HOJII ERGAMOOTAA 5
5
Anaaniyaasii fi Safiiraa
1Namichi Anaaniyaas jedhamu tokko ture; inni haadha manaa isaa Safiiraa wajjin walii galee, lafa qaban tokko gurgurate. 2Horicha irraa garuu dhokfatee, gar tokko fidee ergamootatti kenne; kanas immoo maree haadha manaa isaatiin waan godheef, isheen gaarii gootee beekti turte*. 3Phexros yommus, ?Anaaniyaas, akka ati hafuura qulqulluu sobduuf, horii araddaa kee itti gurgurte keessaas akka dhokfattuuf, maaliif Seexanni yaada garaa kee keessa guute*? 4Qabeenyi kee kun utuu ati hin gurgurin kan kee ture, erga gurgurtees horichi harka kee keessa jira mitii ree? Attamitti garaa kee keessatti kana malte ree? Ati namoota sobde miti, Waaqayyoon sobde malee? jedheen. 5Anaaniyaas dubbii kana yommuu dhaga'e, lafa dha'ee du'e; warri kana dhaga'an hundinuus, guddaa sodaatan*. 6Dargaggoonni immoo dhufanii reeffa isaa kafananii, geessanii awwaalanis*.#2 4:34-35,37 3 Luq 22:3; Yoh 13:2; 8:44 5 5:11; 19:17 6 Luq 10:4-5
7Akka sa'aatii sadii kan ga'u turtee haati manaa isaa, waan abbaan manaa ishee ta'e utuu hin beekin dhufte. 8Phexros immoo, ?Araddaa keessan dhuguma hamma kanatti gurgurtanii? Anatti himi!? jedhe; isheenis, ?Eyyee, nuyi hammasumatti gurgurre? jetteen. 9Phexros garuu, ?Hafuura gooftaa qoruudhaaf, kan isin walii galtan kun maali? Warri abbaa manaa kee awwaalan kunoo, amma balbala dura jiru, sis immoo gad si baasu!? ittiin jedhe. 10Isheenis yommusuma miilla isaa jalatti lafa dhooftee duute; dargaggoonni sun ol galanii akka duute yommuu argan, gad baasanii abbaa manaa ishee bukkeetti ishee awwaalan. 11Waldaan amantootaa guutummaatti, warri kana dhaga'an hundinuus guddaa sodaatan.
Milikkitaa Fi Dinqii Garaa Garaa
12Yommus milikkinnii fi dinqiin baay'een harka ergamootaatiin saba sana gidduutti in hojjetama ture, amantoonni hundinuus gardaafoo Solomoonitti wal ga'u turan*. 13Warra kaan keessaa garuu namni tokko illee dhimma isaanii keessa lixuudhaaf ija hin jabaanne, saba durattis maqaa gaarii qabu turan. 14Kana hundumaa irrattis warri gooftaatti amanan, dhiironnis dubartoonnis, ittumaa baay'atan*. 15Dhukkubsatoota baay'ee iyyuu, yommuu Phexros karaa sana irra darbu gaadidduun isaa isaan keessaa tokko tokko irra illee haa buufatuuf sireedhaan, muka wasaasaatiinis fidanii karaa irra in kaa'u*. 16Mandaroota naanna'aa Yerusaalemiis namoonni danuun dhukkubsatootaa fi warra hafuuronni hamoonni#HoE 5:16 Hafuuronni hamoonni yookiis ?Hafuuronni xuraa'on?. rakkisan fidanii in dhufu; warri geeffaman hundinuus in fayyifamu turan*.#12 2:43; 4:30; 6:8; 14:3; 15:12; 3:11; Yoh 10:43 14 2:41,47; 4:4; 6:7; 21:20 15 19:11-12; Mar 6:56 16 8:7; Mar 16:17-18
Ari'atamuu Ergamootaa
17Angafni lubootaa garuu garee Saduqootaa keessaa warra isa gargaaranii wajjin, hinaaffaan isaan keessa guutee, isaan irratti ka'an*; 18ergamoota qabanii mana hidhaatti galchan*. 19Ergamaan Waaqayyoo gooftaa garuu halkan balbaloota mana hidhaa sana banee, isaan dura bu'ee, fuudhee ba'ee*, 20?Dhaqaatii mana qulqullummaa keessatti waa'ee dubbii jireenyaa isa haaraa kana hundumaa, sabatti himaa!? isaaniin jedhe*. 21Isaan dubbii kana fudhatanii, akkuma bari'een mana qulqullummaatti ol galanii barsiisan.
