Wongeela Yohaannisii 19
19
1Achiin duuba Philaaxoos Yesuus fuudhee dhaansise. 2Worri loltootaa dameelee qore'ee irraa kallacha hujanee mataa isaatitti kayane; achiin duuba woyaa dhiillee itti uffisane. 3Gara isaalle dhufaa, “Mootii Yihudootaa jiraadhu!” jedhaa isa kakabalane.
4Philaaxoos ammalle gad bayee gumi'iin, “Waan isa himachiisu tokkolle akka ani hin dhaggin akka ilaaltanu, kunoo, gara keessan gad isa hin baasa” jedhe. 5Maarre Yesuus kallacha qore'ee keyatee, woyaa dhiilleelle uffatee gad baye. Philaaxoos, “Kunoo! Namichi!” isaaniin jedhe.
6Moototi hayyootaatii fi eeddoti Galma Waaqaa yennaa isa dhaggane, “Fannis! Fannisi!” jedhanee hogisane. Philaaxoos isaaniin, “Isin fuudha'aatii, fannisa'a. Ani yakkaa tokkolle isa irratti hin dhaggine” jedhe.
7Gumiin, “Nuuti seera tokko qanna; inni ilma Waaqaa ifi godheera, akka seera keennaatitti du'uu qaba” jette.
8Philaaxoos yennaa tana dhage'e, ittuma caalchisee sodaate. 9Philaaxoos gara galma ifii deebi'ee, “Ati eessaa dhutte?” jedhee Yesuus gaafate.
Yesuus ammoo waan tokkolle hin deebinne. 10Philaaxoos, “Ati anatti hin hintuu? Akka ani si hiikiisaa fi si fannisiisaafille baallii qabu hin beettuu?” isaan jedhe.
11Yesuus deebisee, “Waan Waaqaan baalliin sii kennanteef malee, ati silaa baallii ana irratti hin qadduuyyu. Tanaaf nami dabarsee sitti na kenne, yakkaamessa cubbuu cuubbuu caaltee ti” jedhe.
12Philaaxoos yennaa tana dhage'e, karaa Yesuus ittiin hiiku dhaggatiisaaf wodhaane. Gumiin ammoo, “Yoo isa hiitte, ati jaala mootii moototaa, ka biyya Rooma'aatii moti; nami mootii tokko ifi godhu marti, mootii moototaa, ka biyya Rooma'aatiin mormee isa lolu” jettee ittuma hogite.
13Philaaxoos yennaa dubbii tana dhage'e, Yesuus gad baasee, addee dhakaa baxxicha jedhantutti barcumaa mura'a irra tee'e; addeen sun afaan Ibrootaatiin, “Gabataa” jedhanti. 14Guyyaan sun ka Jila Irra Dabaramaatiif qophaawanu, gara sa'aatii jaa ti. Philaaxoos kolba'aan, “Kunoo, mootiin keessan” jedhe.
15Isaan, “Ijjeesi! Ijjeesi! Fannis!” jedhanee ittuma hogisane.
Philaaxoos, “Mootii keessan fannisuu?” jedhee isaan gaafate.
Moototi hayyootaalle, “Nuuti mootii moototaa ka biyya Rooma'aa malee, mootii hin qannu!” jedhanee deebisane. 16Achiin duuba Philaaxoos akka Yesuus fannifamuuf dabarsee isaanitti isa kenne. Isaanille Yesuus fuudhanee deemane.
Yesuus Fannifame
(Mat 27:32-44; Mar 15:21-32; Luq 23:26-43)
17Achiin duuba Yesuus fannoo ifii ba'atee, gara addee, “Buqii mata'aa” yookiin afaan Ibrootaatiin, “Golgootaa” jedhantu dhaqe. 18Isaan achitti isa fannisane; namoota dhibiille lamaan, maddii maddi'itti, Yesuus wodhakkaa isaaniititti fannisane. 19Philaaxoos waan ittiin beessissu tokko barreessee fannoo gubbaa keye. Wonni inni barreesse, “Yesuus nama biyya Naaziretii, mootii Yihudootaa” jetti. 20Addeen Yesuus itti fannifame qachaa bira waan teeteef, barreeffama san kolbaa heddu'utti dubbise. Beessissi sun afaan Ibrootaatiin, afaan Rooma'aatii fi afaan Giriikiitiin barreeffame. 21Moototi hayyootaa Philaaxoosiin, “Namichi kun, ‘Ani mootii Yihudootaa ti’ jedheera jedhi malee, ‘Mootii Yihudootaa’ jettee hin barreessin” jedhane.
