1
Seera Uumamaa 22:14
Kitaaba Woyyuu
Abrahaam hulee san «Yaahiwwee Yiri'e» jedhee waame. Haga adhaallee gaara san irratti «Rabbi hin qopheessa» jedhama.
సరిపోల్చండి
Explore Seera Uumamaa 22:14
2
Seera Uumamaa 22:2
«Ilma kee tokkocha jaalattu Yisaaqiin qabii gara biyya Mooriya'aa dhaqii gaara ani sitti mudhisu irratti ciincaa godhii naa dhiyeessi» jedheen.
Explore Seera Uumamaa 22:2
3
Seera Uumamaa 22:12
«Ilma kee hin tuqin; womaa isa hin godhin; waan ilma kee tokkocha na hin dhoogganneef akka Rabbiin sodaattu amma beekeera» jedheen.
Explore Seera Uumamaa 22:12
4
Seera Uumamaa 22:8
Abrahaamillee, «Ilma kiyya! hoolaa ciinca'aa Rabbitu qopheessa» jedheen; isaan lachuu woliin deeman.
Explore Seera Uumamaa 22:8
5
Seera Uumamaa 22:17-18
Ani dhugamaan eebba si eebbisa, hortee keellee akka urjii Sami'iitii fi akka xidhacha galaana biraa baay'isa; horteen kee qe'ee diintotaa dhaala. Ajaja kiyya waan dhageetteef baniin biyya lafaa maruu hortee keetiin eebbifama» jedheen.
Explore Seera Uumamaa 22:17-18
6
Seera Uumamaa 22:1
Waan kanniin maraan maayessa Rabbi Abrahaamiin qoree akkana jedheen, «Abrahaam!» jedhee waame; Abrahaamillee, «Yaa; kunoo as jira!» jedheen.
Explore Seera Uumamaa 22:1
7
Seera Uumamaa 22:11
Maleekkaan Rabbii Samii irraa «Abrahaam! Abrahaam!» jedhee waame. Abrahaamillee, «Yaa; kunoo as jira!» jedhe.
Explore Seera Uumamaa 22:11
8
Seera Uumamaa 22:15-16
Ammallee maleekkaan Rabbii Sami'ii Abrahaamiin waamee «Ani maqaa kiyyaan sii kakadha; ‹Guddisee si eebbisa› waan ati ilma kee tokkocha na hin dhoogganneef.
Explore Seera Uumamaa 22:15-16
9
Seera Uumamaa 22:9
Hulee Rabbi jedheen san haga gayan Abrahaam achitti hulee ciincaa itti ciincessu hojjatee qoraan irratti darabeessee ilma ufii Yisaaqiin hidhee qoraan irra ciibse.
Explore Seera Uumamaa 22:9
హోమ్
బైబిల్
ప్రణాళికలు
వీడియోలు