YouVersion Logo
Search Icon

Wongeela Yohaannisii 20

20
Yesuus Du'aa Ka'e
(Mat 28:1-8; Mar 16:1-8; Luq 24:1-12)
1Guyyaa dilbataa ganama, barii halkan, Maariyaamiin qachaa Magdela'aa gara goda awwaalaa dhaxxee, dhakaan afaan goda awwaalaa irraa fuudhameeruun dhaggite. 2Isiin gara Simoon Pheexroosiitii fi barataa kaanii, ka Yesuus isa jaalatee, rukkittee dhaxxee, “Goottaa goda awwaalaa keessaa fuudhaneeran; isaan eessa akka isa keyaneeranu nuuti hin beennu” jettee isaanitti hinte.
3Achiin duuba Pheexroosii fi barataan kuun gara goda awwaalaa dhaqane. 4Isaan lamaanuu woliin rukkisanee, barataan kuun ammoo Pheexroos caalaa ariifatee rukkisee, dursee goda awwaalaa bira geye. 5Inni gad jedhee woyaa qoolaa ta ittiin marante achitti dhagge malee, keessa hin seenne. 6Simoon Pheexroos isa duubaan dhufee, boolla awwaalaa keessa seenee, woyaa qoolaatii 7fi woyaa mataa Yesuusiititti maraneeranulle achitti dhagge. Woyaan mataa Yesuusiititti maraneeranu, woyaa qoolaa ta ittiin marane woliin adoo hin te'in qofuu marantee achi jirti. 8Achiin duuba barataan Pheexroos dursee goda awwaalaa bira geye kuunille, keessa seenee, dhaggee dhugeeffate. 9Isaan Barreeffama Woyyicha, “Inni du'aa ka'uu qaba” jedhu haga ammaa hin hubanne. 10Achiin duuba barattooti lamaan sun gara manaa deebi'anee galane.
Yesuus, Maariyaamii Qachaa Magdela'aatitti Mudhate
(Mat 28:9-10; Mar 16:9-11)
11Maariyaam goda awwaalaatiin ala dhaabbattee booyiisatti jirtiiyyu. Adoo booyiisatti jirtuu, gad jettee goda awwaalaa keessa ilaaltee, 12ergantooti Waaqaa lamaan uffana adii uffatanee, addee reeffi Yesuusii dur jiru, tokkochi gara mata'aatiin, kuun gara miilaatiin tee'aneeranuu dhaggite. 13Isaan, “Dubartii tana, maaf bootta?” jedhanee isii gaafatane.
Isiin deebittee, “Goottaa kiyya fuudhaneeran; eessa akka isa keyaneeranu ani hin beeku!” jette.
14Achiin duuba isiin garagaltee Yesuus achi dhaabbateeruun dhaggite; ammoo akka inni Yesuus te'e hin beenne. 15Yesuus, “Dubartii tana, maaf bootta? Ati eennu barbaadda?” jedhee isii gaafate.
Isiin, nama oorruu eegu isa seetee, “Goottaa kiyya, ati yoo isa asii fuutee jiraatte, eessa akka isa keette anatti him, ani dhaqee isa fudhadhaa” jetteen.
16Yesuus, “Maariyaam” isi'iin jedhe. Isiin gara isaa garagaltee afaan Ibrootaatiin, “Rabbunii” jetteen; akkas jechuun, “Barsiisaa” jechu'u.
17Yesuus, “Ana hin qabin! Sababille ani haga ammaa gara Abba'aa ol hin baane. Ammoo gara obboleeyyan tiyyaa dhaqiitii, ‘Ani gara Abbaa kiyyaatii fi Abbaa keessanii, gara Waaqa kiyyaatii fi Waaqa keessanii ol bayaara’ jedhiitii isaanitti himi!” jedhee isi'itti hime. 18Maarre Maariyaamiin gara qachaa Magdela'aa dhaxxee akka Goottaa dhaggiteertuu fi waan inni isi'itti hime barattootatti hinte.
Yesuus Barattoota Ifiititti Mudhate
(Mat 28:16-20; Mar 16:14-18; Luq 24:36-49)
19Dilbata san galgala, barattooti Yihudoota baallii qabanu waan sodaataneef, wolitti dacha'anee balbala cufataneeranuun, Yesuus dhufee odduu isaanii dhaabbatee, “Nageenni isiniif te'u!” jedhe. 20Tana jedheen duuba, cinaacha ifiitii fi harka ifii lamaan isaanitti mudhise. Barattooti Goottaa waan dhagganeef guddoo gammadane. 21Yesuus ammalle, “Nageenni isiniif te'u. Akkuma Abbaan ana erge, anille isin erga” isaaniin jedhe. 22Achiin duuba inni hafuura isaanitti baafatee, “Ayyaana Woyyicha fudhadha'a! 23Isin yoo cubbuu kolba'aa araarantane, isaan araara hin dhaggatan; isin yoo hin araaramin, isaan araara hin dhaggatanu” jedhe.
Yesuusii Fi Toomaas
24Barattoota kudhanii lamaan keessaa, Toomaas, “Lakkuu” ka jedhame, yennaa Yesuus dhufe isaan woliin hin jiru. 25Maarre barattooti dhibiin, “Nuuti Goottaa dhaggineerra!” jedhanee itti himane.
Toomaas isaaniin, “Madaa misimaaraa harka isaa lamaaniituu dhaggee, quba kiyya yoo keye malee, madaa cinaacha isaa keessalle harka kiyya yoo keye malee, ani hin dhugeeffadhu” jedhe.
26Torbaan tokkoon duuba ammalle barattooti isaa wolitti qabamanee mana keessa jiraniiyyu; Toomaasille isaan woliin jira. Balbalti cufanteertuun, Yesuus ammoo dhufee odduu isaanii dhaabbatee, “Nageenni isiniif te'u” jedhe. 27Achiin duuba inni Toomaasiin, “Quba keeti as fidii irra keyii, harka kiyya lamaan ilaali; harka keetille diriirsiitii madaa cinaacha kiyyaa keessa keyi. Dhugeeffadhu malee, hin mamin!” jedhe.
28Toomaas deebisee, “Goottaa kiyya, Waaqa kiyya!” jedhe. 29Yesuus isaan, “Waan ana dhaggiteef dhugeeffattee? Worri adoo ana hin dhaggin dhugeeffatu ka badhaadhe!” jedhe.
Kaayoo Kitaaba Kanaa
30Yesuus bilbaasota hedduu, ka kitaaba kana keessatti hin barreeffamin, barattoota ifii duratti hujeera. 31Bilbaasoti kun ammoo akka Yesuus Masiihii te'ee fi Ilma Waaqaalle te'e, itti dhugeeffatiisaan maqaa isaatiin jiruu akka dhaggattanu barreeffamane.

Highlight

Share

Copy

None

Want to have your highlights saved across all your devices? Sign up or sign in