Macaafa Nahimiiyaa 7
7
Nahimiiyaan Mandarichatti Eegdota Gochuu Isaa
1Dallichi deebifamee ijaarame, balballi isaas erga itti kaa'amee booddee, warri karra eegan warri faarfatanii fi warri Lewwootaa in fo'aman. 2Mandara Yerusaalem akka bulchaniif immoo namoota lama nan fo'e; isaanis obboleessa koo Haanaanii fi Haanaaniyaa turan; Haanaaniyaan kun itti gaafatamaa mana mootummaa, nama amanamaa, namoota baay'ee caalaa Waaqayyoon kan sodaatu ture. 3Ani,<<Hamma aduun baatee lafti ho'utti karra Yerusaalem akka hin saaqne, yeroo aduun dhi'u immoo warri karra eegan utuu hin galin dura karra cufanii akka danqaran akkasumas immoo namoota Yerusaalem keessaa garri kaan iddoo barbaachisaa ta'e, garri kaan immoo naannoo mana isaanii akka eeganiif fo'aa!>> jedhee isaanitti nan hime.
Lakkoobsa Namoota Biyya Itti Booji'amanii Deebi'anii
(Iz 2:1-70)
4Mandarichi bal'aa dha, guddaa dhas; haa ta'u iyyuu malee, namoota muraasatu keessa jiraata; manneen baay'eenis amma illee deebi'anii hin ijaaramne turan. 5Yommus warra gurguddoota, warra biyya bulchanii fi namoota warra kaanis walitti qabee akka qomoo qomoo isaaniitti akkan caafsisuuf Waaqayyo anatti in mul'ise; anis lakkoobsa namoota warra biyya itti booji'amanii jalqaba deebi'anii akka qomoo qomoo isaaniitti caafamee nan argadhe; caaffaticha irraas kanan argadhe kanatti fufee jira; 6warra Nebukadnezaar mootiin Baabilon booji'ee biyyaa isaan baase keessaa, namoonni kutaa biyyichaa warri biyya itti booji'amanii gara Yerusaalemii fi gara Yihudaatti deebi'anii gara mandara mandara isaaniitti galan kanatti aananii kan jiranii dha. 7Isaanis Zarubaabel, Iyaasuu, Nahimiiyaa, Azaariyaa, Raa'amiiyaa, Nahamaanii, Mordekaayi, Biilshaan, Miispheret, Biigwaayi, Nehumii fi Ba'anaahii wajjin dhufan.
Lakkoobsi Namoota Israa'el Kanatti Fufee Kan Jiruu Dha
8Gosi Faarosh kuma lamaaf dhibba tokkoo fi torbaatamii lama;
9gosi Shefaaxiyaa dhibba sadii fi torbaatamii lama;
10gosi Araa dhibba ja'aa fi shantamii lama;
11gosi Fahat, Mo'aab, isaanis gosa Iyaasuu fi gosa Yo'aab keessaa kuma lamaa fi dhibba saddeetii fi kudha saddeet;
12gosi Elaam kuma tokkoo fi dhibba lamaa fi shantamii afur;
13gosi Zaatuu dhibba saddeetii fi afurtamii shan;
14gosi Zaakaayi dhibba torbaa fi jaatama;
15gosi Binuu dhibba ja'aa fi afurtamii saddeet;
16gosi Bebaayi dhibba ja'aa fi digdamii saddeet;
17gosi Azigaad kuma lamaa fi dhibba sadii fi digdamii lama;
18gosi Adoniiqaam dhibba ja'aa fi jaatamii torba;
19gosi Biigwaayi kuma lamaa fi jaatamii torba;
20gosi Aadiin dhibba ja'aa fi shantamii shan;
21gosi Ater sanyii Hisqiyaas keessaa sagaltamii saddeet;
22gosi Hashum dhibba sadii fi digdamii saddeet;
23gosi Bezaayi dhibba sadii fi digdamii afur;
24gosi Haariif dhibba tokkoo fi kudha lama;
25gosi Giibe'on sagaltamii shan.
26Namoonni Betlihemii fi Netofaa dhibba tokkoo fi saddeettamii saddeet;
27namoonni Anaatot dhibba tokkoo fi digdamii saddeet;
28namoonni Bet-Azmaawet afurtamii lama;
29namoonni Kiriiyat-Ya'ariim, Kefiiraa fi Beroot dhibba torbaa fi afurtamii sadii;
30namoonni Raamaaa fi Gebaa dhibba ja'aa fi digdamii tokko;
31namoonni Miikmaash dhibba tokkoo fi digdamii lama;
32namoonni Bet'elii fi Aayi dhibba tokkoo fi digdamii sadii;
33namoonni Neboo gara kaanii shantamii lama;
34gosi Elaam garri kaan kuma tokkoo fi dhibba lamaa fi shantamii afur;
35gosi Haariim dhibba sadii fi digdama;
36gosi Yerikoo dhibba sadii fi afurtamii shan;
37gosi Lod, Haadiidii fi Onoo dhibba torbaa fi digdamii tokko;
38gosi Senaa kuma sadii fi dhibba sagalii fi soddoma.
