Seera Uumamaa 21
21
Yisaaq Dhalate
1Rabbi Saaraa yaadatee akkuma abdachiise godheef. 2Isiin ulfooftee hennaa Rabbi hin deetta jedhee isi'itti dubbatetti jaarruma keessa Abrahaamii ilma deette. #Ibr. 11:11 3Abrahaamillee ilma Saaraan deetteef maqaa isaa «Yisaaqi» jedhee itti baase. 4Abrahaam ilma ufii Yisaaqiin akkuma Rabbi itti hime guyyaa saddeetesso'ootitti gadoomse. #Ser. Uma. 17:12; Hu. Er. 7:8 5Abrahaam hennaa ilmi isaa Yisaaqi dhalatuuf umuriin isaa woggaa dhibba ture. 6Saaraanillee, «Rabbi waan na gammachiisee na kolfisiisu naa kenne; ka waan kana dhagawu maruu sababaa kanaaf hin kolfa.» jette. 7Ammallee, «Silaa eentu Abrahaamitti ‹Saaraan ilma deettee hoosifti› jedhee hima? amma ammo jaarruma keessa ilma dayeeraaf» jette.
8Daa'imnillee guddatee harma gu'e; Abrahaam guyyaa Yisaaqi harma gu'u affeerraa guddaa godhe.
Aggaarii Fi Ismaa'eliin Ari'an
9Saaraan ilmi Aggaarii biyya Misirii hennaa Yisaaqiin woliin taphatu argitee; 10Abrahaamiin, «Garbittii tana ilma isi'ii woliin baasii ari'i; ilmi garbittii tanaa ilma kiyya Yisaaqiin woliin hin dhaaluu» jetteen. #Gal. 4:29-30 11Wonti kun Abrahaamiin guddisee dhiphisee waan ilma ufii Ismaa'eliitiif yaaddaye. 12Rabbi ammo Abrahaamiin, «Waan garbitti'iitii fi waan daa'imaallee hin yaadin; waan Saaraan siin jettu maraa dhagayi; fiixaan kee Yisaaqiin waamama. #Rom. 9:7; Ibr. 11:18 13Ilma garbitti'iillee akkasuma banii guddaa taasisa; innillee waan ilma kee ta'eef» jedheen.
14Abrahaam ganamaan ka'ee xoroshoo fuudhee bisaan qalqalaan Aggaaritti kennee daa'imallee duddatti baachisee isii baase; isiinillee deemtee lafa gammoojjii Beersaabeehiititti rakkatte. 15Bisaan qalqala keessaa jalaa dhumnaan daa'ima ufii saatoo tokko jalatti gattee deemte. 16Isiin, «Hennaa daa'imni kiyya du'u hin argu» jettee haga darba ebo'oo irraa fagaattee kolba isaatiin teettee laagaa ufii ol qabattee bootte.
17Rabbillee booyicha daa'imaa dhagaye; maleekkaan Rabbii Sami'ii Aggaariin waamee «Maal taate? Rabbi laagaa daa'imaa dhagayeeraa hin sodaatin; 18ka'ii daa'ima fuudhii ammadhuu sossobi; banii guddaa isa taasisaa.» jedheen. 19Rabbi ija isi'ii banee boolla bisaanii argitee dhaxxee qalqala ufiititti bisaan guuttee daa'ima ufii obaafte. 20Rabbi daa'ima woliin ture; innillee guddatee lafa gammoojji'ii jiraatee loltuu ebo'oon lolu ta'ee beekkame. 21Inni lafa gammoojji'ii ta faaraan jedhamtu taa'e; haati isaa biyya Misiriitii intala itti fuute.
Wolii Galtee Abrahaamiitii Fi Abemelekii
22Bara san Abemelek jaalalloo isaa idaayyicha Akoozaatii fi bulchaa loltootaa Fikooliin woliin Abrahaamiin, «Waan gootu marattuu Rabbi si woliin jira; #Ser. Uma. 26:26 23ammallee ana, ilma kiyyaa fi ilma ilma kiyyaa irratti waan hamaa akka hin goone maqaa Rabbiitiin naa kakadhu; akkuma ani sii amaname atillee anaa fi biyya tanaafillee waan mishaa godhi» jedheen.
24Abrahaamillee, «Ani hin kakadha.» jedhe.
25Abrahaam waan boolla bisaanii ta garboonni Abemelekii irraa fudhatteef komii himate. 26Abemelekillee, «Nama waan kana godhe ani hin beeku, atillee natti hin himne; anillee adhuma dhagaye malee haga adhaa hin dhageenne» jedheen. 27Abrahaamillee hoolotaa fi loon fidee Abemelekii kennee lachuu waadaa wolii galan. 28Abrahaam goromoota hoola'aa torba adda fooyee dhaabe; 29Abemelek Abrahaamiin, «Goromoonni hoolotaa ta ati adda footee dhaabde tunniin maali'i?» jedheen.
30Innillee, «Goromoonni hoolotaa torban tunniin boolla bisaanii tana akka ani qote ragaa haa naa taatu'uuf waan ta'eef ati hoolota tanniin na irraa fudhatta» jedheen. 31Kanaafuu hulee sanitti waan wolii kakataniif maqaan hulee sanii Beersaabeehi#21:31 Beersaabeehi Afaan Ibraayisxiitiin «Ba'eer Sheebaa» yoo ta'u «Burqaa boolla bisaan kaku'uu torban» jech'u. jedhame.
32Isaan lachuu Beersaabeehitti waadaa wolii galan; Abemelekii fi Akoozaat, bulchaan loltootaa Fikool ka'anii gara biyya Filisxeemii deebi'an. 33Abrahaam Beersaabeehitti muka Tamirii#21:33 Tamirii muka hojjaan isaa gabaaba'aatii fi ka Timira irraa addaa jechu'u. dhaabee achitti maqaa Rabbii bara baraa waamee sagadeef. 34Abrahaam biyya Filisxeemiititti galee hennaa dheera'aaf keessummummaa taa'e.
ప్రస్తుతం ఎంపిక చేయబడింది:
Seera Uumamaa 21: KitWoy
హైలైట్
షేర్ చేయి
కాపీ
మీ పరికరాలన్నింటి వ్యాప్తంగా మీ హైలైట్స్ సేవ్ చేయబడాలనుకుంటున్నారా? సైన్ అప్ చేయండి లేదా సైన్ ఇన్ చేయండి