YouVersion Logo
Search Icon

Seera Uumamaa 24

24
Yisaaq Ribqaa Fuudhe
1Abrahaam nama guddaa ta'ee jaare; Rabbi Abrahaamiin waa maraanuu eebbise. 2Abrahaam jaarsa hojjataa mana isaa hojjatuun 3«Koottu harka keetiin gudeeda kiyya#24:3 gudeeda kiyya yookaan «Gudeeda kiyya jala» Aadaa Ibrootaa keessatti kun kakuu hin jijjiiramne akka ta'e mudhisa. qabi akka ati ijoollee worra Kana'aanii ka ani woliin jiraata'aaru keessaa ilma kiyyatti intala hin fuune maqaa Rabbii Ardi'ii fi Sami'iitiin si kassiisaa. 4Garuu gara biyya tiyyaa ta ani keessaa dhaladhee dhaxxee ilma kiyya Yisaaqii intala naa fiddaa» jedheen.
5Hojjataan isaa sunillee, «Maal laataa yoo mucattiin gara biyya kanaa dhufuu didde ilma kee gara biyya ati keessaa baatee san fiduu?» jedheen.
6Abrahaamillee, «Ilma kiyya akka achi hin finne uf eegi! 7Rabbi Waandhi Sami'ii ka mana abbaa kiyyaa ka itti dhaladhe keessaa na baase lafa tanallee sii kenna jedhee natti himee naa kakate maleekkaa ufii si afoo erga achii ilma kiyyaa intala fuuta. 8Yoo mucattiin si woliin dhufuu didde ati kakuu kana irraa fayya'a; mucaa kiyya ammo achi hin deebisin» jedheen. 9Kanaan maayessa hojjataan isaa sun harka ufiitiin gudeeda Abrahaamii gooftaa ufii qabee waan kanaaf kakateef.
10Hojjataan isaa sun gaallan gooftaa ufii keessaa kudhan fuudhee mi'a gooftaa ufii keessaa mimmishaa fuudhee gara Maasphexoomiya'aa gara qachaa Naakoorii deeme. 11Haga achi gaye galgala hennaa dubartoonni bisaan woraabbachu'uuf dhufan inni qachattii saniin alatti bisaan boollaa biratti gaallan ufii jilbiiffachiisee 12«Rabbii Waaqa gooftaa kiyya Abrahaamii si kadhadha, karaa naa qajeelchii na milkeessi; Abrahaamii garaa laafi; 13ani kunoo boolla bisaanii kana bira dhaabadheera, durbi qachaa kanaallee bisaan woraabbachu'uuf garana dhufan; 14mucattiin bareenni ani ‹ottee tee gad qabii bisaan na obaasi› jedhuun, ta isiinillee ‹atillee dhugi; gaallan keellee sii obaasaa› naan jettu sun ta ati garbicha kee Yisaaqii qopheessite haa taatu; akka ati gooftaa kiyya Abrahaamitti jaalala kee ka bara baraa mudhifte kanaan beekaa» jedheen.
15Uduu inni kadhaa hin fixatin Ribqaan mucattiin Baatu'eelii ta Milkaan deette ottee ufii duddatti baadhattee dhufte; Milkaan haadha manaa Naakoorii obboleessa Abrahaamiiti. 16Mucattiin durba; guddiftee bareeddi; isiin gara boolla bisaanii buutee bisaan woraabbattee baate. 17Hojjataan gara isi'ii fiigee, «Bisaan na obaasi» jedhee isii kadhate; isiinillee, «Gooftaa kiyya dhugi» jetteen.
18Daddaftee ottee duddaa buufattee obaafte. 19Haga isa obaafteen maayessa «Gaallan teellee akkasuma haga dhuganii dheebisa bayanitti hin woraaba» jette. 20Daddaftee bisaan ottee ufii keessaa gonga'atti buuftee gara boolla bisaanii fiiddee gaallan maraafuu woraabde. 21Namichillee xiinxallee isii laala'aa ture; Rabbi akka isa milkeessee fi isa hin milkeessine beeku'uuf cadhise.
