YouVersion Logo
Search Icon

Macaafa Obaadiiyaa Raajichaa 1

1
Firdiin Edoom Irratti Akka Dhufu Himuu Isaa
(Isa 34:5-17; 63:1-6; Er 49:7-22; His 25:12-14; 35:1-15; Amo 1:11-12; Mil 1:2-5)
1Mul'anni Waaqayyo gooftaan
waa'ee biyya Edoomiif Obaadiiyaatti mul'ise kanatti fufee jira;
ergamaan tokko
gara saba biyya lafaa irra jiraniitti ergamee,
<<Ka'aa! Dhaqnee
biyya Edoom in lollaa!>>
jechuuf akka jiru
nuyi Waaqayyo irraa dhageenyeerra.
2Ammas Waaqayyo,<<Kunoo,
saba lafa irraa keessaa ati akka xinnaattu,
raawwattees akka tuffatamtu nan godha;
3ati yaa isa mana kee
iddoo ol jedhaa irratti ijaarrattee,
yaa isa holqa dhagaa keessa jiraattuu,
<<Eenyutu lafatti gad na buusa?>> jettuu,
of tuulummaa garaa keetiitu si gowwoomse*.
4Ati akka joobiraa yoo ol kaate iyyuu,
mann'ee kees urjoota gidduutti
yoo ijaarratte iyyuu,
ani achii gad sin buusa>>
jedhee dubbateera*.#3 Lak 24:21 4 Isa 14:13
5Hattuun yookiis saamtuun
halkaniin mana kee dhufuun
si balleessuudhaaf yoo ta'e iyyuu,
hammuma barbaadan hatu mitii ree>>
Warri ija waynii ciratanis
yoo dhufan,
qarmii in hambisu mitii ree>>
6Garuu attamitti qabeenyi Esaawuu fonqolfame,
badhaadhummaan inni dhokfates
attamitti akka jirutti saamame ree>>
7Warri garee keetii hundinuu
gara daariitti si in dhiibu,
firoonni kees gowwoomsaadhaan si mo'u;
firoonni kee warri amanamoon
dhoksaatti kiyyoo si dura in kaa'u,
<<Inni immoo hin hubatu>> siin jedhu.
8Guyyaa sanatti Waaqayyo,
<<Ani warra ogeessota Edoom keessaa,
warra hubatoo tulluu Esaawuu irraa hin balleessuu ree?>>
jedhee dubbateera.
9<<Yaa Temaan! Loltoonni kee in sodaachifamu,
warri tulluu Esaawuu irra
jiran hundinuus
ajjeefamanii in dhumu.
10Obboleessa kee Yaaqoob irratti
humnaan waan kaateef,
in yeellaasifamta,
bara baraanis in badda.
11Yommuu warri ormaa loltoota isaa booji'anii
dallaa isaatti ol lixanii
Yerusaalem irratti muka buufatan,
atis akkuma warra kaanii
isaanitti taatee,
irraa fagaattee in dhaabatte*.
12Guyyaa obboleessi kee rakkatutti
isa tuffachuun,
guyyaa badiisa namoota Yihudaatti, gammaduun,
yeroo dhiphina isaaniittis isaanitti baanachuun
siif hin ta'u ture!
13Guyyaa badiisi saba kootti dhufutti
dallaa isaaniitti ol lixuun,
guyyaa badiisa isaaniitti isaanitti ga'isuun,
isaan saamuunis
siif hin ta'u ture*!
14Guyyaa dhiphina isaaniitti
karaa qaxxaamuraa irra dhaabattee
eegdee warra baqatanii ba'an
rukuttee ajjeesuun,
warra hafanis dabarsitee kennuun,
siif hin ta'u ture!#10-11 Amo 1:11; Yoe 3:19; Far 137:7; faaru 4:21-22 12-13 faaru 1:7
15<<Guyyaan ani Waaqayyo
saba hundumaatti faradu dhi'aateera;
akkuma ati nama irratti hojjette
si irratti in hojjetama;
hojiin kees mataa keetti in deebi'a*.
16Akkuma sabni koo tulluu koo isa qullaa'aa irratti
xoofoo dheekkamsaa keessaa dhugan
akkasuma immoo sabni hundinuu
utuu wal irraa hin kutin
isa in dhugu;
isaan qodaa isaa keessaa
xuruurfatanii in dhugu,
akka waan hin jirrees in ta'u*.
17Warri hafan garuu
tulluu Xiyoon irra in jiraatu,
tullichis qulqullaa'aa in ta'a;
sanyiin Yaaqoob immoo
warra lafa isaanii fi qabeenya isaanii
isaan irraa fudhatee harkaa
deebisanii in fudhatu*.
18Yommus egaa sanyiin Yaaqoob ibidda,
sanyiin Yoseefis
barbadaa itti ta'anii,
sanyii Esaawuu isa akka habaqii
gubanii in fixu;
sanyii Esaawuu keessaa kan oolu
tokko illee hin jiru>> jedhee dubbateera*.#15 Yoe 3:14-16 16 Er 25:15; faaru 4:21 17 Yoe 2:32; 3:17; Isa 14:32 18 Zak 12:6
19Warri biyya gara mirgaa tulluu Esaawuu,
warri gaara jala jiraatan immoo
biyya Filiisxiyaa in qabatu;
isaan Samaariyaadhaa fi
lafa sanyii Efreem in qabatu,
sanyiin Benyaamiin immoo
Giil'aadin in qabatu.
20Loltoonni Israa'el
warri booji'amanii turan
biyya Kana'aan hamma Zaarefaatitti in qabatu;
warri Yerusaalemii booji'amanii
Sefaaraad jiran immoo
mandaroota biyya
gara mirgaa keessa jiran in qabatu.
21warri isaan furan tulluu Xiyoon irratti
ol ba'anii Esaawuutti in faradu;
yommus mootummaan
kan Waaqayyoo in ta'a*.#21 Isa 24:23; Far 99:1-2

Highlight

Share

Copy

None

Want to have your highlights saved across all your devices? Sign up or sign in

Videos for Macaafa Obaadiiyaa Raajichaa 1