Seera Uumamaa 23
23
Abrahaam Lafa Reeffa Saara'aa Itti Awwaalu Bitate
1Saara'aan woggaa dhibba tokkoo fi diddamii torba haga taateen maayessa biyya «Qiriyaati Arbaaqitti» duute. 2Biyyi sun Keebroonii Kana'aaniin keessa jirtu. Abrahaamillee guddisee gaddee Saara'aa booye.
3Abrahaam reeffa biraa ka'ee 4«Ani nama baqatee isinitti gale lafa awwaalaa naa kennaa'a reeffa haadha manaa tiyyaa itti awwaaladhaa» jedhee ijoollee Keexi'ii gaafate.#Ibr. 11:9; Hu. Er. 7:16 5Ijoolleen Keexi'iillee Abrahaamiin, 6«Gooftaa keenna nu dhagayi; ati nu jiddu'utti nama gudda'a; nama Rabbiiti; hulee keenna ka awwaalaa bakka mishaa filadhuu reeffa nama keetii awwaali, akka ati reeffa nama keetii hin awwaalle namni si dhooggu hin jiru» jedhanii deebisaniif.
7Kanaan maayessa Abrahaamillee ka'ee banii biyya saniitii fi ijoollee Keexi'iitii sagadee 8«Yoo akka ani reeffa nama kiyyaa awwaaladhu jaalattan 9Eefroonii nama Sa'aarii goda lafa daangaa qonna isaa bira jirtu irraa ristii awwaalaa akka gatii guutu'uun natti gurguru naa kadhadhaa'a» isaaniin jedhe.
10Eefroon ijoollee Keexi'ii jidduu jiraata'aa ture; namni Keexi'ii Eefroon, ijoolleen Keexi'iitii fi worri qachaa san keessa jiraatan maruu kana haga dhagayan 11Abrahaamiin, «Akkasii miti gooftaa keenna nu dhagayi; lafa qonnaatii fi goda daangaa lafa qonnaa jirullee ijoollee gosa tiyyaa afo'otti sii kenneeraa reeffa nama keetii itti awwaaladhu» jedheen.
12Abrahaamillee banii biyya sanii afo'otti gad jedhee; 13uduu namni maruu dhagawu Eefrooniin, «Waan ani jedhu akka naa dhageettu si kadhadha; gatii lafa qonnaa sii kennaa atillee na irraa fudhadhu reeffa haadha manaa tiyyaa achitti awwaaladhaa» jedheen.
14Eefroon Abrahaamiin, 15«Gooftaa kiyya na dhagayi; gatiin lafaa yoo atta guddate saqilii#23:15 saqilii (saqiliin tokko birrii albuudaa kiilogiraamii 4:5 ta'a.) dhibba afur ta'a, tun anaa fi si'i jiddu'utti maali'i? reeffa haadha manaa teetii awwaaladhu» jedhee deebiseef. 16Abrahaamillee waan Eefroon jedheen dhagayee waan ijoollee Keexi'ii afo'otti isaan jedhe saqilii dhibba afurii laakkayee Eefroonii kenne; akkuma worri waa bitee gurguru godhu godhe.
17Qonni Eefroonii ka Maammiree afo'oo ka Abrahaamii ta'e; qonni isaa, gonni qonna bira jiru, munni naannoo lafa qonnaa jiru maruu 18ijoollee Keexi'iitii fi worra qachattii san keessa jiraatan maraa afo'otti ristii Abrahaamii ta'ee mirkanaaye.
19Kanaan maayessa Maammiree Keebroon jedhamtu afo'otti qonna lafa biyya Kana'aanii goda daangaa lafa qonnaa keessatti reeffa Saaraa haadha manaa ufii awwaale. 20Kanaafuu qonninii fi gonni daangaa lafa qonnaa jiru ka ijoollee Keexi'ii ristii lafa awwaalaa ka Abrahaamii ta'e.
ప్రస్తుతం ఎంపిక చేయబడింది:
Seera Uumamaa 23: KitWoy
హైలైట్
షేర్ చేయి
కాపీ
మీ పరికరాలన్నింటి వ్యాప్తంగా మీ హైలైట్స్ సేవ్ చేయబడాలనుకుంటున్నారా? సైన్ అప్ చేయండి లేదా సైన్ ఇన్ చేయండి