Macaafa Nahimiiyaa 9
9
Israa'eloonni Cubbuu Isaanii Himachuu Isaanii
1Ji'ichattii gaafa guyyaa digdamii afuraffaa Israa'eloonni uffata gaddaa uffatanii, awwaaras mataa isaanii irratti firfirfatanii, soomuudhaaf walitti in qabaman. 2Sanyii Israa'el kan ta'an hundinuu warra ormaa irraa gargar ba'anii dhaabatanii cubbuu ofii isaanii fi irra-daddarbaa abboota isaanii in himatan*. 3Iddoodhuma isaanii dhaabatanii sa'aatii sadiif macaafa seera Waaqayyo gooftaa isaanii in dubbifatan; akkasumas sa'aatii sadiif cubbuu isaanii himachaa Waaqayyo gooftaa isaaniitiif in sagadan.#2 Lew 26:40
4Lewwoonni warri buusaa ol ka'aa irra dhaabatanii sagalee isaanii ol fudhatanii Waaqayyo gooftaa isaanii waammatan Iyaasuu, Baanii, Qadmii'el, Shebanyaa, Bunii, Sherebiyaa, Baanii fi Kenaanii turan. 5Lewwoonni warri Iyaasuu, Qadmii'el, Baanii, Hashabniiyaa, Sherebiyaa, Hodiyaa, Shebanyaa fi Fitaahiyaa jedhaman,
<<Ka'aatii Waaqayyoon gooftaa keessan isa bara baraa jajadhaa!<<Maqaan kee inni ulfina-qabeessi, inni wanta jajamuu fi waan galateeffamu hundumaa gara irraa jiru haa eebbifamu!>> jedhaa!>> jedhan.
Kadhata Cubbuu Himachuu
6Yommus Israa'eloonni,<<Si'uma duwwaatu Waaqayyoo dha, bantiiwwan waaqaa fi bantii waaqaa isa bantiiwwan waaqaa gara irraa jirus, macca isaanii hundumaas, lafa, wanta isa irra jiru hundumaas, galaana, wanta isa keessa jiru hundumaas situ uume; isaan kana hundumaa situ jiraachisa; macci waaqa keessaas siif in sagadu*.
7Ati Waaqayyo isa Abraamin fo'attee Ur biyya Kaldootaa keessaa baaftee maqaa isaa <<Abrahaam>> jettee moggaaftee dha*.
8Akkasumas yaadni isaa amanamaa ta'ee si duratti waan argameef, biyya Kana'aanotaa, biyya Heetotaa, biyya Amoorotaa, biyya Pheriizotaa, biyya Yibusootaa fi Girgaashotaa isaaf sanyii isaatiif kennuudhaaf kakuu in galteef; ati qajeelaa waan taateef, isa abdachiifte in raawwatteef*.#6 Kes 6:4; Uma 1:1 7 Uma 11:31; 12:1; 17:4-5 8 Uma 15:18-21
9<<Biyya Gibxitti gad qabamuu abboota keenyaa argitee, galaana diimaa birattis iyya isaanii dhageessee*,
10mootiin Gibxii, hojjetoonni isaa warri gurguddoonni, namoonni biyya isaatii hundinuus saba kee irratti gooftummaa argisiisuudhaan akka rakkisan beektee milikkitaa fi dinqii isaan irratti in raawwatte; kanaanis maqaan kee akkuma har'aa kana akka beekamu in goote*.
11Galaanicha fuula isaanii dura ture gargar hirtee, lafa gogaa irra isa keessa akka darban in goote; warra isaan ari'aa turanis akka nama dhagaa bishaan guddaatti darbatutti tuujjubatti gad isaan in darbatte*.
12Saba kee garuu, guyyaa utubaa duumessaatiin, halkanis karaa isaan irra adeeman akka isaaniif ibsutti utubaa ibiddaatiin in geggeessite*.
13Ati bantii waaqaa irraa tulluu Siinaa irratti gad buutee isaanitti dubbattee, firdii qajeelaadhaa fi seera dhugaa, seerrataa fi abboommii gaariis isaaniif in kennite*.
