«Barsiisota seera Muuse'ee irraa of eegaa. Isaan uffata dhedheeraa uffatanii asii fi achi naannawuu worra barbaadan, gabayaa keessattillee nagaya akka isaan gaafataniif mana sagadaatittillee barcummaa kabajja'aa urgee nyaataatittillee hulee kabajjaa waan barbaadaniif, uf eeggadhaa'a. Isaan faatee dheeressa'aa sababaa mana haadha hiyyeeyyi'ii irraa worri nyaatu kunniin murtii hamaa argatan» jedhe.