Angafni lubootaa warra isa gargaaranii wajjin dhufee, yaa'ii maanguddoota ijoollee Israa'el walitti waamee, ergamoota warra hidhaman sana fichisiisuudhaaf gara mana hidhaa sanatti erge. 22Warri ergaman dhufanii mana hidhaa sana keessaa isaan dhabnaan, deebi'anii warra isaan ergetti himan. 23?Manni hidhaa karaa hundumaa akkuma jabaatee cufametti jira, warri eeganis balbala hundumaa dura dhaabatanii jiru; yeroo nuyi manicha banne garuu, nama tokko illee keessatti hin argine? jedhan.#17 4:1,6 18 4:3 19 12:7-10 20 Yoh 6:68; Filp 2:16
24Dura-buutuun eegduu mana qulqullummaa, luboonni warri angafoonnis kana dhaga'anii, maal ta'an laata jechuu irraa kan ka'e waan godhan wallaalan. 25Ergasii namni tokko dhufee, ?Namoonni isin mana hidhaatti galchitan sun, kunoo mana qulqullummaa keessatti, saba barsiisaa jiru? jedhee isaanitti hime. 26Yommus dura-buutuun eegduu mana qulqullummaa, namoota isaa wajjin dhaqee gara yaa'ichaatti isaan fide; garuu sabni dhagaadhaan nu rukuta jedhanii waan sodaataniif, hammina isaan irratti hin hojjenne.
27Ergamoota sana fidanii yaa'ii sana dura dhaabachiisan. Angafni lubootaas gaaffiidhaan isaan qoree, 28?Nuyi maqaa kanaan akka hin barsiifne cimsinee isin abboomneerra, isin garuu kunoo barsiisa keessaniin Yerusaalemin waliin geessaniittu; akkasumas dhiiga namicha kanaa nu irratti fiduu yaaddu? jedhan*. 29Phexrosii fi ergamoonni warri kaan garuu deebisanii, ?Nuyi namaaf abboomamuu irra, Waaqayyoof abboomamuutu nu irra jira*. 30Waaqayyo abboota keenyaa, Yesusin, isa isin mukatti fanniftanii ajjeeftan, du'aa kaaseera*. 31Waaqayyo geddarannaa yaada garaatii fi dhiifamuu cubbuu Israa'eliif kennuudhaaf, abboomaa fayyisaas godhee gara mirga isaatti ol isa fuudheera*. 32Nu immoo dubbii kana hundumaaf dhuga-baatuu dha, hafuurri qulqulluun, inni Waaqayyo warra isaaf abboomamaniif kennes, akkasuma dhugaa in ba'a? jedhan*.#28 4:18; Mat 27:25 29 4:19 30 3:15; 4:10; 10:39-40 31 2:33,36,38; Luq 22:69; 24:47 32 1:8; 3:15; Luq 24:48; Yoh 15:27
33Warri yaa'ii taa'an kana dhaga'anii, garaan isaanii waan gubateef, ergamoota ajjeesuudhaaf barbaadan*. 34Isaan keessaa Fariisichi, barsiisaa seeraas kan ture, maqaan isaa Gamaali'el kan jedhamu, saba hundumaa birattis kan ulfaate ka'ee, ergamoonni sun yeroo xinnoodhaaf ala akka tursiifaman abboome*. 35Warra yaa'iitiin immoo, ?Yaa namoota Israa'el, waan jarreen kana irratti hojjechuuf jettan keessatti of eeggadhaa! 36Kanaan dura Toyidaas ka'ee, ani nama jabaa dha ofiin jennaan, akka namoota dhibba afurii kan ta'an duukaa bu'an; garuu inni in ajjeefame, warri yaada isaa duukaa harkifamanis in badan, ka'i isaas homaattuu hin galle*. 37Akkasumas Yihudaan namichi Galiilaa, bara lakkoobsa sabaa ka'ee, namoota baay'ee wallaalchisee of duukaa buusee ture; innis immoo harka namaatti duunaan, warri duuka buutuu isaatiis in bittimmaa'an*. 38Akkasuma jara ammaa kana irrattis waan tokko illee hamaa akka hin goone isinittan hima; isaan gad dhiisaa! Akeeka kanaa fi hojii isaa namatu yaadee qopheesse yoo ta'eef, baduuf jira. 39Waaqayyo biraa yoo dhufe garuu, jara kana balleessuu hin dandeessan; ofii keessanii iyyuu immoo Waaqayyoon utuu loltanii akka hin argamne isinan yaadachiisa? ittiin jennaan, yaa'ichi gorsa Gamaali'el dhaga'e*. 40Kana irratti warri yaa'ii taa'an ergamoota ol waamanii reebanii, maqaa Yesusiin akka hin dubbannes dhowwanii, gad isaan dhiisan*. 41Ergamoonni yommus, ulfinni maqaa kanaaf salphachuu waan isaaniif ta'eef, gammadaa yaa'icha biraa gad ba'an*. 42Ergamoonni guyyuma guyyaatti mana qulqullummaatti, mana manattis, barsiisuudhaaf Yesus, Masiihii akka ta'e misraachoo himuuttii gargar hin kunne*.#33 7:54 34 22:3; 4:15 36 21:38 37 Luq 2:2; 13:1-2 39 2Sen 13:12 40 4:18 41 Luq 6:22-23; 1Phe 4:13 42 2:46; 17:3; 18:5,28
Currently Selected:
HOJII ERGAMOOTAA 5: MacQul
Highlight
Share
Copy
Want to have your highlights saved across all your devices? Sign up or sign in
(C) The Bible Society of Ethiopia, 1997; OROMO LATIN BIBLE BSE-UBS 26M 2006.