Seera Uumamaa 21

21
Dhaloota Yisihaq
1Waaqayyo akkuma abdachiisee ture, Saaraa in yaadate; akkuma dubbates isheedhaaf in godhe*. 2Erga Abrahaam dulloomee yeroo itti Waaqayyo,<<Haati manaa kee ilma in deessi>> jedhee isatti dubbatee turetti, Saaraan ulfooftee ilma in deesseef*. 3Abrahaamis maqaa ilma isaaf dhalate, isa Saaraan deesseefii sana <<Yisihaq>> jedhee moggaase; [<<Yisihaq>> jechuun <<In kolfa>> jechuu dha*]. 4Akkuma Waaqayyo isa abboomee turetti, ilmi isaa Yisihaq dhalatee guyyaa saddeetitti, Abrahaam dhagna isa qabe*. 5Yeroo ilmi isaa Yisihaq dhalateef, Abrahaam nama waggaa dhibbaa ture*. 6Saaraanis,<<Waaqayyo sababii ani ittiin kolfu anaaf kenne, warri dhaga'an hundinuus anaa wajjin in kolfu>> jette. 7Itti dabaltees, << <Saaraan mucaa hoosisuuf jetti?, jedhee Abrahaamitti himuu eenyutu yaade ree>> Ani garuu bara dulluma isaatti ilma da'eeraaf!>> jette.#1 18:10 2 Ibr 11:11 3 17:19 4 17:9-14; HoE 7:8 5 17:17
8Yisihaq guddatee harma in guufame; Abrahaamis gaafa mucichi harma guufame, cidha guddaa godhee in nyaachise.
Aggaarii fi Ishmaa'el Manaa Baafamuu Isaanii
9Saaraan garuu, ilmi Aggaar ishee Gibxittii sanaa, inni isheen Abrahaamiif deesse, tapha gadhee utuu taphatuu argite; 10kanaafis Abrahaamiin,<<Ilmi xomboree kanaa ilma koo Yisihaqii wajjin dhaaluun isaaf waan hin taaneef, xomboree kana ilma ishee wajjin manaa baasi!>> jette*. 11Dubbiin waa'ee Ishmaa'el ilma isaatii kun Abrahaamin baay'ee in rakkise. 12Waaqayyo garuu Abrahaamiin,<<Waa'een mucichaa fi waa'een xomboree keetii si hin rakkisin! Sanyiin kee maqaa Yisihaqiin waan waamamuuf, waanuma Saaraan sitti himtu dhaga'i*! 13Ilmi xomboreettiis dhala kee waan ta'eef, isas immoo saba tokko nan godha>> jedhe*.#10 Gal 4:29-30 12 Rom 9:7-8; Ibr 11:18 13 17:20; 25:12-18
14Abrahaamis ganama bariidhaan ka'ee, buddeenaa fi bishaan qalqala tokko Aggaariif kennee, mucichas gatiittii ishee irra kaa'ee ishee adeemsise; isheenis achii baatee lafa onaa Bersheebaa keessa in joorte. 15Yeroo bishaanichi qalqala keessaa dhumetti, Aggaar mucicha huuxxii tokko jalatti gatte; 16kana booddee hamma darba-eeboo irraa fagaattee, fuullee isaa dhaqxee teesse; isheen,<<Yommuu mucichi du'u, taa'ee hin ilaalu!>> waan jetteef, fuullee isaa teessee sagalee ishee ol fuutee in boosse. 17Waaqayyo sagalee boo'icha mucichaa in dhaga'e; ergamaan Waaqayyoos bantiiwwan waaqaa keessaa Aggaarin waamee,<<Aggaar, maal taate>> Mucichi iddoo jirutti Waaqayyo sagalee isaa dhaga'eeraatii hin sodaatin! 18Ani saba guddaa isa gochuufan jira, ka'ii mucicha ol fuudhi, harka keetiinis jabeessii isa qabi!>> jedheen.
19Yommus Waaqayyo ija ishee in baneef; isheenis boolla bishaanii tokko in argite; dhaqxees bishaan qalqalichatti guuttee, mucichas in obaafte*. 20Waaqayyo mucichaa wajjin ture, innis in guddate; inni lafa onaa keessa jiraatee, nama xiyya darbachuutti beekame in ta'e. 21Inni Phaaraan lafa onaa keessa jiraate; haati isaas durba warra Gibxii isa in fuusifte.#19 2Mot 6:17,20
Abrahaamiif Abiimelek Waliif Galuu Isaanii
22Yeroo sanatti Abiimelek mootichi Fikool abbaa duulaa isaa biratti Abrahaamiin,<<Waaqayyo waan ati hojjettu hundumaatti sii wajjin jira*; 23akkuma ani amanamummaa si argisiise, atis anatti, biyya galaa taatee keessa teessettis argisiisi! Ana irratti, dhala koo irratti, sanyii koo irrattis haxxummaadhaan akka hin hojjenne, amma asitti maqaa Waaqayyootiin anaaf kakadhu!>> jedheen. 24Abrahaamis,<<Tole, ani siif nan kakadha!>> jedhe.#22 26:26
25Achumaan immoo Abrahaam waa'ee boolla bishaanii isa hojjetoonni Abiimelek isa irraa fudhatanii tokkoof Abiimelekin komate; 26Abiimelek,<<Eenyu kana akka godhe, ani hin beeku; ati immoo anatti hin himne, anis hamma har'aatti kana hin dhageenye>> jedheen. 27Yommus Abrahaam hoolota, sangootas geessee Abiimelekiif kenne, isaan lamaanuus kakuudhaan waliif in galan. 28Abrahaam, hoolota goromtii torba karra sanattii addaan baasee dhaabe. 29Abiimelek immoo Abrahaamiin,<<Hoolonni goromtiin torban ati addaan baaftee dhaabde kun immoo maali?>> jedhe. 30Inni immoo deebisee,<<Ani boolla bishaanii kana qotuu koo dhugaa ba'uuf akka ta'utti, hoolota goromtii torban kana ana harkaa fudhadhu!>> jedhe. 31Kanaafis jarri lamaan achitti waan waliif kakataniif, iddoon sun <<Bersheebaa>> jedhame; [<<Bersheebaa>> jechuun <<Boolla bishaan kakuu>> jechuu dha]. 32Bersheebaatti kakuudhaan erga walii galanii booddees, Abiimelekiif Fikool abbaan duulaa isaa ka'anii, gara biyya warra Filiisxiyaatti deebi'an. 33Yommus Abrahaam iddoo <<Bersheebaa>> jedhame kana muka lafa onaa tokko in dhaabe; achittis maqaa Waaqayyo gooftaa bara baraan jiraatuu in waammatte*. 34Kana booddees Abrahaam biyya warra Filiisxiyaa keessa bara baay'eedhaaf galaa ta'ee in jiraate.#33 12:8

Currently Selected:

Seera Uumamaa 21: MacQul

Qaqambisa

Share

Copy

None

Ufuna ukuba iimbalasane zakho zigcinwe kuzo zonke izixhobo zakho? Bhalisela okanye ngena