14Karaa garbicha kee Musee, Sanbanni kee inni qulqulluun isaan biratti akka beekamu gootee, abboommii, seerrataa fi seera in kenniteef*.
15Yeroo beela'anitti waaqa irraa buddeena isaaniif kennitee, yeroo dheebotanittis kattaa keessaa bishaan isaaniif baafte; biyya ati akka isaan qabataniif harka ol fuutee isaaniif kakattetti akka galaniif isaan in abdachiifte*.#9 Bau 2:23-25; 3:7; 14:10-12 10 Bau 7-12 11 Bau 14:21-29; 15:4-5 12 Bau 13:21-22 13 Bau 19:18 14 Bau 20:8-10 15 Bau 16:4,14-15; 17:1-7; Kes 1:21
16<<Abboonni keenya garuu of bokoksanii mataa jabaatan malee, abboommii keef tole hin jenne*.
17Isaan garuu abboomamuu in didan; mataa jabaatanii didanii ka'uu isaaniitiin gara mana garbummaatti deebi'uudhaaf dura buutuu fo'atan malee, dinqii ati isaan gidduutti hojjette hin yaadanne; ati immoo Waaqayyo isa cubbuu namaaf dhiisuudhaaf qophaa'ee dha, araara-qabeessaa fi o'a-qabeessas; dheekkamsaaf suuta jetta, gaarummaan kee guddaa waan ta'eefis ati isaan hin ganne*.
18Yommuu isaan dibicha tolfatanii,<<Waaqayyo kee inni biyya Gibxii si baase isa kana>> jechuu isaaniitiin arrabsoo guddaa hammamii si arrabsan*!
19Kana keessaa immoo araara kee isa guddaa irraa kan ka'e, lafa onaa keessatti isaan hin ganne; utubaa duumessaa isa guyyaa karaa isaanitti argisiisaa ture, utubaa ibiddaa isa halkan karaa isaan irra adeeman ibsaafii tures isaan duraa hin fuune.
20Hafuurri kee inni gaariin akka isaan barsiisuuf isaaniif kennite; maannaa isaaniif kennuus harka keessa hin qabanne; yeroo isaan dheebotanis bishaan isaaniif kenniteetta.
21Ati lafa onaa keessatti waggaa afurtama wanta isaan barbaachisu isaaniif kennite; homtuu isaanitti hin hir'anne, uffanni isaanii isaan irratti hin dhumne, miilli isaaniis hin iitofne*.#16 Bau 32:1,9 17 Bau 34:6; Lak 14:1-4; Kes 1:26-33 18 Bau 32:1-4 19-21 Kes 8:2-4
22<<Ati karaa golee hundumaa mootummootaa fi saba lafa irraa isaaniif in kennite; isaanis biyya Sihoon mootii Heshboonii fi Oog mootii Baashaan in qabatan*.
23Ijoolleen isaanii akka urjoota waaqa keessaa akka baay'atan gootee, gara biyya isa abboonni isaanii itti lixanii akka qabataniif abdachiiftetti isaan in galchite*.
24Ijoolleen isaaniis itti lixanii biyyicha in qabatan; atis saba biyya Kana'aan gad deebiftee mootota isaanii fi namoota biyya sanaa wajjin akka fedhan akka isaan godhaniif harka isaanii jala in galchite*.
25Isaan mandaroota gurguddaa dallaa dhagaa qaban, lafa coomaa, manneen mi'a gaggaariidhaan guutaman, boolla bishaanii qotamanii qophaa'an, iddoo dhaabaa waynii fi ejersaa akkasumas mukkeetii iji isaanii nyaataman baay'ee in qabatan; isaan nyaatanii quufanii in gabbatan; gaarummaa kee isa guddaadhaanis qannootti in jiraatan*.#22 Lak 21:21-35 23 Uma 15:5; 22:17 24 Iya 11:23 25 Kes 6:10-11
26<<Booddee garuu isaan si didanii ka'an malee, hin abboomamne, seera kees of duubatti in gatan; raajota kee warra gara keetti isaan deebisuuf jedhanii dhugaa isaanitti ba'an in ajjeesan; kana gochuun isaaniis arrabsoo guddaa hammamii ture*!
