YouVersion Logo
Search Icon

Wongeela Yohaannisii 18

18
Yesuus Qabame
(Mat 26:47-56; Mar 14:43-50; Luq 22:47-53)
1Yesuus daadimata kana daadimateen duuba, barattoota ifii woliin dhooqa Qedirooniitiin gama dhaqe. Addee san oorru'utti jira. Yesuusii fi barattooti isaa oorruu san seenane. 2Yesuusii fi barattooti isaa yennaa hedduu achitti waan wol dhagganuuf, Yihudaan dabarsee isa kenne addee san hin beekaayyu. 3Maarre Yihudaan loltoota worra Rooma'aa, eeddoota Galma Waaqaa ka mootota hayyootaatiin ergamanee fi Fariisaayota guuratee gara addee oorru'uu san dhaqe; isaan meya woraanaa hidhatanee faanosi'ii fi xassaa qabataneeran. 4Yesuus waan itti dhufaaru beekee, gara duraa itti deemee, “Eennu barbaaddan?” isaaniin jedhe.
5Isaan deebisanee, “Yesuusii biyya Naaziretii ti” jedhane.
Inni, “Aninuu isa” isaaniin jedhe. Yihudaan isa dabarsee kennelle isaan woliin achi dhaabbateeraayyu. 6Yennaa Yesuus, “Aninuu isa” jedhe gara duubaa sissiqanee lafatti jigane. 7Ammalle Yesuus, “Eennu barbaaddan?” jedhee isaan gaafate.
Isaan, “Yesuusii Naaziretii ti” jedhane.
8Yesuus deebisee, “ ‘Aninuu isa’ jedhee isinitti himeera. Isin, ana yoo barbaadiisatti jiraattane, worra kana lakkisa'a deemanuu ti” jedhe. 9Dubbiin inni tanaan dura, “Abba'a, worra ati anaaf kennite keessaa tokkolle hin ganne” jedhe akka muummottuuf tana dubbate.
10Simoon Pheexroos, goraadee qabateeru buqqifatee, garbicha hayyicha gudda'aa dhowee, gurra isaa middicha irraa kute. Maaqaan garbicha saniille Maalkoos. 11Yesuus Pheexroosiin, “Goraadee keeti gonofa'atti deebisi! Muduunuu rakko'oo ta Abbaan kiyya akka ani unuuf anaa kenne ani hin unuu?” jedhe.
Yesuus Hayyicha Guddaa Dura Dhiyaate
12Achiin duuba loltooti worra Roomma'aa worra isaan ajajuu fi Yihudoota Galma Waaqaa eeganu woliin Yesuus qabanee, hidhanee, 13matooma gara Haannaas isa geessane. Haannaas abbaa-soddaa Qayyaaffa'aa ti; Qayyaaffaan bara san Hayyicha Guddaa te'eeraayyu. 14Qayyaaffaan kunille, nami tokko kolbaa maraaf yoo du'e woyya jedhee Yihudoota baallii qabanu ka gorse.
Pheexroos Yesuus Mormate
(Mat 26:69-70; Mar 14:66-68; Luq 22:55-57)
15Simoon Pheexroosii fi barataan dhibiin Yesuus hordofane. Barataan dhibiin sun Hayyicha Guddaa biratti beekkamaa waan te'eef, Yesuus woliin gara dalleya mana hayyicha gudda'aa seene. 16Pheexroos ammoo karra duratti hafe. Barataan dhibiin, Hayyicha Guddaa biratti beekkame sun gad bayee, durrittii karra eeddutti himee, Pheexroos ol seensise. 17Durrittiin karra eeddu Pheexroosiin, “Ati barattoota namicha sanii keessaa tokkoo motii?” jette. Pheexroos deebisee, “Waawwo'o, anaa moti” jedhe. 18Boojjiin waan jirtuuf, tajaajiltootaa fi worri eeddotaa ibbidda cile'ee gabbisanee, naannoo isaa dhaabbatanee, o'ifatiisatti jiran. Pheexroosille isaan woliin dhaqee dhaabbatee o'ifate.
Hayyichi Guddaan Gaaffii Yesuus Gaafate
(Mat 26:59-66; Mar 14:55-64; Luq 22:66-71)
19Hayyichi guddaan marroo barattoota isaatii fi marroo barsiisa isaa Yesuus gaafate. 20Yesuus deebisee, “Ani mudhinnatti nama maratti dubbadheera; yennaa mara mana Waaqeffannaa Yihudootaatii fi Galma Waaqaa keessatti addee kolbaan marti wolitti qabantutti barsiiseera. Ani dhossa'atti waan tokkolle hin dubbanne. 21Ati maaf na gaafatta ree? Kolbaa na dhageette gaafadhu. Isaan waan ani jedhe hin beekan.
