YouVersion Logo
Search Icon

Yoonaas Raajichaa 1

1
Yoonaas Hojii Itti Waamame Dhiisee Iddoo Biraatti Ka'uu Isaa
1Gaaf tokko dubbiin Waaqayyoo gara Yoonaas ilma Amiitaayi dhufee*, 2<<Ka'i, gara Nanawwee mandara guddittii dhaqi! Hamminni namoota ishee guddatee na bira waan ga'eef, irratti labsi!>> jedhe. 3Yoonaas garuu isa dhiisee, fuula Waaqayyoo duraa mandara Tarshiishitti baqachuudhaaf ka'e; mandara Yopheetti gad bu'ee markaba Tarshiish dhaqu argate; inni warra markabichaa wajjin adeemuudhaaf gatii isaa baafatee, fuula Waaqayyoo duraa gara Tarshiishitti sokkuudhaaf keessa in lixe*.#1 2Mot 14:25 3 Far 139:7-10
Waaqayyo Qilleensa Jabaa Itti Kaasee Yoonaasin Adabuu Isaa
4Yommus Waaqayyo qilleensa jabaa galaanichatti kaase; bubbeen humna-qabeessis galaanichatti waan ka'eef markabichi caccabuu bira ga'e*. 5Yeroo sanatti warri markaba oofan in sodaatan; namnis adduma addaan gara Waaqayyo isaatti iyye; akka itti salphatuuf mi'a markabicha irraa galaanatti gad daddarbatan; Yoonaas garuu kutaa markabichaa keessa lixee ciisee, rafees of gatee ture*. 6Ajajjuun markabichaa immoo isatti dhi'aatee,<<Attamitti akkas of gattee rafta>> Ka'i, Waaqayyo kee waammadhu! Tarii Waaqayyo kun akka nuyi hin badneef nu yaadata ta'a!>> jedhe*.#4 Far 107:23-26 5 HoE 27:18 6 Mar 4:38
7Kana booddees warri markabaa adduma addaan,<<Wanti hamaan kun sababii eenyuutiif akka nu irra ga'e beekuudhaaf, kottaa muka buufannaa!>> waliin jedhan; kanaaf isaan muka buufannaan, mukti Yoonaas irra bu'e*. 8Kana irratti isaan,<<Wanti hamaan kun sababii eenyuuf nu irra ga'e>> Hojiin kee maali>> Eessaa dhufte>> Biyyi kee eessa>> Sanyiin kee maali>> Nutti himi!>> ittiin jedhan. 9Inni immoo,<<Ani Ibricha; Waaqayyoon isa gooftaa ta'ee waaqa irra jiraatu, isa galaanaa fi lafa uume nan waaqeffadha>> jedhee, isaaniif deebise*. 10Inni waa'ee ofii isaa waan isaanitti himeef, jarri fuula Waaqayyoo duraa baqachaa akka inni jiru in hubatan; kanaaf isaan guddaa sodaatanii,<<Maali, ati attamitti akkas goote?>> ittiin jedhan. 11Galaanichi ittuma dabalee hunkuramaa waan adeemeef isaan,<<Galaanichi nu irraa akka gab jedhuuf attam si goonu ree?>> jedhanii isa in gaafatan. 12Kana irratti Yoonaas,<<Fuudhaatii galaanicha keessa na buusaa! Yoos galaanichi isin irraa gab in jedha; bubbeen humna-qabeessi isinitti ka'e kunis sababii kootiif ta'uu isaa anoo beekeera>> isaaniin jedhe.#7 Fak 16:33 9 Uma 1:9-10
13Jarri immoo markabicha deebisanii gara lafaatti baasuudhaaf jabeessanii in mooqan; garuu hunkuramuun galaanichaa isaanitti dabalaa waan adeemeef, kana gochuu hin dandeenye. 14Yommus isaan Waaqayyoon isa galaanaa fi lafa uume waammatanii,<<Hadaraa yaa Waaqayyo! Lubbuu namicha kanaa nu harkaa barbaaddee nu hin balleessin! Akka warra dhiiga nama balleessaa hin qabne dhangalaasaniittis nu hin lakkaa'in! Yaa Waaqayyo, kana akka sitti tolutti situ hojjete>> jedhan. 15Yoonaasin immoo fuudhanii galaanicha keessa buusan; galaanichis hunkuramuu isaa isa sodaachisaa in dhaabe. 16Jarri ittumaa guddisanii Waaqayyoon sodaatan; Waaqayyoof aarsaa in dhi'eessan, wareegas in wareegan.

Currently Selected:

Yoonaas Raajichaa 1: MacQul

Highlight

Share

Copy

None

Want to have your highlights saved across all your devices? Sign up or sign in