Phexros yommus, ?Anaaniyaas, akka ati hafuura qulqulluu sobduuf, horii araddaa kee itti gurgurte keessaas akka dhokfattuuf, maaliif Seexanni yaada garaa kee keessa guute*? Qabeenyi kee kun utuu ati hin gurgurin kan kee ture, erga gurgurtees horichi harka kee keessa jira mitii ree? Attamitti garaa kee keessatti kana malte ree? Ati namoota sobde miti, Waaqayyoon sobde malee? jedheen. Anaaniyaas dubbii kana yommuu dhaga'e, lafa dha'ee du'e; warri kana dhaga'an hundinuus, guddaa sodaatan*.