22Haga gaallan isaa dhuganiin maayessa namichi sun qubee worqi'iitii fi bitoo kenneefii 23«Ati ta eennuuti? mee natti himi, mana abbeetii huleen bulan jiraa?» jedheen.
24Isiin, «Ani ta Baatu'eeliiti; ta Milkaan intalti Naakoor uumatu deette; 25Nu bira bura'aa fi okeenni gaya'atu jira; hulee bulti'iillee hin qabna» jetteen.
26Namichi gad jedhee Rabbii sagadee, 27«Rabbi Waandhi Abrahaamii gooftaa kiyyaa ka gara laafumma'aa fi dhugaa ufii hin dhossine galanni haa gawu; ani uduu karaa irra jiru Rabbi gara mana obboleewwan gooftaa kiyyaa na qajeelche» jedhe.
28Mucattiinillee fiiddee gara mana haadha ufii galtee waan kana maraa haadhatti himte. 29Ribqaan obboleessa Laabaa jedhamu qabdi. Inni qube'ee fi bitoo harka mucatti'ii irratti haga arge gara hulee burqaa bisaanii gara namichaa fiigee, 30waan obboleettiin isaa Ribqaan itti himte haga dhagaye hennaa inni gara namichaa dhaqu namichi sun burqaa bisaanii biratti gaallan woliin jira. 31Kanaafuu innillee, «Ati nama Rabbi eebbisee maaf diida dhaabatta? koottu gara manaa deemnaa ani si'ii fi gaallan teetiillee hulee qopheesseeraa» jedheen.
32Achiin maayessa namichillee gara manaa dhaqe; Laabaan gaallan hiikee okayaa fi buraa kenneef; namichaa fi worra isa woliin jiraniillee bisaan lukaa kenneef. 33Inni dhiyana dhiyeessinaaniif «Hajaa bayeef uduu hin milkoofne hin nyaadhu» jedheen; Laabaan, «Hajaa kee himadhu» jedheen. 34Innillee, «Ani hojjataa Abrahaamiiti; 35Rabbi gooftaa kiyya guddisee eebbisee gurra baase; hoolota, loon, qarshii, worqii, garboota dhiiraa, garboota intalaa, gaallanii fi harriin kenneef. 36Haati manaa gooftaa kiyya Abrahaamii Saaraan jaarruma keessa ilma dhiiraa gooftaa kiyyaa deette. Inni waan qabu maraa hin kenneef; 37Gooftaan kiyya Abrahaam akkana jedhee na kassiise, biyya ani keessa jiru tana keessaa ilma kiyyatti intala hin fuudhin. 38Garuu gara mana abbaa kiyyaa, gara gosa abbaa kiyyaa, dhaqiitii intala mucaa kiyyatti naa fuudhi. 39Ani gooftaa kiyya Abrahaamiin ‹maal laataa mucattiin yoo na faanaa dhufuu didde hoo?› jedheen 40Innillee, ‹Rabbiin jireenna kiyya beeku maleekkaa ufii si woliin erga; karaa keellee sii qajeelcha; mucaa kiyya gosa kiyya mana abbaa kiyyaatii intala itti fuutaa. 41Hennaa san kakuu irraa nagaya taata; gara firtoota kiyyaa dhaxxee yoo isaan sii kennuu baatan kakuu ani si kassiise irraa nagaya taataa.
42Ani adha gara boolla bisaanii dhufee ‹Rabbii gooftaa kiyya Abrahaamii, adha yoo karaa naa qajeelchitee jiraatte 43kunoo ani boolla bisaanii bira dhaabadheera; mucattiin bareedduun bisaan woraabu'uuf dhuftu yoo ani ottee keessaa bisaan na obaasi› jedhuun 44Ta isiinillee ‹Hoo'uu dhugi, gaallan keetiillee hin woraabaa› naa jettu ta Rabbi ilma gooftaa kiyya Abrahaamii qopheesse haa taatuu» jedhee 45uduu ani yaada garaa kiyyaa dubbadhee hin fixanne Ribqaan ottee baadhattee dhuftee gara boolla bisaanii buutee bisaan woraabde. 