Seera Uumamaa 26
26
Yisaaq Geeraraa Keessa Jiraate
1Beelli bara Abrahaam jiruu caalaa beelli guddaan lafa irratti dhufe; Yisaaqillee gara Abemelekii mootii Filisxeemii gara Geerara'aa dhaqe. 2Rabbi itti mudhatee, «Gara biyya Misirii hin dhaqin; hulee ani siin jedhu taa'i; 3ani si woliin ta'aa; si eebbisaa; biyya kana maraa si'ii fi hortee keetiifillee hin kennaa; waadaa abbaa kee Abrahaamii galellee hin raawwadha. 4Hortee kee akka urjii Sami'ii baay'isa; lafa kanniin maraa hortee keetii kenna; baniin biyya lafaa maruu hortee keetiin eebbifama.#Ser. Uma. 22:16-18 5Abrahaam dubbii kiyya dhagayeera; murtii kiyya, ajaja, sirnaa fi seera kiyya eegeera» jedheen.
6Kanaafuu Yisaaqi Geeraraa keessa jiraate; 7namoonni biyya sanii haati manaa isaa waan bareedduu taateef maali'itti akka isaa ooltu isa gaafatan. Inni ammo, «Isiin obboleettii tiyya» jedhe; namoonni biyya sanii Ribqa'aaf jedhanii akka isa hin ajjeefneef haadha manaa tiyya jechuu sodaatee;#Ser. Uma. 12:13 8guyyaa hedduu haga achi taa'aniin maayessa mootiin Filisxeemii Abemelek fulee fodda'aa keessaan hennaa Yisaaqi haadha manaa ufii Ribqaa taphsiisu arge. 9Kanaafuu Abemelek Yisaaqiin waamee, «Isiin haadha manaa teeti! attamitti ‹isiin obboleettii tiyya› jetta?» jedhee gaafate;
Yisaaqillee «Akka sababaa isi'iitiif hin duuneef kana jedhe» jedhee deebiseef.
10Abemelekillee, «Maaf akkana nu goote? banii keessaa namni tokko haadha manaa tee bira gawu'uuf hennama diqqo'otu hafe; cubbuu natti fiddee oolte» 11Abemelek banii maraan, «Haadha manaa nama kanaa yookaan namni nama kana tuqu haa du'uu» jedhee seere.
12Biyya sanitti Yisaaqi sanyii facaasee baruma sanitti waan Rabbi isa eebbiseef dachaa dhibbaa argate; 13Yisaaqi guddisee dureessa ta'e. 14Waan hoolotaa fi loon horee garboonnillee guddisanii baay'ataniif worri Filisxeemii isatti hinaafan. 15Kanaafuu boolla hojjattoonni bara Abrahaamii abbaa isaa qotan maraa worri Filisxeemii biyyee itti guutanii jalaa duuchan.
16Hennaa san Abemelek Yisaaqiin, «Nu caalaa waan jabaatteertuuf nu keessaa bayii deemi» jedheen. 17Yisaaqillee achii godaanee dhooqa Geerara'aa keessa jiraate. 18Yisaaqi boollan bisaanii ka bara Abrahaamii abbaa isaa qotame haga inni du'e worri Filisxeemii duuche Yisaaqi deebisee qotee maqama duraan abbaan isaa waamu saniin waame.
19Hojjattoonni Yisaaqiillee dhooqa keessa boolla biraa qotanii burqaa bisaanii ka burqu argan. 20Tisseen biyya Geerara'aa ammo tissee horii Yisaaqii woliin wol arganii wol morman; waan «Bisaan keenna» jedhanii wol mormaniif maqaa boollattii sanii «Eseeq#26:20 Eseeq Afaan Ibraayisxiitiin «Gadoo» jechu'u. » jedhee itti baase waan sababaa isi'iitiif wol lolaniif.
21Boolla biraallee qotanii san irrattillee wol lolan; maqaa isi'iillee «Sixinaa#26:21 Sixinaa Afaan Ibraayisxiitiin «Jibbansa» jechu'u. » jedhee itti baase. 22Ammallee achi siiqee boolla biraa qochisiise; isii irratti waan wol hin lolleef maqaa isi'ii «Rihooboot#26:22 Rihooboot Afaan Ibraayisxiitiin «Hulee badhaa» jechu'u.» jedhee waame; Rihooboot jechuun Rabbi nuu badhise, lafa irrattillee hin baay'anna jechu'u.
23Achiin maayessa Yisaaqi gara Beersaabeehii dhaqe; 24halkan san Rabbi itti mudhatee, «Ani Waaqa Abrahaamii abbaa keetiiti; hin sodaatin ani si woliin jiraa, si eebbisaa, garbicha kiyya Abrahaamiif jedhee fixaa kee baay'isaa» jedheen. 25Yisaaqi achitti hulee ciinca'aa hojjatee maqaa Rabbii waame; achitti daasee ijaare; hojjattoonni Yisaaqiillee achumatti boolla bisaanii ka biraa qotatan.
Wolii Galtee Yisaaqiitii Fi Abemelekii
26Abemelek, gorsaan isaa Akoozaatii fi bulchaan loltootaa Fiikoolillee Geerara'aa gara isaa dhaqan.#Ser. Uma. 21:22 27Yisaaq, «Na jibbitanii uf irraa na hin ariinee? maaf gara kiyya dhuftan?» isaaniin jedhe.
28Isaanillee, « Dhugamaan akka Rabbi si woliin jiru argineerra, 29kanaaf nu akka si hin miinee fi mishummaa callaa akka sitti mudhifne, nagayaan akka si geegessine amma akka Rabbi si woliin jiruu fi nama Rabbi eebbise akka taate arginee nu'uu fi si'i jidduu waadaa kaayachu'uuf dhufne» jedhaniin. 30Yisaaqillee waan nyaatan isaanii dhiyeesse; isaanillee nyaatanii dhugan. 31Ganamaan ka'anii wolii kakatan; Yisaaqillee isaan geegesse; isaanillee nagayaan isa biraa deeman.
32Gaafasuma hojjattoonni Yisaaqii dhufanii akka boolla qotanii bisaan argatan Yisaaqitti himan. 33Inni maqaa isi'ii «Saabeehi» jedhee itti baase; kanaaf qachattiin sun haga adhaa «Beersaabeehi» jedhamti.
Fuudha Eesawu Fiixaa Ufiitiin Ala Fuudhe
34Eesawu fiixaa ufiitiin al fuudhe; Eesawu hennaa umuriin isaa woggaa afurtamaa ta'u mucattii Bi'eerii nama Keexotaa Yoodiitii fi mucattii Eeloonii nama Keexotaa Beeseemootiinillee hin fuudhe. 35Fuuti kun Yisaaqii fi Ribqaa gaddisiisa'aa ture.
Currently Selected:
Seera Uumamaa 26: KitWoy
Highlight
Share
Copy
Want to have your highlights saved across all your devices? Sign up or sign in