YouVersion Logo
Search Icon

Wongeela Yohaannisii 21

21
Yesuus Barattoota Torbatti Mudhate
1Kanaan duuba, Yesuus qarqara abbaayaa Xiberiyaasiititti ammalle barattoota ifiititti mudhate. Akki inni itti mudhatelle akkas: 2Simoon Pheexroos, Toomaas, “Lakkuu” ka jedhame, Naataanaa'el nami qachaa Qaana'aa ka lafa Galiila'aa, ilmaan Zabedewoosiitii fi barattooti Yesuusii ta dhiibiin lamaan woliin jiraniiyyu. 3Simoon Pheexroos, “Ani qurxummii guuriisa dhaqaara” isaaniin jedhe.
Isaanille, “Nuutille si woliin dhandhaa” jedhaneen. Maarre isaan gad bayanee hoboloo yaabane. Halkan san ammoo waan tokko hin qabanne. 4Yenna aduun baatu, Yesuus qarqara bisaanii dhaabbate; barattooti ammoo akka Yesuus te'e hin beenne. 5Achiin duuba inni isaaniin, “Ijoolle! Qurxummii woyii qaddanii?” jedhee isaan gaafate.
Isaan, “Waawwo'o” jedhanee deebisane.
6Inni isaaniin, “Hobolo'oon gara middaatitti caccoo teessan buusa'a, hin guurattan” jedhe. Isaanille caccoo buusanee qurxummii hedduu waan qabaneef, harkisuu dadhabane.
7Barataan Yesuus isa jaalate, Pheexroosiin, “Gootta'aa be!” jedhe. Pheexroos akka inni Goottaa te'e yennaa dhage'e, woyaa facaafatu ta ifi irraa baafateeru uffatee gara abbaaya'aa utaale. 8Barattooti kuun gara ciqilee dhibba lamaa calla lafa irraa waan fagaataneeranuuf, caccoo qurxummiin guutte harkisaa, hoboloo keessa tee'anee, gara qarqara abbaaya'aa dhufane. 9Isaan yennaa qarqaratti bayane, daabbo'oo fi qurxummii kashila cile'ee irra jirtu achitti dhaggane. 10Achiin duuba Yesuus isaaniin, “Qurxumuma amma qabattane irraa fida'a” jedhe.
11Simoon Pheexroos hoboloo yaabee, caccoo qurxummiin gugurdoon dhibbaa fi shantamii sadii keessa guutte, gara lafaa harkise; adoo qurxummiin haga kana heddattuu, caccoon hin tarsaane. 12Yesuus isaaniin, “Kowa'aa diiranteeffadha'a!” jedhe. Isaan Goottaa te'uu isaa waan beekaneef, barattoota keessaa tokkolle, “Ati eennu?” jedhee gaafatiisaaf ka itti game hin jiru. 13Maaarre Yesuus dhufee, daabboo fuudhee, isaaniif kenne; qurximmiille akkasuma godhe.
14Yesuus eega du'aa ka'e, barattootatti mudhatuun isaa tun yennaa sadeesso'oo ti.
Yesuusii Fi Pheexroos
15Diiranteeffatanee ka'aneeranuun duuba, Yesuus Simoon Pheexroosiin, “Simoonii ilma Yohaannisii#21:15 woraabbiin durii gariin “Yoonaa” jedhan, worra kana caalaa na jaallattaa?” jedhe.
Inni, “Ee, Goottaa, akka si jaalladhu atuu hin beetta” jedhee deebise.
Yesuus isaan, “Ilmoolee tiyya dheedisiis#21:15 dheedisiisi: kunuunsi” jedhe. 16Yesuus lammeessoo, “Simoonii ilma Yohaannisii, ana jaallattaa?” jedheen.
Inni, “Ee, Gootta'a, akka si jaalladhu atuu hin beetta” jedhee deebise.
Yesuus, “Buruusoo tiyya tissi” jedheen. 17Yesuus yennaa sadeesso'oo, “Simoonii ilma Yohaannisii, ana jaallatta?” jedhe.
Pheexroos waan inni sadeessoo, “Ana jaallattaa?” jedhee isa gaafateef gaddee, “Gootta'a, ati waan mara beetta; akka si jaalladhu atuu hin beetta” jedheen;
Yesuus, “Hoolee tiyya bobbaas” jedheen. 18Ani dhugaa si'iin jedha: Ati yennaa dargaggeessaa, hidhattee gara barbaadde deentaayyu; yennaa dulloonte ammoo, harka keeti diriiffatteen, nami dhibiin sitti hidhee gara ati hin jaallanne si geessa” jedheen. 19Yesuus tana jedhiisaan, Pheexroos du'a attamii du'ee Waaqa akka ulfeessu'uuf jiru mudhise. Achiin duuba Yesuus, “Na hordofi!” isaan jedhe.
Yesuusii Fi Barataa Jaallatamaa
20Pheexroos garagalee barataan Yesuus isa jaallatu kuun Yesuus hordofuun dhagge; barataan kun ka irbaata irratti gara Yesuusii ittuma hiiqee, “Gootta'a, ka dabarsee si kennaaru eennu inni?” jedhee gaafate. 21Pheexroos yennaa isa dhagge, “Gootta'a, namichi kun maan te'a ree?” jedhee Yesuus gaafate.
22Yesuus, “Haga ani dhufutti akka inni le'u ani yoo fedhe maanti si dhibe? Na hordofi” jedheen.
23Maarre oduun, “Barataan kun hin du'u” jettu worra Yesuus hordofu oddu'utti odeeffante. Yesuus ammoo, “Haga ani dhufutti akka inni le'u ani yoo fedhe maanti si dhibe?” jedhe malee, inni hin du'u hin jenne. 24Ka waan kana dhugaa bayee fi ka waan kanalle barreesse baratuma kana; nuutille wonni inni dhugaa baye dhugaa akka teete hin beenna.
25Wonni Yesuus huje dhibiin heddu'utti jira. Marti isi'iituu tokko tokkoon adoo barreeffantee jiraattee, silaafuu biyyi lafaa duudiin kitaabota barreeffamanu kana dandeettee hin ba'attuyyuu jedhee herrega.

Highlight

Share

Copy

None

Want to have your highlights saved across all your devices? Sign up or sign in