Seera Uumamaa 19
19
Cubbuu Soodoomii
1Hennaa lafti dhiite maleekkonni lachuu gara Soodoomii seenan; hennaa san Looxi balbala qachattii Soodoomii taa'eera; inni hennaa isaan arge, isaan simachu'uuf ka'ee kallacha ufiitiin gad kufee isaanii sagadee, 2«Gooftolee tiyya; gara mana garbicha keessanii gora'aa bulaa'a luka teessanillee dhiqadhaa'a; bultanii obboroo deemtanii» isaaniin jedhe; isaan ammo, «Hin ta'u raasaa bulla malee» jedhan.
3Guddisee isaan kadhannaan isaanillee gara manaa seenan; xoroshoo godhee isaanii dhiyeessee isaanillee hin nyaatan.
4Uduma isaan hin rafne namoonni qachaa Soodoomii ka'immanii fi jaarsonni, baniin hulee maraa jiru mana jarri jirtu marsan. 5Looxiin waamanii, «Namoonni halkan kana gara mana keetii dhufan meeti? gad nuu baasi bira geennee habaxeessinaa» jedhaniin.
6Looxi manaa gara isaanii gad bayee duubaan balbala cufee, 7«Obboleeyyan tiyya; waan hamaa kana hin godhinaa'a! #Abbo. Mur. 19:22-24 8ani ijoollee durbaa ta hin heerumne lamaan qabaa isaan gad isinii baasaa akka feetan godhaa'a namoota kanniin keessummummaa mana kiyya waan dhufaniiraniif isaan hin tuqinaa'a» isaaniin jedhe.
9Isaanillee, «Deemi asii! atuu nama baqatee as jiraata'aaru; namni baqatee jiraatu'uuf dhufe murtii kennuu danda'aa? isaan caalaa si irratti waan hamaa goona» jedhanii Looxiin guddisanii dhiibanii balbala manaa cabsu'uuf ka'an; 10keessummoonni lamaan mana keessa jiran harka ufii gara diidaa hiixatanii Looxiin gara manaa ol seensisanii balbala cufan. 11Achiin maayessa namoota diida dhaabatan diqqa'aa haga gudda'aa akka isaan balbala hin argine ija isaanii waan jaamsaniif balbala soqanii arguu dadhaban. #Mot. 2ffaa 6:18
Looxi Soodoomiin Gad Dhiisee Baye
12Jarri keessumma'aa lamaan Looxiin «Eennuun asii qabda? soddaa, ijoollee dhiiraa, ijoollee dubaraa ta'ee'e qachattii tana keessaa waan qabdu maraa baasi. 13Cubbuun isaanii Rabbiin afo'otti waan guddateeruuf qachattii tana haa balleessinu'uuf nu ergeeraa» jedhaniin.
14Looxillee manaa bayee soddaadhan ijoollee isaa fuudhaniin, Rabbi qachattii tana balleessu'uuf ta'aa ka'aa hulee kanaa deemnaa» jedhee isaanitti hime. Soddaadhan isaa ammo waan isaanitti coora'aaru seeyanii lash jedhan.
15Hennaa bariite maleekkaan Looxiin «Cubbuu qachatti'iitiin akka hin banne; ka'i haadha manaa teetii fi ijoollee intalaa lamaan asii qabdu fuudhii deemi» jedhanii ariifachiisan. 16Inni harkifatullee Rabbi garaa isaa laafee namoonni sunniin harka haadha manaa isaatii fi harka ijoollee durbaa lamaan isaa qabanii baasanii qachattii saniin ala isaan kaayan. #Phex. 2ffaa 2:7 17Qachattii keessaa gara raasa'aa haga isaan baasaniin maayessa maleekkota keessaa tokko «Uf oolchaa'a; uf duuba hin laalinaa'a; naannoo dhooqaa kanallee hin dhaabatinaa'a; akka hin banneef gara gaaraa dheessa'aa» isaaniin jedhe.
18Looxillee, «Gooftota kiyya; kun hin ta'in. 19Kunoo garbichi kee afoo keetitti gaachena argateera; lubbuu tiyya du'a oolchu'uuf gargaarsi ati naa goote gudda'a; haa ta'uu ammo wonti hamaan akka na hin balleessinee fi akka hin duune gara gaaraa dheessuu hin danda'u. 20Kunoo qachattiin ani itti dheessee jalaa bawu diqqoon takka dhiyoo jirti lubbuu tiyya oolfatu'uuf gara isi'ii dheessee baya; qachattiin sun diqqo'oo miti?» jedhe.
