Diiranteeffatanee ka'aneeranuun duuba, Yesuus Simoon Pheexroosiin, “Simoonii ilma Yohaannisii, worra kana caalaa na jaallattaa?” jedhe.
Inni, “Ee, Goottaa, akka si jaalladhu atuu hin beetta” jedhee deebise.
Yesuus isaan, “Ilmoolee tiyya dheedisiis” jedhe. Yesuus lammeessoo, “Simoonii ilma Yohaannisii, ana jaallattaa?” jedheen.
Inni, “Ee, Gootta'a, akka si jaalladhu atuu hin beetta” jedhee deebise.
Yesuus, “Buruusoo tiyya tissi” jedheen. Yesuus yennaa sadeesso'oo, “Simoonii ilma Yohaannisii, ana jaallatta?” jedhe.
Pheexroos waan inni sadeessoo, “Ana jaallattaa?” jedhee isa gaafateef gaddee, “Gootta'a, ati waan mara beetta; akka si jaalladhu atuu hin beetta” jedheen;
Yesuus, “Hoolee tiyya bobbaas” jedheen.