Oduu Nagayaa Ka Luuqaasii 20

20
Gaafii Waan Baallii Yesuusii
(Mat. 21:23-27; Mar. 11:27-33)
1Guyyaa tokko Yesuus gumii mana woyyuu keessatti barsiisa'aa, Oduu Nagayaa uduu lallabu bulchoonni gadootaatii fi barsiisonni Seera Muuse'ee manguddoota woliin gara isaa dhufanii, 2Mee, «Ati baallii maali'iitiin kana akka gootu yookiin baallii kana eentu akka sii kenne nutti himi!» Jedhanii isa gaafatan. 3Misha'a, «Anillee ammoo waan tokko isin gaafadha. 4#3:3; Mat. 3:6; Mar. 1:4; Yoh. 1:25-26; Hu. Er. 19:3-4 Isinillee natti himaa'a!, cuuphaan Yohaannisii Rabbiin irraa mo'o nama irra?» isaaniin jedhe. 5#Mat. 21:32 Isaanillee akkana jedhanii mari'atan, ‹Rabbiin irra› yoo jenne, ‹Maaf itti hin amanne?› nuun jedha. 6#Mat. 11:9 ‹Nama irra› yoo jenne ammoo, gumiin dhaka'aan nu tuman. Yohaannis akka raagaa ture maruu waan amananiif. 7Isaanillee deebisanii, «Garam irraa akka dhufe hin beennu» jedhaniin. 8Yesuusillee deebisee, «Anillee baallii maali'iitiin waan kanniin akka godhe isinitti hin himu» isaaniin jedhe.
Mammaaka Qonnaan Bultoota Maasaa Woyni'ii
(Mat. 21:33-46; Mar. 12:1-12)
9 # Isaayyaasii Raatticha 5:1 Innillee mammaaka kana banitti himuu jalqabe. «Namichi tokko ashaakiltii woyini'ii dhaabee qonnaan bultootaaf bara hedduuf kiraa kenne gara biyya biraa deeme. 10#Seenaa 2ffaa 36:15-16 Innillee hennaan woyiniin gayu geennaan akka qonnaan bultoonni woyinii isaa fidaniifiif hojjataa tokko gara isaanii erge. Isaan ammoo hojjataa san tumanii harka qullaa ufirra deebisan. 11Inni ammallee deebi'ee hojjataa biraa erge, isaan isallee harka qullaa ari'an. 12Deebi'ee saddaffaa erge. Isaanillee kana madeessanii diidatti gad darban. 13Abbaan ashaakiltii woyini'ii sun, ‹Ani maal godhuu naa woyyaa? Ilma kiyya ka jaaladhu itti erga; maal laataa isa yoo argan hin kabajjan› jedhe. 14Qonnaan bultooni ammoo hennaa isa argan, akkana jedhanii mari'atan, ‹Ka dhaalu kana waan ta'eef dhaalli ristii kanaa akka keenna ta'u koottaa haa ajjeefnuu!› jedhan. 15Isaanillee Ashaakiltii woyini'ii keessaa gara diidaa baasanii isa ajjeessan. 16Kanaafuu gooftaan ashaakiltii woyini'ii maal isaan godhinna laata? Inni dhufee qonnaan bultoota kanniin balleessee, ashaakiltii woyini'ii san namoota biraatii kenna» jedhe.
Isaan haga waan kana dhagayan, «Rabbi waan kana nutti hin fidin!» jedhan. 17#Kitaaba Faarfanna'aa 118:22 Yesuus gara isaanii laalee akkana jedhe, eegasuu,
«Dhagaan worri mana ijaaru tuffate,
dhagaa dhagaa maraa caalaa barbaadamu ta'a›
ka jedhamee barreeffame maal jechu'uu?
18 # Isaayyaasii Raatticha 8:14-15 Namni dhagaa san irratti kufu maruu hin caccaba; namni dhagaan sun irratti kufu ammoo hin bututa» jedhe. 19#19:47-48; 22:2; Mat. 21:46; Mar. 12:12; Yoh. 5:18 Bulchoonni gadootaatii fi barsiisonni Seera Muuse'ee mammaaka kana akka inni isaaniif mammaake beekanii, hennama san isa qabu'uuf barbaadanii, haata'uu ammoo gumii sodaatan.
Gaafii Waan Gibira Kafalu'uu
(Mat. 22:15-22; Mar. 12:13-17)
