhaggeeffanne hundinuu garuu,
saba sana keessaa in balleeffama? jedhee ture*.
24Raajonni Saamu'elii jalqabanii ka'anii fi dubbatan hundinuu, waa'ee bara kanaa labsaniiru*. 25Raajonni kan dubbatan isiniif; kakuu Waaqayyo abaabilii keessaniif dhaabe keessaas in hirmaattu; Abrahaamiin, ?Ijoollee ijoollee keetiin sabni biyya lafaa irraa hundinuu in eebbifamu? jedhee ture*. 26Kanaafis Waaqayyo karaa keessan isa hamaatii hunduma keessan deebisuudhaan isin eebbisuudhaaf, hojjetaa isaa kaasee, duraan dursas isinitti erge? jedhe*.#17 13:27; 17:30; Luq 23:34; 1Qor 2:8; 1Xim 1:13 18 Luq 24:25-27,44,46 19 2:38 22 Kes 18:15,18; HoE 7:37 23 Kes 18:19 24 10:43; Luq 1:70-75 25 Uma 22:18; 26:4; Gal 3:8 26 13:46; Rom 1:16
Currently Selected:
HOJII ERGAMOOTAA 3: MacQul
Highlight
Share
Copy
Want to have your highlights saved across all your devices? Sign up or sign in
(C) The Bible Society of Ethiopia, 1997; OROMO LATIN BIBLE BSE-UBS 26M 2006.