Seera Uumamaa 22

22
Rabbi Akka Abrahaam Yisaaqiin Ciincaa Isaaf Dhiyeessu Qore
1Waan kanniin maraan maayessa Rabbi Abrahaamiin qoree akkana jedheen, «Abrahaam!» jedhee waame; Abrahaamillee, «Yaa; kunoo as jira!» jedheen.#Ibr. 11:17-19
2«Ilma kee tokkocha jaalattu Yisaaqiin qabii gara biyya Mooriya'aa dhaqii gaara ani sitti mudhisu irratti ciincaa godhii naa dhiyeessi» jedheen.#Sen. 2ffaa 3:1
3Abrahaam ganama obboro'oon ka'ee qoraan ciincaa ittiin ciincessu baqassee harree ufiititti fe'atee hojjattoota ufii lamaanii fi ilma ufii Yisaaqiin fudhatee gara hulee Rabbi itti mudhisee deeme. 4Guyyaa sadeesso'ootitti Abrahaam ol jedhee hulee dhaqa'aaru san fago'otti arge. 5Kanaan maayessa Abrahaam hojjattoota ufiitiin «Harree qabadha'aatii as turaa'a; anii fi ilmi kiyya achi deemnee Rabbii sagannee deebinaa» jedhe.
6Abrahaam qoraan ciincaa ittiin ciincessan ilma ufii Yisaaqitti baachisee innillee ibiddaa fi billawa harkatti qabatee woliin deeman. 7Yisaaqi abbaa ufii Abrahaamiin, «Aabbaa!» jedhee waame; abbaanillee «Yaa ilma kiyya» jedheen. Ibiddaa fi qoraan qabanneerra; hoolaan ciinca'aa hoo meeti?» jedheen.
8Abrahaamillee, «Ilma kiyya! hoolaa ciinca'aa Rabbitu qopheessa» jedheen; isaan lachuu woliin deeman.
9Hulee Rabbi jedheen san haga gayan Abrahaam achitti hulee ciincaa itti ciincessu hojjatee qoraan irratti darabeessee ilma ufii Yisaaqiin hidhee qoraan irra ciibse.#Yaq. 2:21 10Abrahaam billawa fudhatee ilma ufii goorra'u'uuf harka ufii ol fudhate. 11Maleekkaan Rabbii Samii irraa «Abrahaam! Abrahaam!» jedhee waame.
Abrahaamillee, «Yaa; kunoo as jira!» jedhe.
12«Ilma kee hin tuqin; womaa isa hin godhin; waan ilma kee tokkocha na hin dhoogganneef akka Rabbiin sodaattu amma beekeera» jedheen.
13Abrahaam ol jedhee hennaa uf duuba laalu, korbeessa hoola'aa ka buura keessatti gaafni isaa gaale'etti rakkatee qabameeru arge; Abrahaam dhaqee korbeessa hoola'aa san fuudhee bikka ilma ufii ciincaa dhiyeesse. 14Abrahaam hulee san «Yaahiwwee Yiri'e» jedhee waame. Haga adhaallee gaara san irratti «Rabbi hin qopheessa#22:14 Rabbi hin qopheessa Afaan Ibraayisxiitiin «Yaahiwwee Yiri'e» yoo ta'u «Rabbi hin arga» jechu'u.» jedhama.
15Ammallee maleekkaan Rabbii Sami'ii Abrahaamiin waamee 16«Ani maqaa kiyyaan sii kakadha; ‹Guddisee si eebbisa› waan ati ilma kee tokkocha na hin dhoogganneef.#Ibr. 6:13-14 17Ani dhugamaan eebba si eebbisa, hortee keellee akka urjii Sami'iitii fi akka xidhacha galaana biraa baay'isa; horteen kee qe'ee diintotaa dhaala.#Ibr. 11:12 18Ajaja kiyya waan dhageetteef baniin biyya lafaa maruu hortee keetiin eebbifama» jedheen.#Hu. Er. 3:25
19Kanaan maayessa Abrahaam gara hojjattoota ufii deebi'e; achii ka'anii gara Beersaabeehii dhaqanii achi jiraatan.
Hortee Naakoorii
20Haga wonti kunniin ta'een maayessa Milkaan obboleessa kee Naakooriif ijoollee deette jedhanii Abrahaamitti himan. 21Isaanillee ka hangafaa Uus, obboleessa isaa Buuz, abbaa Aaraamii Qaamu'eel, 22Kaazaat, Hazoo, Fiildas, Dilaafii fi Baatu'eeliin fa'a. 23Baatu'eel Ribqaa uumate; Milkaan namoota saddeetii kanniin obboleessa Abrahaamii Naakoorii deette. 24Reehimaan Naakoor mata gala itti galu Xibaahi, Ga'aam, Tahashanii fi Maksaaniin deette.

ప్రస్తుతం ఎంపిక చేయబడింది:

Seera Uumamaa 22: KitWoy

హైలైట్

షేర్ చేయి

కాపీ

None

మీ పరికరాలన్నింటి వ్యాప్తంగా మీ హైలైట్స్ సేవ్ చేయబడాలనుకుంటున్నారా? సైన్ అప్ చేయండి లేదా సైన్ ఇన్ చేయండి

Seera Uumamaa 22 కోసం వీడియో