39Luboonni immoo qomoo Yedaa'iyaa keessaa maatiin Iyaasuu dhibba sagalii fi torbaatamii sadii; 40gosi Iimer kuma tokkoo fi shantamii lama; 41gosi Faashhur kuma tokkoo fi dhibba lamaa fi afurtamii torba; 42gosi Haariim kuma tokkoo fi kudha torba. 43Lewwoonni immoo gosi Iyaasuu maatiiwwan Qadmii'elii fi Hodaawiiyaa torbaatamii afur. 44Faarfatoota keessaa immoo, gosi Asaaf dhibbaa fi afurtamii saddeet. 45Karra eegdota keessaa immoo gosi Shaalum, gosi Ater, gosi Xalmoon, gosi Aquub, gosi Haxiixaa fi gosi Shobaayi dhibba tokkoo fi soddomii saddeet.
46Warra mana qulqullummaa keessaa hojjetan keessaa immoo gosa Siihaa, gosa Hasufaa gosa Xabaa'ot, 47gosa Qeros, gosa Sii'aa, gosa Faadon, 48gosa Lebaanaa, gosa Hagaabaa, gosa Shaalmaayi, 49gosa Hanaan, gosa Giidel, gosa Gahaar, 50gosa Re'ayaa, gosa Resiin, gosa Neqodaa, 51gosa Gaazaam, gosa Uzaa, gosa Faasehaa, 52gosa Besaayi, gosa Me'uniim, gosa Nefushesiim, 53gosa Baqbuq, gosa Haqufaa, gosa Harhur, 54gosa Baasliit, gosa Mehiidaa, gosa Haarshaa, 55gosa Baarqos, gosa Siiseraa, gosa Tamaa, 56gosa Nesiiyaa fi gosa Haxiifaa ti.
57Gosa hojjetoota Solomoon keessaa immoo, gosa Soxaayi, gosa Soferet, gosa Firiidaa, 58gosa Ya'alaa, gosa Daarqon, gosa Giidel, 59gosa Shefaaxiyaa, gosa Haxiil, gosa Fokeret-Hasbaayim, gosa Amoon.
60Gosi hojjetoota mana qulqullummaa fi gosi hojjetoota Solomoon walumatti dhibba sadii fi sagaltamii lama. 61Warri mandara Tel-Melaatii, mandara Tel-Haareshaatii, mandara Keruubii, mandara Adonii fi mandara Iimerii ba'anii dhufanii sanyiin isaanii yookiis qomoon isaanii Israa'el ta'ee isaa fi hin taanee isaa waan ittiin amansiisan dhaban immoo kanatti fufanii kan jiranii dha; 62isaanis gosa Delaayaa, gosa Xobiiyaa fi gosa Neqodaa ti; lakkoobsi isaaniis dhibba ja'aa fi afurtamii lama.
63Luboota keessaa immoo warri gosa Habaayaa, warri gosa Haqozii fi gosa Barziilaayi isa intala Barziilaayi Giil'aadichaa fuudhee maqaa kanaan waamame, 64warra akka hidda dhaloota isaaniitti caafaman keessaa maqaan sanyii isaanii waan dhabameef akka xuraa'ootti lakkaa'amanii hojii lubummaa keessaa baafamanii dha. 65Kana irratti bulchaan biyyichaa,<<Hamma lubni Uriimii fi Tumiimin fuudhee ittiin gargar baasee gaafatu argamutti nyaata hundumaa irra qullaa'aa ta'e hin nyaatinaa!>> jedhee isaan in abboome*. 66Lakkoobsi warra biyya itti booji'amanii deebi'anii guutummaatti kuma afurtamii lamaa fi dhibba sadii fi jaatama. 67Kana biratti immoo lakkoobsi hojjetoota isaanii dhiironnii fi dubartoonni kuma torbaa fi dhibba sadii fi soddomii torba; akkasumas immoo faarfatoota dhiirotaa fi dubartoota dhibba lamaa fi afurtamii shan qabu turan. 68Fardeen isaanii dhibba torbaa fi soddomii ja'a, gaangoliin isaanii dhibba lamaa fi afurtamii shan; 69gaalonni isaanii dhibba afurii fi soddomii shan; harroonni isaanii kuma ja'aa fi dhibba torbaa fi digdama.#65 Lak 18:8-10; Bau 28:30
70Dura-buutota qomoo keessaa gar tokko hojichaaf kennaa in kennan; bulchaan biyyaas warqee akka kiilo graamii ja'aa miijanu, caabiiwwan shantamaa fi uffata lubootaa dhibba shanii fi soddoma wanta hojii kanaaf kennametti in dabale. 71Dura-buutota qomoo keessaa garri kaan immoo warqee akka kiilo graamii dhibbaa fi digdamaa miijanuu fi meetii akka kiilo graamii kuma tokkoo fi dhibba sadii fi digdamaa miijanu wanta hojii kanaaf kennametti in dabalan. 72Namoonni warri hafan immoo walumatti warqee akka kiilo graamii dhibbaa fi digdamaa miijanu, meetii akka kiilo graamii kuma tokkoo fi dhibba lama miijanuu fi uffata lubootaa jaatamii torba wanta hojii kanaaf kennametti in dabalan. 73Luboonni, Lewwoonni, karra eegdonni, faarfatoonni, namoota warra kaan keessaa, warri mana qulqullummaa keessaa hojjetanis mandarattii keessa in taa'an; Israa'eloonni guutummaatti mandaroota ofii isaanii keessa in jiraatan.
Currently Selected:
Macaafa Nahimiiyaa 7: MacQul
Highlight
Share
Copy
Want to have your highlights saved across all your devices? Sign up or sign in
(C) The Bible Society of Ethiopia, 1997; OROMO LATIN BIBLE BSE-UBS 26M 2006.