Seera Uumamaa 25
25
Hortee Abrahaamii Ka Biraa
(Sen. 1ffaa 1:32-33)
1Abrahaam haadha manaa biraa ta Keexuraa jedhamtu fuudhe; 2Isiin Zamiraan, Yooqshaan, Meedaan, Miidiyaam, Yashibooqii fi Siweehiin deetteef. 3Yooqshaan Saabaanii fi Diidaaniin uumate; ijoolleen Diidaanii Asoorota, Laxuusotaa fi Uumaawota fa'a. 4Ijoolleen Miidiyaamii Geefeer, Eefer, Heenoohi, Abdaa'ii fi Eldaa fa'a; kunniin maruu ijoollee Keexura'aati.
5Abrahaam waan qabu maraa Yisaaqiin dhaalchise. 6Abrahaam ijoollee ufii ta dubartoota mata gala itti galee irraa uumateellee kennaa kennee uduma ufii lubbu'uun jiru mucaa ufii Yisaaqiin irraa fooyee gara baya biiftu'uu isaan geegesse.
Du'a Abrahaamii
7Abrahaam woggaa dhibba tokkoo fi torbaatamii shan jiraate; 8Woggaa dheeraa jiraatee umurii quufee du'ee worra isaa ka du'etti eda'ame. 9Ijoolleen isaa Yisaaqii fi Ismaa'eel lafa qonnaa ka Maammire'ee ka qonna Eefroonii ilma Za'aarii Keexichaa goda keessatti awwaalan. 10Lafti qonnaa ka Abrahaam Keexicha irraa bitee Saaraa itti awwaale kana.#Ser. Uma. 23:3-16 11Abrahaam haga du'een maayessa Rabbi ilma isaa Yisaaqiin eebbise; Yisaaqillee burqaa Bi'eerla hayiroo'ii bira jiraate.
Hortee Ismaa'elii
(Sen. 1ffaa 1:28-31)
12Horteen Ismaa'elii ta garbittiin Saara'aa Aggaariin biyya Misirii Abrahaamii deette kana. 13Maqaan ijoollee Ismaa'elii hortee isaanii akkana; ilmi hangafaa ka Ismaa'elii 14Nabaayooti, Qeedaar, Nabdaa'el, Mabsaan, Maasmaa'i, 15Duumaa, Maasaa, Kudaan, Teemaan, Ixuur, Naafeesii fi Qeedimaa fa'a. 16Ijoollee Ismaa'elii maqaan isaanii, gandaa fi naannoon isaanii kanniin fa'a; akka gosa isaaniitiin bulchoota kudha lama qaban. 17Ismaa'el woggaa dhibba tokkoo fi soddomii torba jiraatee du'ee worra isaa ka du'etti eda'ame. 18Huleen horteen isaanii jiraatanillee Ewulaaxii ka'ee Hawila'aa fi Asuuriin jidduu hortee Abrahaamiitiin wol jibbanii gara gara fagaatanii jiraata'aa turan.
Eesawu'uu fi Yaaqoob Dhalatan
19Horteen Yisaaqii ilma Abrahaamii kana; Abrahaam Yisaaqiin uumate; 20Yisaaqi hennaa woggaa afurtamaa ta'etti Ribqaa fuudhe; isiin mucattii Baatu'eelii nama biyya Sooriya'aa ka laga lamaan jidduu jiraatuutii fi intala haadhaa ta Laabaa nama Sooriya'aati. 21Yisaaqi waan haati manaa isaa dhabduu taateef Rabbiin kadhate; Rabbillee hin dhagayeef; Ribqaan hin ulfoofte; 22Rimeenni sunniin garaa keessatti wol dhidhiiba'aa turan; isiin wonti akkanaa kun maaf na irra gaye? jettee Rabbiin kadhachu'uuf deemte. 23Rabbillee isi'iin
«Gofti lamaan gadaamessa kee keessa jira;
gosa lamaan ka wolii hin galle deetta;
gofti tokko gosa kaan caala;
hangaftichi maandhichaa ajajama» jedhe.#Rom. 9:12
24Hennaan deettu geennaan lakkuu deette. 25ka duraa dhalate bifti isaa diima'a; nafti isaa maruu rifeensa qaba; maqaa isaa Eesawu#25:25 Eesawu Afaan Ibraayisxiitiin «Ka rifeensa qabu» jechu'u. jedhaniin. 26Achiin maayessa obboleessi isaallee dhalate; inni harka ufiitiin koomee Eesawu'uu qabatee ture; maqaa isaa Yaaqoob#25:26 Yaaqoob Afaan Ibraayisxiitiin «Ka koomee qabatu, ka gufachiisu» jechu'u. jedhaniin. Ribqaan hennaa ijoollee tana deettu Yisaaqi nama woggaa jahaatamaa ture.
Eesawu Hangafummaa Ufii Gurgurate
27Ijoolleen lachuu guddatanii Eesawu nama gammoojjii keessatti dhadhoolu ta'e; Yaaqoob ammo nama cadhisaa qe'ee oolu ta'e; 28Yisaaqi dhadhoolee waan isa nyaachisuuf Eesawuu jaalata; Ribqaan ammo Yaaqoobiin jaalatti.
29Yaaqoob uduu ittoo hojjata'aaru; 30Eesawu lafa gammoojji'iitii galee Yaaqoobiin «Ani waan guddisee beelayeeruuf ittoo diimaa kana irraa na nyaachisi» jedheen; kanaaf maqaan Edoom#25:30 Edoom «Diimaa» jechuu yoo ta'u maqaa Eesawu ittiin waamame. jedhame.
31Yaaqoob, «Dura hangafummaa kee natti gurguri» jedheen.
32Eesawullee, «Ani beelaan du'u'uuf ta'aa hangafummaan kiyya kun maal naa godha?» jedhe.
33Yaaqoobillee, «Dura naa kakadhu» jennaan kakateefii hangafummaa ufii Yaaqoobitti gurgurate.#Ibr. 12:16 34Yaaqoob Eesawu'uu buddeenaa fi ittoo kenneef; innillee haga nyaatee dhugeen maayessa hin deeme; akka kanaan hangafummaa ufii salphise.
Currently Selected:
Seera Uumamaa 25: KitWoy
Highlight
Share
Copy
Want to have your highlights saved across all your devices? Sign up or sign in