46Anillee, «Mee bisaan na obaasi» jedheen; isiinillee daddaftee ottee buufattee ‹Dhugi, gaallan keellee hin obaasaa› jette; anillee hin dhuge gaallan kiyyallee hin obaafte. 47Achiin maayessa anillee, ‹Ati ta eennuuti?› jedhee gaafadheen; isiinillee ‹Ani intala Baatu'eelii ta Milkaan Naakoorii deette› jette; anillee qube'ee fi bitoo harkaa kenneef, 48Anillee gad jedhee Rabbii sagadee ‹Rabbii Waaqa gooftaa kiyya Abrahaamii, mucattii obboleessa isaa ilma gooftaa kiyya Abrahaamii akka fiduufiif karaa naa qajeelchee bira na geesse galanni haa gawu. 49Ammallee yoo ka dhuga'aan waan mishaa gooftaa kiyya Abrahaamii gootan ta'e natti himaa'a bita'aa fi mirgallee hin jedhu gara Rabbi na qajeelche deemaa» jedhe.
50Laabaanii fi Baatu'eelillee deebisanii, «Dubbiin kun waan Rabbiin irraa dhufeef hama'aa fi mishaallee sii deebisuu hin dandeennu, 51Ribqaan kunootii fuudhii deemi akkuma Rabbi dubbate ilma gooftaa keetiitii haadha manaa haa taatuu» jedhaniin. 52Hojjataan Abrahaamiillee hennaa waan kana dhagaye jilbiiffatee Rabbii sagade. 53Hojjataan sun faaya birri'ii, faaya worqi'ii, uffata qandhafaa baasee Ribqa'aa kenne; obboleessaa fi haadhaa kennaa ulfinnaa kenne.
54Inninii fi namoonni isa woliin jiran nyaatanii dhuganii achuma bulanii ganamaan ka'an. Inni, «Gara gooftaa kiyyaa akka deebi'u na geegessaa'a» isaaniin jedhe.
55Haati mucatti'iitii fi obboleessi mucatti'ii «Mucattiin haga bultii kudhanii nu bira bultee achiin maayessa haa deemtuu» jedhan.
56Inni ammo, «Rabbi karaa naa qajeelcheeraa na hin tursiisinaa'a» isaaniin jedhe.
57Isaanillee, «Mucattii waamnee waan isiin jettu dhageenna» jedhaniin. 58Ribqaa waamanii, «Nama kana woliin deemtaa?» jedhanii gaafatan. Isiinillee, «Ee hin deema» jette.
59Isaan Ribqaa obboleettii ufii, ta waa isi'ii hojjattu, hojjataa Abrahaamiitii fi worra isa woliin jiru maraa geegessan. 60Ribqaa «Ati obboleettiin teenna, hori; haadha banii baay'e'ee ta'i; horteen kee qe'ee diinaa haa dhaalu!» jedhanii eebbisan. 61Kanaan maayessa Ribqaa, hojjattoonni isi'ii ka'anii gaala yaabbatanii hojjataa Abrahaamii faanaa deeman; innillee isaan fuudhee deeme.
62Yisaaqillee karaa burqaa «Bi'eerla hayiroo'i» jedhamtuutiin dhufee biyya Neegeebii jiraata'aa ture. 63Yisaaqillee haga lafti galgalaaye garaa ufii keessatti dhudhuma'aa uduu deemu ol jedhee gaallan gara isaa dhufan arge. 64Ribqaanillee ol jettee Yisaaqiin argitee gaala irraa buutee, 65«Eennu inni ka achii as deema'aaru sun? jette; hojjataanillee, «Inni gooftaa kiyya» jedheen; isiinillee hin haguuggatte.
66Hojjataanillee waan godhe maraa Yisaaqitti hime. 67Kanaan maayessa Yisaaqi qabatee gara daasee haadhaa seene; inni isii hin fuudhe; haadha manaa taateef; isii jaalatee gadda haadhaa irraanfatee jajjabaate.

Currently Selected:

Seera Uumamaa 24: KitWoy

Highlight

Share

Copy

None

Want to have your highlights saved across all your devices? Sign up or sign in