20 # 11:54 Uduu isa ega'aaran gara qe'ee bulcha'aa dabarsanii akka kennaniin qajeelaa uf fakkeessanii waan inni dubbatuun isa qabu'uuf worra riphanii eegan isatti ergan. 21#Seera Leewwotaa 19:15; Yoh. 3:2 Isaanillee Yesuusiin akkana jedhaniin, «Barsiisaa keenna akka ati dhugaa dubbattuu fi barsiiftu, namallee akka wol hin caalchifne hin beenna, dhugamaan karaa Rabbii barsiifta. 22#Rom. 13:6-7 Qeesaariif gibira kennuun seera moo seeraa miti?» jedhaniin. 23Inni ammoo hameenna isaanii argee, maaf na qorattan? 24Mee saantibii takkattii natti mudhisaa'a, biftinii fi barreeffamni isaa ka eennuuti? isaaniin jedhe. Isaanillee deebisanii, «Ka Qeesaariiti» jedhaniin. 25Maarre Yesuus, «Ka Qeesaarii Qeesaariif, ka Rabbii Rabbiif kennaa'a!» isaaniin jedhe. 26Afoo bani'iititti dubbi'iin isa qabuu hin dandeenne. Deebii isaa maalalanii cadhisan.
Gaafii Waan Fuudhaa Fi Heeruma Du'aa Ka'u'uun Maayessaa
(Mat. 22:23-33; Mar. 12:18-27)
27 # Hu. Er. 23:8 Yesuusiin waan du'aa ka'insaa worri waakkatan Saduqoota keessaa gari gariin gara isaa dhufanii akkana jedha'aa gaafatan. 28#Seera Keessa deebi'ii 25:5; Seera Uumamaa 38:8 «Barsiisaa'a, Muuseen, ‹Namni tokko haadha manaa fuudhee ijoollee uduu hin uumatin isii irraa yoo du'e, obboleessi isaa haadha hiyyeessaa san dhaalee fiixaa obboleessa ufiitiif bakka haa buusuu› jedhee nuuf barreesseera. 29Ilmaan haadhaa torbatu ture. Ka duraa haadha manaa fuudhee, uduu hin uumanne du'e. 30-31Lammaffaanillee isii dhaale, sadaffaanillee akkasuma torbanuu ammoo finna uduu hin uumanne du'an. 32Kanniin maraan maayessa ammoo dubartiin sun hin duute. 33Eegasuu torbanuu waan fuudhaniiraniif, Isiin gaafa du'aa ka'iinsaa isaan keessaa haadha manaa eennuu taati?» 34Yesuusillee deebisee akkana isaaniin jedhe, «Worri adunyaa tanaa hin fuudhan, hin heerumanille'e. 35Worri du'aa ka'anii fi biyya lafaa ta dhuftu keessa jiraatan ammoo, hin fuudhan, hin heerumanille'e. 36#Gal. 4:5-7 Isaan akka Maleekkotaati; deebi'anii hin du'an; isaan waan ijoollee du'aa ka'an ta'aniif, ijoollee Rabbiiti. 37#Seera Bawu'uu 3:2, 6 Worri du'an akka ka'an Muuseen akkasuma saatoo gubatu keessaan Goofta'aan, ‹Waaqa Abrahaamii, Waaqa Yisaaqiitii fi Waaqa Yaaqoobii› jechu'uun himeera. 38#Rom. 14:8 Martinuu isaaf jiraattota waan ta'aniif, Inni Waaqa jiraattotaati malee, Waaqa du'ootaatii miti» isaaniin jedhe. 39Barsiisota Seera Muuse'ee keessaa gari gariin deebisanii, «Barsiisaa'a, waan mishaa dubbatte» jedhaniin. 40#Mat. 22:46; Mar. 12:34 Achiin maayessa isaan deebi'anii gaafii biraa isa gaafachuu hin uggine.
Gaafii Waan Kiristoosii
(Mat. 22:41-46; Mar. 12:35-37)
41Yesuus deebisee akkana isaaniin jedhe, «Namoonni attamitti, ‹Kiristoos Ilma Daawitiiti› jedhan?» jedhee isaan gaafate.
42-43 # Kitaaba Faarfanna'aa 110:1 Daawiti mataan isaatuu kitaaba faaru'uu keessatti,
Gooftaan Gooftaa kiyyaan, ‹Haga ani diinota kee lukaan akka ati irra ejjattu sii godhuuf,
mirga kiyya taa'i› jedheen.
44Eega Daawiti, ‹Gooftaa kiyya› jedhee isa waame, attamiin Kiristoos Ilma isaa ta'uu danda'a ree?»
Yesuus Barsiisota Seera Muuse'ee Irraa Ufi Eeggachiise
(Mat. 23:1-36; Mar. 12:38-40; Luq. 11:37-54)
45Gumiin maruu uduu isa caqasaaran, Yesuus darasoota ufiitiin akkana jedhe, 46«Barsiisota seera Muuse'ee irraa of eegaa. Isaan uffata dhedheeraa uffatanii asii fi achi naannawuu worra barbaadan, gabayaa keessattillee nagaya akka isaan gaafataniif mana sagadaatittillee barcummaa kabajja'aa urgee nyaataatittillee hulee kabajjaa waan barbaadaniif, uf eeggadhaa'a. 47Isaan faatee dheeressa'aa sababaa mana haadha hiyyeeyyi'ii irraa worri nyaatu kunniin murtii hamaa argatan» jedhe.

Märk

Dela

Kopiera

None

Vill du ha dina höjdpunkter sparade på alla dina enheter? Registrera dig eller logga in