YouVersion Logo
Search Icon

Macaafa Saamu'el Isa Duraa 16

16
Daawit Mootii Ta'uudhaaf Dibamuu Isaa
1Waaqayyo yommus Saamu'eliin,<<Egaa Saa'ol Israa'el irratti mootii akka hin taaneef ergan tuffadhee, ati hamma yoomiitti isaaf boossa>> Ani ilmaan Isey keessaa nama mootii ta'u waanan argadheef, gara Isey Betlihemichaatti sin ergaatii, qodaa gaanfaa keetti dhadhaa ejersaa guutii fudhadhuu dhaqi!>> jedhe*. 2Saamu'el garuu,<<Saa'ol kana yoo dhaga'e na ajjeesa, attamittan dhaqa?>> jedhe; Waaqayyo immoo,<<Goromsa tokko fudhadhuu dhaqiitii,<<Waaqayyoofan aarsaa dhi'eessuu dhufe>> jedhi! 3Iseyin gara aarsaa isa dhi'eessuu dhaqxu sanaatti waami! Ani waan ati gochuun siif ta'u sitti nan hima; namicha ani<<Dibi!>> siin jedhu, anaaf dibi!>> jedhe. 4Saamu'el wanta Waaqayyo jedhe gochuudhaaf Betlihemin in dhaqe; jaarsoliin mandarichaas hollachaa isa simachuuf dhufanii,<<Naguma dhuftee?>> jedhanii isa in gaafatan. 5Saamu'el deebisee,<<Eyyee naguma, anoo Waaqayyoofan aarsaa dhi'eessuu dhufe; isinis of qulleessaatii na duukaa gara aarsaa sanaa kottaa!>> jedhe; kana booddee immoo Iseyii fi ilmaan isaa qulleessee gara aarsaa sanaatti isaan in waame.#1 15:23,35
6Iseyii fi ilmaan isaa dhufanii yeroo ol galanitti, Saamu'el isaan keessaa Eliiyaabin ilaalee,<<Dhugumaan inni Waaqayyoof dibamu kunoo, fuula isaa dura in ijaajja>> jedhee in yaade.
7Waaqayyo garuu Saamu'eliin,<<Ani waanan isa tuffadheef bifa isaa fi dheerina hojjaa isaatii hin ilaalin! Ani akka namni ilaalutti hin ilaalu; namni fuula ilaala, ani Waaqayyo garuu garaan ilaala>> jedhe*.#7 Er 17:10; Mul 3:23; 1Mot 8:39; Fak 15:11
8Isey isa booddeedhaan Abinaadaabin waamee fuula Saamu'el dura akka inni darbu in godhe; Saamu'el immoo,<<Waaqayyo isa kanas hin fo'anne>> jedheen. 9Isey amma immoo Shamaahi fuula isaa dura akka darbu in godhe; Saamu'el immoo,<<Waaqayyo isa kanas hin fo'anne>> jedhe. 10Akkasitti Isey ilmaan isaa keessaa torba fuula Saamu'el dura akka darban in godhe; Saamu'el garuu,<<Waaqayyo isaan kana hin fo'anne>> ittiin jedhe. 11Itti fufees,<<Ilmaan kee isaanuma kana duwwaa dhaa?>> jedhee Iseyin gaafate.
Innis deebiseefii,<<Inni quxisuun hafeera; inni immoo hoolota tiksa>> jedhe; Saamu'el immoo,<<Hamma inni dhufutti nuyi homaa gochuu waan hin dandeenyeef#1Sam 16:11 <<Homaa gochuu waan hin dandeenyeef>> yookiis <<Taa'uu hin dandeenyeef?., nama itti ergiitii nuuf fichisiisi!>> jedhe*.
12Kanaaf inni nama itti erge isa in fichisiise; inni diimaa nama iji isaa miidhagu, nama dhaabbii tolus ture.
Waaqayyo yommus Saamu'eliin,<<Inni kunoo, isa kanaatii ka'ii, isa dibi!>> jedhe.
13Kana irratti Saamu'el qodaa gaanfaa dhadhaa ejersaa qabu sana fuudhee, Daawitin obboloota isaa gidduutti in dibe; gaafasii jalqabee hafuurri Waaqayyoo humnaan Daawitiif in dhufe; Saamu'el immoo Raamaatti in deebi'e*.#11 16:19; 17:14-15; 2Sam 7:8 13 2Sam 2:4; 5:3; Far 89:20; 1Sam 11:6
Saa'ol Akka Daawit Isaaf Hojjetu Barbaaduu Isaa
14Amma immoo hafuurri Waaqayyoo Saa'ol irraa in fagaate; hafuurri hamaan Waaqayyo itti erge immoo isa in dhiphise*. 15Naa'onni Saa'ol immoo,<<Kunoo, hafuurri hamaan Waaqayyo sitti erge si dhiphisaa jira; 16kanaaf hafuurichi hamaan Waaqayyo sitti erge sun yommuu sitti dhufu, nama ba'eessa godhee kiraara rukutee sitti fooyyessuu danda'u akka siif barbaadanitti naa'ota kee ajaji!>> jedhan.#14 18:10; 19:9
17Saa'ol yommus naa'ota isaatiin,<<Maaloo! Nama ba'eessa godhee kiraara rukutu barbaadaatii anaaf fidaa!>> jedhe. 18Naa'ota isaa keessaas tokko,<<Kunoo, ani ilma Isey Betlihemichaa argeera; inni nama kiraara rukutuu beeku, jagna, loltuu jabaa, lolatti kan beekame, nama dubbii beekuu fi nama dhaabbii toluu dha; Waaqayyos isaa wajjin jira>> jedhe.
19Saa'ol kana irratti Iseyitti namoota ergee,<<Daawit ilma kee isa hoolota tiksu anaaf ergi!>> jedhe*. 20Isey yommus buddeenaa fi daadhii waynii qalqalloo tokko fuudhee harreetti fe'ee ilmoo reettii tokkoo wajjin Daawititti kennee Saa'oliif in erge. 21Daawit isaaf ergamuudhaaf gara Saa'ol in dhufe; Saa'olis baay'ee isa jaallatee, nama mi'a lolaa isaaf baatu in godhate. 22Saa'olis,<<Daawit ana biratti jaallatameeraatii; maaloo, ana dura dhaabatee anaaf haa ergamu!>> jedhee Iseyitti in dhaame. 23Yeroodhuma hafuurri inni Waaqayyo isatti ergu Saa'olitti dhufutti, Daawit kiraara fuudhee in rukuta ture; Saa'ol yommus aara galfatee in gammada, hafuurri hamaan sunis isa irraa in fagaata.#19 16:11

Highlight

Share

Copy

None

Want to have your highlights saved across all your devices? Sign up or sign in