Macaafa Saamu'el Isa Duraa 15
15
Amaaleqoonni Rukutamuu Isaanii
1Saamu'el yeroo sanatti Saa'oliin,<<Ati saba isaa Israa'el irratti mootii akka taatuuf, Waaqayyo si dibuudhaaf ana erge; amma immoo ati dubbii Waaqayyo sitti dubbatu dhaggeeffadhu*! 2<<Sabni Israa'el biyya Gibxii yommuu ba'anitti Amaaleqoonni isaaniin mormuudhaaf karaatti wanta isaan hojjetaniif isaan nan adaba>> jedha Waaqayyo gooftaan maccaa*. 3Egaa ati dhaqiitii, Amaaleqoota dhiiraa jalqabdee hamma dubartiitti, ijoolleedhaa hamma mucoolii harma hodhaniitti, akkanumas qotiyyoowwanii hamma hoolotaatti, gaalotaa hamma harrootaatti ajjeesii fixi! Isaaniifis hin oo'in!>> jedhe.#1 10:1 2 Kes 7:1-4
4Yommus Saa'ol Xilaa'iimitti namoota walitti waamsisee, isaan keessaa lafoo kumaatama dhibba lama, warra Yihudaa keessaa immoo namoota kuma kudhan in lakkaa'ate. 5Saa'ol achumaan gara mandara Amaaleq dhaqee, dachaa keessa riphee in eeggatte. 6Warra Qenootaatiin garuu,<<Isin yommuu sabni Israa'el biyya Gibxii ba'anitti wanta gaarii gootaniifii waan turtaniif, ani Amaaleqoota yeroon balleessu isaanii wajjin akkan isin hin balleessinetti isaan gidduudhaa ba'aatii adeemaa!>> jedhe; kanaaf warri Qenootaa Amaaleqootattii gargar in ba'an*. 7Saa'ol Hawiilaadhaa jalqabee hamma Shuur isa fuullee Gibxitti argamutti Amaaleqoota in rukute. 8Agaagin mootii Amaaleqootaas fayyaatti booji'ee, namoota hundumaas billaadhaan in fixe. 9Saa'olii fi namoonni isaa Agaagin mooticha in mararsiifatan; karra bushaayee, karra sa'aa, horii dilbii coccoomoo fi ilmoolee keessaa warra gaggaarii hundumaa ajjeesanii fixuu hin barbaanne; warra waa'ee hin baafnee fi warra tuffataman hundumaa garuu raawwatanii in balleessan.#6 Abo 1:16
Waaqayyo Mootummaa Irratti Saa'olin Tuffachuu Isaa
10Kana booddee dubbiin Waaqayyoo gara Saamu'el dhufee, 11<<Saa'ol na duukaa bu'uu dhiisee deebi'eera; inni akka dubbii kootiitti waan hin raawwatiniif, isa moosisuu kootiif nan gadda>> jedhe; Saamu'elis dubbii dhaga'e kanaaf gaddee, halkan sana guutuu gara Waaqayyootti in iyye*. 12Borumtaas Saamu'el ganama bariidhaan ka'ee, Saa'olin arguu barbaadee gara isaa in dhaqe; achittis,<<Saa'ol, gara mandara Qarmelos dhufee, ulfina isaatiif waan ittiin yaadatamu dhaabbatee, of irra deebi'ee gara Giilgal dhaqe>> jechuu in dhaga'e. 13Kanaafis Saamu'el achitti gara Saa'ol in dhaqe; Saa'olis,<<Waaqayyo si haa eebbisu!>> jedhe; itti fufees,<<Ani wanta Waaqayyo na abboome raawwadheera>> jedheen. 14Saamu'el garuu,<<Sagaleen bushaayeetii fi saawwanii ani dhaga'uu kun immoo maali ree?>> jedheen. 15Saa'ol immoo,<<Namootatu bushaayee fi saawwan gaggaarii isaan mararan Waaqayyo gooftaa keetiif aarsaa dhi'eessuudhaaf biyya Amaaleqootaatii fidan; warra kaan garuu raawwannee balleessineerra>> jedhe. 16Saamu'el kana irratti Saa'oliin,<<Mee afachu! Waan Waaqayyo eda anatti dubbaten sitti himaa!>> jennaan, innis,<<Anatti himi!>> jedheen*.#11 Uma 6:6 16 Lak 22:8-13,19-20; 2Sam 7:4
17Saamu'el yommus Saa'oliin,<<Geggeessituu gosoota Israa'el utuu hin ta'in dura, ati ofii keetii xinnaatti of ilaalaa turte mitii ree>> Waaqayyo garuu si dibee Israa'el irratti si moosise*. 18Inni,<<Dhaqiitii Amaaleqoota cubbamoota sana raawwadhuu balleessi! Hamma isaan dhumanittis isaan waraani!>> jedhee si erge. 19Egaa maaliif dubbii Waaqayyoo dhaga'uu diddee, boojuu irratti lafa dhooftee, Waaqayyo duratti wanta hamaa hojjette ree?>> jedhe. 20Saa'ol immoo Saamu'eliin,<<Ani dubbii Waaqayyoo dhaga'ee gara inni itti na erges dhaqeera; Amaaleqoota raawwadhee balleessee, Agaagin mootii isaanii immoo booji'ee fideera; 21jarri garuu Waaqayyo gooftaa keetiif Giilgalitti aarsaa dhi'eessuudhaaf, boojuu bushaayee fi saawwan addaan baafamanii keessaa warra caalan fudhatanii dhufan>> jedhe.