21Maleekkaan, «Kadhaa ati qachattii natti himte tana akka hin balleessineef na kadhatte dhagayeera; 22daddafii gara isi'ii dheessii bayi; ani haga ati achi geettuuf hin balleessu» jedheen; kanaaf maqaan qachattii sanii Zoo'aar#19:22 Zoo'aar Afaan Ibraayisxiitiin «Hulee diqqoo» jechu'u. jedhame.
Barbadaawuu Soodoomiitii Fi Gamoora'aa
23Looxi hennaa gara Zoo'aarii seene biiftuun baate. 24Rabbi Soodoomii fi Gamooraa irratti Samii irraa ibiddaa fi dinnii bobawu roobse. 25Qachoota sanniin waan naannoo isi'ii jiru maraa, worra qachoota sanniin keessa jiraatan biqiltuu lafaa maraa barbadeesse. #Mat. 10:15; 11:23-24; Luq. 10:12; 17:29; Phex. 2ffaa 2:6 26Haati manaa Looxii uf duuba midhattee soodduu dhagaa sooqiddaa taatee hafte. #Luq. 17:32
27Abrahaam gara hulee Rabbiin afoo dhaabatee ture san dhaqu'uuf ganamaan ka'e. 28Inni gara Soodoomiitii fi Gamoora'aa lafa biyya sanii keessa mara gubba'aa gad hennaa laalu aarri biyyattii sanii akka aara ibiddaa ka dhagaa sunsumaa keessaa bawuutitti ka aaru arge. 29Rabbi qachattii dhooqa keessaa ta Looxi keessa taa'ee ture san haga balleesseen maayessa Abrahaamiin qaabatee; Looxiin badii san keessaa baase.
Akkaataa Worri Mo'aabiitii Fi Amooronni Itti Dhufan
30Looxi Zoo'aariin keessaa bayee waan Zoo'aariin keessa taa'uu sodaateef ijoollee intalaa lamaa ufii woliin gaara irra goda keessa taa'e. 31intalti hangafaa intala maandha'aatiin «Abbaan keenna jaareera; akkuma beekkamu dhiirti nu fuutu hin jirtu. 32Koottu abbaa keenna daadhii woyini'ii obaafnee macheessinee isa woliin ciifnee finna irraa argannaa» jetteen. 33Halkanuma san abbaa ufii daadhii woyini'ii obaasanii macheessanii hangaftittiin gara abba'aa dhaxxee woliin ciifte; inni hennaa isiin woliin ciiftee biraa kaatu uf hin beeku.
34Haga bari'e ta guddo'oo ta maandha'aatiin «Ani kalee galgala abbaa kiyya woliin ciise; adha galgala akkasuma atillee daadhii woyini'ii obaasii isa woliin ciisi; abbaa keenna irraa fiixaa haa hambifannuu» jetteen. 35Kanaafuu abbaa ufii halkan sanillee akkasuma daadhii woyini'ii obaasanii ta maandhitti'iillee isa woliin ciifte; inni hennaa isiin ciiftuu fi kaatullee uf hin beeku. 36Ijoolleen intalaa ta isaa lamaanuu abbaa ufii Looxiin irraa ulfaayan. 37Ta hangafaa dhiira deettee maqaa isaa Moo'aab#19:37 Moo'aab Afaan Ibraayisxiitiin «Ka abbaa kiyya irraa dhalate» jechu'u. jettee itti baafte; inni haga adhaa abbaa Moo'aabotaati. 38Ta maandha'aallee akkasuma dhiira deettee maqaa isaa mucaa gosa kiyyaa jettee Amoon#19:38 Amoon Afaan Ibraayisxiitiin, «Ilma gosa kiyyaa» jechu'u. jettee itti baafte; akkuma kana innillee haga adhaa abbaa Amoonotaati.
ప్రస్తుతం ఎంపిక చేయబడింది:
Seera Uumamaa 19: KitWoy
హైలైట్
షేర్ చేయి
కాపీ
మీ పరికరాలన్నింటి వ్యాప్తంగా మీ హైలైట్స్ సేవ్ చేయబడాలనుకుంటున్నారా? సైన్ అప్ చేయండి లేదా సైన్ ఇన్ చేయండి