Kana irratti Shaadraak, Meshaakii fi Abed-Neegoon mootichaaf deebisanii,<<Yaa Nebukadnezaar, waa'ee kanaaf nuyi deebii siif kennuu iyyuu nu hin barbaachisu. Oolchuu yoo ta'e immoo, Waaqayyo keenya inni nuyi waaqessinu ibidda boba'aa keessaa nu oolchuu in danda'a, harka kee keessaas nu in oolcha, yaa mootii*! Yoo kana fedhuu dhabaatte iyyuu, nuyi waaqayyolii kee akka hin waaqessine, bifa fakkeenya warqee irraa hojjetame ati dhaabdeefis akka hin saganne beeki, yaa mootii!>> jedhan*.