Daani'el,
<<Ogummaanii fi aangoon kan isaa
waan ta'eef,
maqaan Waaqayyoo
baraa hamma bara baraatti
eebbifamaa haa ta'u!
Inni yeroo, kutaa baraas in geddara,
mootota mootummaa irraa in buusa,
isaan in moosisas;
warra ogeessotaaf iyyuu ogummaa,
warra beektotaafis hubatanii beekuu isatu kenne*.
Dubbii gad fagoodhaa fi dhokataa in mul'isa,
wanta dukkana keessa jiru in beeka,
ifnis isa bira in jiraata.