Seera Uumamaa 25

25
Abrahaam Ergasii Fuudhee Ijoollee Godhachuu Isaa
(1Sen 1:32-33)
1Abrahaam haadha manaa kan biraa fuudhe; maqaan ishees <<Qexuuraa>> jedhama ture. 2Isheen ijoollee,<<Zimraan, Yokshaan, Medaan, Miidiyaan, Ishbaak, Shuwaa>> jedhaman in deesseef. 3Yokshaan immoo Sheebaa fi Dedaanin dhalche; ilmaan Dedaan, Ashuriim, Letushiim, Le'umiim; 4ilmaan Miidiyaan immoo, Efaa, Efer, Henok, Abiidaa, Elda'aa turan; isaan kun hundinuu ijoollee warra Qexuuraan hortee dha.
5Abrahaam wanta qaba ture hundumaa Yisihaqiif in kenne. 6Ijoollee saajjatoota isaatiif garuu Abrahaam fayyaatti utuu jiruu kennaa kekkenneefii, ilma isaa Yisihaq irraa kaasee, gara boruutti biyya ba'a-biiftuutti isaan erge.
Abrahaam Du'uu Isaa
7Barri Abrahaam jiraate waggaa dhibbaa fi torbaatamii shan ture. 8Abrahaam in obbaafate; ba'eessa godhee dulloomee baras quufee in du'e, gara saba isaattis in sassaabame*. 9Yisihaqii fi Ishmaa'el ilmaan isaa, holqa Makfelaa maasii Efron ilma Zohaar Heetichaa, isa Mamree irraa gara ba'a-biiftuutti hafu sana keessatti, isa in awwaalan. 10Maasichi isa Abrahaam ijoollee Heet irraa bitee ture; Abrahaam haadha manaa isaa Saaraa biratti achitti awwaalame*. 11Abrahaam erga du'ee, Waaqayyo Yisihaqin ilma Abrahaam in eebbise; Yisihaqis <<Be'er-Lahaayi-Ro'i>> iddoo jedhamu in taa'e*.#8 15:15 10 23:3-16 11 24:62
Sanyii Ishmaa'el
(1Sen 1:28-31)
12Hiddi dhaloota sanyii Ishmaa'el isa Aggaar xomboreen Saaraa isheen nama biyya Gibxii sun Abraamiif deesse, kanatti fufee in lakkaa'ama; 13maqaan ilmaan Ishmaa'el akkuma tarree dhaloota isaaniitti, Nabaayot ilma Ishmaa'el isa angafa, Qedaar, Adbi'el, Miibsaam, 14Miishmaa, Dumaa, Maasaa, 15Hadaad, Temaa, Yetuur, Nafiish, Qedimaas ture. 16Ilmaan Ishmaa'el isaan kana turan; gandi isaaniif lafti buufata isaanii maqaa isaanii kanaan in waamamu; akka gosa isaaniittis gurguddoota kudha lama qabu*. 17Barri Ishmaa'el jiraate waggaa dhibbaa fi soddomii torba ture; Ishmaa'el in obbaafate, gara sanyii isaattis in sassaabame. 18Inni fuullee obboloota isaa hundumaa qabatee waan tureef, ijoolleen isaa lafa <<Awiilaa fi Shuur>> jedhaman gidduu taa'an; innis lafa yeroo gara biyya Asoritti adeeman fuullee Gibxiitti mul'atuu dha.#16 17:20
Dhaloota Esaawuu fi Yaaqoob Ilmaan Yisihaq
19Hiddi dhaloota sanyii Yisihaq ilma Abrahaam kanatti fufee in lakkaa'ama; Abrahaam Yisihaqin dhalche. 20Yisihaq nama waggaa afurtamaa yeroo ta'e, Ribqaa in fuudhe; isheen intala Batu'el nama Aaram isa Phaadaan-Aaram#Uma 25:20 <<Phaadaan-Aaram>> Mesophotaamiyaa irraa gara harka bitaa, lixa-biiftuutti argama;<<Aaram>> booddee<<Sooriyaa>> jedhame. sanaa ti; isheen obboleettii Laabaan nama Aaram turte. 21Yisihaq waa'ee haadha manaa isaa ishee dhabduu turteef Waaqayyoon kadhate; Waaqayyos wanta inni kadhate waan dhaga'eef, Ribqaan haati manaa Yisihaq in ulfoofte. 22Ijoolleen garaa ishee keessatti wal in dhidhiitu turan; isheenis,<<Erga akkas ta'ee, kun maal anaaf godha ree?>> jette; kanas Waaqayyoon gaafachuu in dhaqxe.
23Waaqayyos isheedhaan,
<<Gadameessa kee keessa saba lamatu jira;
gosoonni lamaan si irraa dhalatanis
gargar in hiramu;
gosa isa tokkotu isa kaan irra jabaata;
isa angafatu isa quxisuudhaaf ergama!>> jedhe*.#23 27:29,37; Mil 1:2-3; Rom 9:10-13
24Yeroon da'uu ishee yommuu ga'e, kunoo lakkuun gadameessa ishee keessa turan. 25Inni duraa diimaa, dhagni isaa hundinuus akka uffata dabbasaa qabuu rifeensa'aatu as ba'e; maqaas isaa <<Esaawuu>> jedhaniin. 26Isa booddeedhaan immoo obboleessi isaa as ba'e; harki isaa koomee Esaawuu qabatee ture; maqaan isaas <<Yaaqoob>> jedhame; yeroo isaan dhalatan Yisihaq nama waggaa jaatamaa ture*.#26 Hos 12:4
Esaawuun Carraa Angafummaa Isaa Gurguruu Isaa
27Ijoolleen kunis in guddatan; Esaawuun nama akka itti adamsu beeku, nama bakkee oolu ta'e; Yaaqoob garuu nama amal-toleessa qe'ee keessa oolu ture. 28Yisihaq wanta inni adamsee fidu nyaachuun waan itti toluuf, Esaawuu in jaallata ture; Ribqaan garuu Yaaqoobin in jaallatte.
29Gaaf tokko utuu Yaaqoob nyaata tolchuutti jiruu, Esaawuun bakkeedhaa dhufee ol gale; isas uruuriin dha'ee ture. 30Esaawuun yommus Yaaqoobiin,<<Amma uruuriin na dha'eraa, nyaata diimaa sana akkan nyaadhuuf anaaf kenni!>> jedhe; kanaafis maqaan isaa <<Edoom>> jedhame; [<<Edoom>> jechuun <<Diimticha>> jechuu dha]. 31Yaaqoob immoo,<<Ati dura angafummaa kee anatti gurguri kaa!>> jedheen. 32Esaawuunis,<<Anoo amma du'uu ga'e, angafummaan kun maal anaaf godha ree?>> jedheen. 33Yaaqoob immoo,<<Dura anaaf kakadhu!>> jedhe; innis in kakateef; akkasittis angafummaa isaa Yaaqoobitti in gurgure*. 34Yommus Yaaqoob buddeenaa fi ittoo misiraa sana Esaawuuf in kenne; innis nyaatee, dhugee, ka'ees karaa isaa irra in bu'e; Esaawuun akkasitti angafummaa isaa in tuffate.#33 27:36; Ibr 12:16

Currently Selected:

Seera Uumamaa 25: MacQul

Qaqambisa

Share

Copy

None

Ufuna ukuba iimbalasane zakho zigcinwe kuzo zonke izixhobo zakho? Bhalisela okanye ngena