27Kanaaf ati harka diinota isaanii warra isaan dhiphisaniitti dabarsitee isaan in kennite; isaanis yommuu dhiphatan sitti in iyyatan; ati bantii waaqaa irraa isaaniif dhageessee, akka baay'ina araara keetiitti, harka diinota isaanii keessaa baasee kan isaan oolchu isaaniif in kennite.
28Erga takka aara galfatanii garuu, isaan deebi'anii si duratti hamaa hojjechuutti in ka'an; atis harka warra isaan jibbaniitti isaan kennite, warri isaan jibbanis isaan in mo'an; yeroo isaan deebi'anii sitti iyyatanitti immoo ati bantii waaqaa irraa isaan dhageessee akka araara keetiitti si'a baay'ee isaan oolchiteetta.
29Gara seera keetiitti akka isaan deebi'aniif, ati isaan gorsiteetta; isaan garuu of bokoksanii abboommii kee dhaga'uu in didan; wanta si duratti qajeelaa ta'e isa namni eegee ittiin jiraatu irrattis ka'anii in yakkan; mataa jabaatanii didanii dugda sitti gatan malee, si hin dhageenye*.
30Haa ta'u iyyuu malee, ati bara baay'ee isaaniif obsitee, karaa raajota keetii hafuura keetiin isaan in gorsite; isaan garuu si dhaga'uu waan didaniif, harka saba naannoo sana jiraniitti isaan in laatte*.
31Ati Waaqayyo araara-qabeessaa fi o'a-qabeessa waan taateef, baay'ina araara keetiif jettee isaan balleessuu, isaan gatuus in dhiifte*.#26 1Mot 18:4,13; 19:10,14; Er 2:30; 26:20-23 29 Lew 18:5 30 2Mot 17:13-20; 2Sen 36:15-16 31 Bau 34:6; Faru 3:22
32<<Kanaafis yaa Waaqayyo keenyaa, gooftaa guddaa gooftaa aango-qabeessaa fi sodaatamaa! Yaa isa kakuu keetii fi gaarummaa kee eegduu! Rakkinni bara mootota Asorii hamma har'aatti nu irra, mootota keenya irra, gurguddoota keenya irra, luboota keenya irra, raajota keenya irra, abboota keenya irra, guutummaa saba kee irras ga'e, fuula kee duratti wanta xinnootti hin ilaalamin*!
33Wanta nu irra ga'e hundumaafuu ati dhugaa qabda, nuyi garuu waan jal'aa hojjenne*.
34Mootonni keenya, gurguddoonni keenya, luboonni keenya, abboonni keenyas seera kee duukaa hin buune, abboommii kee fi gorsa ati isaan gorsites hin dhaggeeffanne.
35Isaan biyya bal'aa fi coomaa ati laatteef keessatti, bara mootummaa isaanii isa ati arjummaa itti argisiifte keessatti iyyuu siif hin hojjenne, hojii isaanii isa hamaa irraas hin deebine.
36Kunoo, har'a nuyi garboota; biyya abboonni keenya midhaan isaaf wanta gaarii inni baasu akka nyaataniif, ati kenniteef keessatti nuyi garboota taane.
37Wanti baay'een lafichi kennu, mootota warra ati sababii cubbuu keenyaaf nu irra keesseef in gala; isaan nuuf horii keenya irratti akka jaallatan in hojjetu; nuyi rakkina guddaa keessa jirra.#32 Kes 7:9; 2Mot 15:19,29; 17:3-6; 'z 4:2,10 33 Dan 9:5,7
38Yaada kana hundumaas nuyi caaffataan walii galtee tokko in dhaabna; isas gurguddoonni keenya, Lewwoonni keenyaa fi luboonni keenya mallattoo isaaniitiin in cimsu>> jedhan.
Currently Selected:
Macaafa Nahimiiyaa 9: MacQul
Highlight
Share
Copy
Want to have your highlights saved across all your devices? Sign up or sign in
(C) The Bible Society of Ethiopia, 1997; OROMO LATIN BIBLE BSE-UBS 26M 2006.