1
Macaafa Saamu'el Isa Duraa 15:22
Macaafa Qulqulluu Afaan Oromoo
Saamu'el immoo,<<Dhugumaan Waaqayyo nama dubbii isaa dhaga'ee abboomamutti akka gammadu, qalma gubamuu fi aarsaatti in gammadaa ree>> Kunoo, abboomamuun aarsaa irra caala; dhaggeeffachuunis moora korbeessa hoolaa dhi'eessuu irra in wayya*
Compare
Explore Macaafa Saamu'el Isa Duraa 15:22
2
Macaafa Saamu'el Isa Duraa 15:23
abboomamuu diduun cubbuu hooda sobaa ti; xiiqeffachuunis jal'ina akka Waaqayyo tolfamaa waaqeffachuu ti; sababii ati dubbii Waaqayyoo tuffatteef, innis akka ati mootii hin taaneef si tuffateera>> jedheen*.
Explore Macaafa Saamu'el Isa Duraa 15:23
3
Macaafa Saamu'el Isa Duraa 15:29
Waaqayyo inni Israa'eliif ulfina ta'e, akka namaa miti! Inni hin sobu, hin gaabbu, wanti akka namaatti isa gaabbisiisus hin jiru>> jedheen*.
Explore Macaafa Saamu'el Isa Duraa 15:29
4
Macaafa Saamu'el Isa Duraa 15:11
<<Saa'ol na duukaa bu'uu dhiisee deebi'eera; inni akka dubbii kootiitti waan hin raawwatiniif, isa moosisuu kootiif nan gadda>> jedhe; Saamu'elis dubbii dhaga'e kanaaf gaddee, halkan sana guutuu gara Waaqayyootti in iyye*.
Explore Macaafa Saamu'el Isa Duraa 15:11
Home
Bible
Plans
Videos