22Yennaa Yesuus tana jedhe, worra eeddotaa ka achi jiranu keessaa tokkko, “Hayyicha gudda'atti attam akkas deebittee dubbatta?” jedhee isa kabale.
23Yesuus deebisee, “Yoo ani dokonkora dubbadhee jiraadhe, dokonkora san nama as jirutti himi. Yoo ani sirrii dubbadhee jiraadhe ammoo ati maaf na dhootta?” isaan jedhe. 24Achiin duuba Haannaas, akkuma inni hidhamee jiruun, gara Qayyaaffaa hayyicha gudda'aa isa erge.
Pheexroos Ammalle Yesuus Mormate
(Mat 26:71-75; Mar 14:69-72; Luq 22:58-62)
25Simoon Pheexroos adoo achi dhaabbatee ibidda o'ifatiisatti jiruu, worri dhibiin isaan, “Atille barattoota isaa keessaa tokkoo motii?” isaan jedhane. Pheexroos ammoo, “Waawwo'o, anaa moti” jedhee mormate. 26Garboota hayyicha gudda'aa keessaa tokko, firri namicha Pheexroos gurra irraa kutee, “Isa woliin orruu keessatti ani si hin dhagginee?” jedhee isa gaafate. 27Pheexroos ammalle mormate; yoosuma lukkuun iyyite.
Yesuus Philaaxoos Duratti Dhiyeeffame
(Mat 27:1-2, 11-14; Mar 15:1-5; Luq 23:1-5)
28Barii halkaniin Yesuus mana Qayyaaffa'aatii gara galma bulchaa biyyaa geessane. Yihudooti baalli qabanu nyaata Jila Irra Dabaramaa nyaatiisaaf akka dande'anu, qulqullinna aadaa dhugeeffannaa isaanii eegatiisaaf waan barbaadaneef, galma bulchaa biyyaa hin seenne. 29Tanaaf Philaaxoos gara isaanii gad bayee, “Wonni isin namicha kana ittiin himattanu maan?” jedheen.
30Isaan deebisanee, “Adoo inni yakkaa tokko hin hujin nuuti gara keeti isa hin finnuuyyu” jedhaneen.
31Philaaxoos isaaniin, “Isinunti isa fuudha'aatii, akka seera keessaniititti itti mura'a” jedhe.
Isaan, “Nuuti nama tokkolle ijjeesu'uuf seerri nuuf hin kennu” jedhanee deebisane. 32Dubbiin Yesuus du'a attamii akka du'uuf jiru dubbate akka muummottuuf tun teete.
33Philaaxoos gara galma ifii deebi'ee seenee, Yesuus waamee, “Ati mootii Yihudootaatii?” jedhee isa gaafate.
34Yesuus deebisee, “Gaaffii tana si'ummatti gaafata moo yookiin worra dhibi'itti marroo tiyya sitti hime?” jedhe.
35Philaaxoos deebisee, “Ati nama Yihudi'ii na seetaa? Kolbuma teetii fi mootota hayyootaatitti gara kiyya dabarsee si kenne. Ati maan gooteerta?” jedhe.
36Yesuus deebisee, “Mootummaan tiyya ta biyya lafa tanaatii moti; adoo mootummaan tiyya ta biyya lafa tanaa teetee, akka ani worra Yihudoota baallii qabanutti dabarfamee hin kennanne, silaa hordofattooti tiyya anaaf hin lolaniiyyu. Mootummaan tiyya ammoo ta biyya lafa tanaatii moti. 37Maarre Philaaxoos, “Ati mootii Yihudootaatii ree?” jedhee isa gaafannaan, Yesuus deebisee, “Akka ani mooti'ii atinuu jette. Ani marroo dhuga'aatiif dhugaa bayiisaaf dhaladhee, gara biyya lafaa dhufe. Ka dhuga'aa ka te'e ana hin dhage'a” jedhe. 38Philaaxoos, “Dhugaan maan inni?” jedhee gaafate.
Yesuusitti Duuti Murante
(Mat 27:15-31; Mar 15:6-20; Luq 23:13-25)
Achiin duuba Philaaxoos gara kolba'aa deebi'ee gad bayee, “Ani yakkaa isa himachiittu tokkolle isa irratti hin dhaggu. 39Ammoo ani yennaa Jila Irra Dabaramaa, yennaa mara nama hidhameeru tokko akka isinii hiiku barattaneertan. Mootii Yihudootaa akka ani isiniif hiiku barbaaddanii?” isaaniin jedhe. 40Jennaan isaan, “Waawwo'o, isaa moti! Barabbaa nuu hiiki!” jedhane itti hogisane; Barabbaan nama nama saamaa ture.

Highlight

Share

Copy

None

Want to have your highlights saved across all your devices? Sign up or sign in