Macaafa Nahimiiyaa 8
8
Izraan Saba Sanaaf Seericha Dubbisuu Isaa
1Ji'a torbaffaatti warri mandaroota ofii isaaniitti galanii turan hundinuu waltajjii karra isa <<Karra bishaanii>> jedhamu fuula duratti tokkummaadhaan walitti in qabaman; isaanis Izraa isa beekaa macaafaatiin,<<Macaafa seera Musee isa Waaqayyo saba Israa'eliif abboome fidi!>> jedhan*. 2Ji'a torbaffaatti, ji'ichattiis guyyaa duraatti Izraan lubichi wal ga'ii dhiiraa fi dubartiin warri waa hubachuu danda'an hundinuu irratti argaman duratti in fide*. 3Inni gara waltajjii karra bishaanii fuula dura jirutti gara galee, dhiiraa fi dubartii akkasumas warra waa hubachuu danda'an duratti ganama bariidhaa jalqabee hamma waareetti sagalee isaa ol fuudhee in dubbise; namoonni hundinuus macaaficha seeraa isaaniif dubbifamuu sana gurra qeensanii in dhaggeeffatan. 4Izraan inni beekaan macaafaa dalgee mukaa guyyaa dhimma akkasii kanaaf irra dhaabachuudhaaf hojjetame irra in dhaabate; gara harka isaa mirgaatiin Matiitiyaan, Shemaan, Anaayaan, Uriiyaan, Hilqiiyaanii fi Ma'aseyaan, gara harka isaa bitaatiin immoo Phedaayaan, Miishaa'el, Malkiiyaan, Hashum, Haashabadaanaan, Zakaariyaasii fi Meshulaam isa bukkee in dhaabatan.#1 Iz 3:1; 7:6 2 Bau 31:10-13
5Izraan iddoo ol ka'aa irra waan tureef, namoonni hundinuu gara isaa in ilaalu turan; akkuma inni macaaficha baneen hundumti isaanii ka'anii in dhaabatan. 6Izraan immoo Waaqayyoon gooftaa isa guddaa in jajate, namoonni hundinuus harka isaanii ol qabanii<<Ameen, ameen!>> jedhan; kana booddees hamma lafa ga'anitti qoomma'anii Waaqayyoof in sagadan*. 7Ergasii jarri hundinuu ka'anii iddoodhuma isaanii in dhaabatan; warri Lewwootaa immoo, Iyaasuun, Baaniin, Sherebiyaan, Yaamiin, Aquub, Shabetaayi, Hodiyaan, Ma'aseyaan, Qeliixaan, Azaariyaan, Yozaabaad, Hannaanii fi Phelaayaan seericha jara in hubachiisan. 8Yommus namoonni sun macaafa seera Waaqayyoo sana dubbisanii, hiikanii in ibsaniif; jarris kana irratti seericha hubachuu in danda'an.#6 5:13
9Jarri hundinuu wanta seerichi jedhu yeroo dhaga'an sana garaan isaanii raafame waan boo'aniif, Nahimiiyaan inni biyya bulchu, Izraan lubichi inni beekaa macaafaa fi Lewwoonni warri seericha hiikanii jara barsiisan,<<Guyyaan kun Waaqayyo gooftaa keessaniif qulqullaa'aa waan ta'eef, isin hin gaddinaa, hin boo'inaas!>> jedhanii hunduma isaaniitti in himan. 10Yommus Nahimiiyaan,<<Dhaqaatii nyaata fo'amaa nyaadhaa, dhugaatii miyaa'aas dhugaa! Warra waa hin qopheeffanneef immoo waa ergaaf! Guyyaan kun Waaqayyo keenyaaf qulqullaa'aa, gammachuun inni isiniif kennus jabina keessan waan ta'eef, hin gaddinaa!>> jedhe. 11Kana irratti Lewwoonni jara hundumaan,<<Guyyaan kun qulqullaa'aa waan ta'eef, calluma jedhaa, yaadaanis dhiphachuu dhiisaa!>> in jedhan. 12Jarri hundinuu seericha isaaniif dubbifame waan hubataniif, nyaachuu fi dhuguuf, wanta qaban irraas namoota warra kaaniif erguuf, gammadduufis gara mana mana isaaniitti in galan.
Ayyaana Gordommaa Ayyaaneffachuu Isaanii
13Ji'ichattii guyyaa lammaffaatti dura-buutonni qomoo hundinuu lubootaa fi Lewwootaa wajjin caalchisanii seericha keessa baruudhaaf, Izraa beekaa macaafaa biratti walitti in qabaman. 14Isaanis abboommii isa Waaqayyo karaa Musee kenne keessatti,<<Ji'a torbaffaa keessa yeroo ayyaanni Gordommaa ayyaaneffamu, Israa'eloonni gordommoo keessa haa taa'an!>> kan jedhu caafamee in argatan. 15Yommus isaan,<<Akkuma caafamee jirutti gordommoo ijaaruudhaaf gaaratti ol ba'aatii, damee ejersa dhaabamee fi isa ofiin biqilee, kusaa'ee, damee muka meexxii fi damee mukkeetii baala qabeeyyii fidaa!>> jedhanii, guutummaa mandaroota isaaniitti, Yerusaalem keessattis in labsan*. 16Kana irratti namoonni ba'anii dameewwan mukaa fidanii, tokkon tokkon isaanii bantii mana isaanii isa diriiraa irratti, oobdii isaanii keessatti akkasumas oobdii mana qulqullummaa keessatti, waltajjii karra bishaanii keessatti, karra Efreem durattis gordommoo in ijaarratan*. 17Namoonni biyya itti booji'amanii turanii deebi'an hundinuu gordommoo ijaarratanii keessa in taa'an; erga bara Iyaasuu ilma Nunii hamma guyyaa sanaatti namoonni Israa'el akkasitti ayyaaneffatanii hin beekan; kanaafis gammachuun isaanii baay'ee guddaa ture. 18Izraan guyyaa duraatii jalqabee hamma guyyaa xumura ayyaanichaatti, guyyaa guyyaatti macaafa seera Waaqayyoo keessaa in dubbise; jarri ayyaanicha guyyaa torba in ayyaaneffatan; akka seerichaatti immoo guyyaa saddeettaffaatti wal ga'ii qulqullaa'aatu ture*.#14-15 Lew 23:33-36,39-43 16 8:1 18 Lew 23:36
Currently Selected:
Macaafa Nahimiiyaa 8: MacQul
Highlight
Share
Copy
Want to have your highlights saved across all your devices? Sign up or sign in
(C) The Bible Society of Ethiopia, 1997; OROMO LATIN BIBLE BSE-UBS 26M 2006.