22Saamu'el immoo,<<Dhugumaan Waaqayyo
nama dubbii isaa dhaga'ee abboomamutti akka gammadu,
qalma gubamuu fi aarsaatti in gammadaa ree>>
Kunoo, abboomamuun aarsaa irra caala;
dhaggeeffachuunis moora korbeessa hoolaa
dhi'eessuu irra in wayya*;
23abboomamuu diduun cubbuu hooda sobaa ti;
xiiqeffachuunis
jal'ina akka Waaqayyo tolfamaa waaqeffachuu ti;
sababii ati dubbii Waaqayyoo tuffatteef,
innis akka ati mootii hin taaneef
si tuffateera>> jedheen*.#17 9:21 22 Isa 1:10-20; Er 7:22; Mat 9:13 23 16:1
24Saa'ol yommus Saamu'eliin,<<Jara sodaadhee wanta isaan jedhan waanan dhaga'eef, abboommii Waaqayyootiif gorsa ati anaaf kennite irra daddarbuu kootiif cubbuu hojjedheera; 25hadaraa cubbuu koo anaaf dhiisi! Ammas ani dhaqee Waaqayyoof akkan sagadutti ana duukaa deebi'i>> jedhe. 26Saamu'el immoo deebiseefii,<<Ati dubbii Waaqayyoo sababii tuffatteef, Waaqayyos Israa'el irratti mootii akka ati hin taaneef si tuffateera; kanaaf ani sii wajjin hin deebi'u!>> jedhe*. 27Saamu'el adeemuuf gara gallaan Saa'ol fiixee uffata isaatii in qabe; achumaanis uffatichi in tarsa'e. 28Saamu'elis,<<Har'a Waaqayyo mootummaa Israa'el si irraa tarsaasee, nama si irra wayyutti in kenne*. 29Waaqayyo inni Israa'eliif ulfina ta'e, akka namaa miti! Inni hin sobu, hin gaabbu, wanti akka namaatti isa gaabbisiisus hin jiru>> jedheen*. 30Saa'olis,<<Ani cubbuu hojjedheera; garuu hadaraa maanguddoota saba koo fi Israa'eloota duratti ana hin salphisiniitii Waaqayyo gooftaa keetiif akkan sagadutti anaa wajjin deebi'i!>> jedhe. 31Kana irratti Saamu'el isa duukaa deebinaan, Saa'ol dhaqee Waaqayyoof in sagade.#26 1Mot 11:11 28 28:17; 1Mot 11:30-31 29 Lak 23:19
32Kana booddee Saamu'el,<<Agaagin mootii Amaaleqootaa as anaaf fidaa!>> jedhe; Agaagis fuula ifaadhaan gara isaa dhufee,<<Dhuguma sodaachisi du'aa inni hadhaa'aan ana irra darbeera>> jedhe.
33Saamu'el yommus Agaagiin,
<<Akkuma ati billaa keetiin ijoollota fixxee,
dubartoota harka duwwaa hambifte,
haati kees dubartoota hundumaa keessaa
harka duwwaa in hafti!>> jedhee,
Giilgalitti Waaqayyo duratti isa in kukkuchiise.
34Ergasii Saamu'el gara Raamaa in dhaqe; Saa'ol immoo gara Giibe'aa gara mana isaatiitti in deebi'e. 35Saamu'el sababii kanaaf Saa'oliif in boo'e, deebi'es utuu isa hin argin in du'e; akkasumas Waaqayyo Saa'olin Israa'el irratti moosisuu isaatiif in gadde.
Currently Selected:
Macaafa Saamu'el Isa Duraa 15: MacQul
Highlight
Share
Copy
Want to have your highlights saved across all your devices? Sign up or sign in
(C) The Bible Society of Ethiopia, 1997; OROMO LATIN BIBLE BSE-UBS 26M 2006.