22Philaaxoos deebisee, “Ani waan barreesse barreesseera” jedhe. 23Loltooti Yesuus fannisaneen duuba, woyaa isaa addee afuritti qoodanee, tokko tokkoon qooda ifii fudhatane. Isaan ruufalle fuudhane; ruufi isaa ammoo gubba'aa haga jalaatitti dhowameera malee, hodhaa hin qabu. 24Loltooti, “Ruufa kana hin tarsaannu; hixaa itti buuffannee, akka eennu gewu ilaalluu ti!” woliin jadhane. Barreeffam Woyyichi:
woyaa tiyya qoodamane,
ruufa kiyyatti hixaa buufatane” jedhu akka muummowuuf kun te'e. Loltootille kanuma godhane.
25Fannoo Yesuusii cinaa, haati isaa, obbooleettiin haadha isaa, Maariyaamiin niitiin Qilopha'aatii fi Maariyaamiin Magdalaa dhaabbataneeraniiyyu. 26Yesuus haadha ifiitii fi barataa ifii ka jaallattu achi dhaabbatanuun yennaa dhagge, haadha ifiitiin, “Haadha tiyya, inni ilma keeti” jedheen.
27Achiin duuba barattichaan, “Isiin haadha teeti” jedheen. Yennaa sanii jalqabee barattichi mana isaa akka leetuuf gara mana ifii isii fudhate.
Du'a Yesuusii
(Mat 27:45-56; Mar 15:33-41; Luq 23:44-49)
28Yesuus amma wonni marti hobba'iisa beekee, akka Barreeffam Woyyichi muummowuuf, “Ani dheebodhe” jedhe.
29Qoriin daadhiin woyni'ii dhangaggoottu'uun guutanteertu takka achi jirtiiyyu; maarre isaan ispoonjii#19:29 ispoonjii: waan nafaan bisaan xuuxu daadhii woyni'ii dhangaggootuu xuuxisiisanee, damee muka hisoophi jedhamuu irra keyanee, gara afaan isaa ol qabane. 30Yesuus daadhii dhangaggoottuu san unee, “Hobbaate!” jedhe.
Achiin duuba mataa gad qabatee lubbuu ifii dabarsee kenne.
Cinaachi Yesuusii Woraaname
31Guyyaan sun guyyaa itti qophaawanu guyaa jimaata waan te'eef, guyyaan itti aanulle guyyaa Sanbata jila guuddo'oo waan te'eef, Yihudooti baallii qabanu reeffi namootaa guyyaa Sanbataatiin fannoo gubbaa akka hin oolleef, miila worra fannifamaneeranu cassanee, fannoo irraa gad buusiisaaf, Philaaxoos kadhatane. 32Maarre loltooti dhaqanee miila worra Yesuus woliin fannifameeruu, dursanee miila namicha matoomaa, achiin duuba miila namicha kaaniille cassane. 33Isaan yennaa gara Yesuusii dhufane ammoo, inni duraanu akka du'eeru dhagganee, miila isaa hin cassine. 34Te'uu malee, loltoota keessaa tokkochi, woraana ifiitiin cinaacha Yesuusii woraannaan yoosuma dhiigii fi bisaan keessaa jige. 35Kana ka dhagge, akka isin dhugeeffattanuuf dhugaa bayeera; dhugaan inni bayelle dhuga'a; wonni inni dubbatulle dhugaa akka teete hin beeka. 36Kun Barreeffam Woyyichi, “Lafeen isaa tokkolle hin caddu” ka jedhu akka muummowuuf te'e. 37Barreeffam Woyyichi dhibiin, “Isaan kama woraanane san hin dhaggan” jedha.
Yesuus Awwaalame
(Mat 27:57-61; Mar 15:42-47; Luq 23:50-56)
38Kanaan duuba, Yoseefiin biyya Armaatiya'aa, ka Yihudoota baallii qaddu sodaatee, dhokaataan hordofataa Yesuusii te'eeru, reeffa Yesuusii fannoo irraa fuudhiisaaf Philaaxoos kadhate. Philaaxoos eeyyamee jennaan, Yoseef dhaqee reeffa Yesuusii fuudhe. 39Niqoodemoos, ka duraanuu halkaniin gara Yesuusii dhufeeru, qumbi'ii fi hargiisa wolitti makame, gara kiilograama soddoomii afurii qabatee, Yoseef woliin addee san dhaqe. #Yoh 3:1-2 40Namooti lamaan reeffa Yesuusii fuudhanee akka aadaa Yihudooti reeffa maranutti, fiqiree woliin woyaa qoolaan marane. 41Addee inni itti fannifame san oorru'utti jira; orruu san keessa godi awwaalaa haarenni ka nami tokkolle itti hin awwaalaminitti jira. 42Guyyaa worri Yihudootaa itti qophowanu waan te'eef, godi awwaalaalle dhiyoo waan te'eef, reeffa Yesuusii achitti awwaalane.
Currently Selected:
Wongeela Yohaannisii 19: GAXNT
Highlight
Share
Copy
Want to have your highlights saved across all your devices? Sign up or sign in
Guji Oromo New Testament © Bible Society of Ethiopia, 2007.