Seera Uumamaa 20
20
Abrahaamii Fi Abemelek
1Abrahaam achii ka'ee gara biyya Neegeebii dhaqee Qaadeesii fi Suuriin jidduu biyya Geerara'aa keessummummaa jiraate. 2Abrahaam haadha manaa ufii Saaraa obboleettii tiyya jedhe; mootiin Geerara'aa Abemelek nama itti ergee Saaraa fudhate. #Ser. Uma. 12:13; 26:7 3Garuu Rabbi halkan eebju'uun Abemelekitti dhufee, «Ati intala abbaa worraa qabdu waan fudhatteef hin duuta» jedheen.
4Abemelek waan isii bira hin geenneef «Yabo'oo banii qajeelaallee hin balleessitaa? 5‹Obboleettii tiyya› ka naan jedhe isaamii? isiinillee akkasuma ‹inni obboleessa kiyya› jette; qajeellummaa onnee tiyyaatii fi qulqullummama yaada kiyyaatiin waan kana godhe» jedheen.
6Rabbillee eebju'uun, «Qajeellummama onnee teetiitiin akka waan kana goote ani hin beeka; Anillee akka ati cubbuu hin hojjanne, akka isii hin tundhe si dhoogge. 7Amma ammo haadha manaa isaa deebisiif inni waan raatticha ta'eef Waaqa sii kadhataa; atillee hin ooltaa; yoo deebisu'uufii baatte ammo ati akka duutu, wonti ati qabdu maruu akka du'u beeki» jedheen.
8Abemelekillee ganamaan ka'ee garboota ufii maraa waamee waan kana maraa isaanitti hime namoonnillee guddisanii sodaatan. 9Kanaan maayessa Abemelek Abrahaamiin waamee, «Maaf akkana na goote? ani waan badaa maal si irratti hojjadhe? anaa fi mootummaa kiyya irrattillee cubbuu guddaa hojjatte, waan hin malle na irratti hojjatte.» jedheen. 10Abemelekillee Abrahaamiin, «Maal argitee kana goote?» jedheen.
11Abrahaamillee, «Hulee kanatti Rabbiin sodaachuun waan hin jirreef haadha manaa tiyyaaf jedhanii waan na ajjeesan seeyeeti» jedheen. 12Isiin obboleettii tiyya waan abbaan kiyya uumatuuf; ammo isiin mucattii haadha tiyyaatii miti; anaaf haadha manaa taate. 13Kanaafuu ani hennaa Rabbi mana abbaa kiyyaatii na baasu akkana isi'iin jedhe ‹Biyyuma dhandhu marattuu jasaan ati naa gootu kana; ‹Inni obboleessa kiyya jedhi› jedheenii ture» jedhe.
14Kanaan maayessa Abemelekillee hoolota, horii, garboota dhiiraatii fi garboota intalaallee fuudhee Abrahaamii kennee haadha manaa isaa Saaraa deebiseef. 15Abemelek, «Biyyi tiyya kunootii hulee feete taa'i» jedheen. 16Saara'aanillee, «Akka ati nama waan battii hin hojjannee fi qajeeltuu taate namoonni si woliin jiran maruu akka hubatanii fi malkata akka ta'u qarshii kuma tokkoo obboleessa kee Abrahaamii kenneera» jedheen.
17Achiin maayessa Abrahaam Rabbiin kadhate; Rabbillee Abemelekii fi haadha manaa isaa, hojjattoota isaallee oolchee akka isaan finna argatan taasise. 18Rabbi sababaa haadha manaa Abrahaamiitiif gadaamessa worra mana Abemelekii maraa cufee ture.
ప్రస్తుతం ఎంపిక చేయబడింది:
Seera Uumamaa 20: KitWoy
హైలైట్
షేర్ చేయి
కాపీ
మీ పరికరాలన్నింటి వ్యాప్తంగా మీ హైలైట్స్ సేవ్ చేయబడాలనుకుంటున్నారా? సైన్ అప్ చేయండి లేదా సైన్ ఇన్ చేయండి