YouVersion Logo
Search Icon

Macaafa Nahimiiyaa 6

6
Nahimiiyaatti Korachuu Namootaa
1Karra dallichaatti balbala hin keenye yoon ta'e iyyuu, cabaa tokko illee utuun hin hambisin dallicha deebisee akkan ijaare Sanbalaax, Xobiiyaa fi Geshem Arabichi, diinonni keenya warri kaanis yommuu dhaga'an*, 2Sanbalaaxii fi Geshem nama anatti erganii,<<Kottu, gandeen dachaa Onoo keessaa isa tokkotti wal arginaa!>> jedhan; isaan garuu, wanta hamaa ana irratti hojjechuudhaaf in yaadan. 3Anis nama isaanitti ergeen,<<Ani hojii guddaatti waanan jiruuf, gad bu'uu hin danda'u; hamma ani dhiisee gara keessanitti gad bu'uttis hojichi maaliif dhaabata ree?>> jedhe. 4Si'a afur nama anatti erganii gaaffiidhuma isaanii duraa sana na gaafatan; anis immoo si'a arfanuu deebiidhuma tokkon isaaniif deebise.#1 2:10
5Sanbalaax naa'ota isaa keessaa tokkotti caaffata hin cufamin kennee, ergaadhuma isaa isa duraa sanas itti himee si'a shanaffaa anatti in erge. 6Caaffatichis,
<<Atii fi Yihudoonni mootummaa irratti ka'uu yaaddanii dallicha deebiftanii ijaaraa akka jirtan, saba naannoo kana jiran gidduutti dhaga'amaa jira; dubbiin kun dhugaa ta'uu isaa immoo Geshemis#6:6 <<Geshem>> yookiis <<Gaashmuu?. anatti himeera; akka dubbii dhaga'amaa jiru kanaatti ati mootii isaanii ta'uuf akeeka qabda*;
7mootii Yihudaa akka ati taatuuf Yerusaalem keessatti kan siif labsan raajotas kaafatteetta; dubbiin kun mooticha bira in ga'a waan ta'eef, kottu walii wajjin waa'ee isaa in dudubbannaa!>> in jedha.
8Ani immoo,<<Dubbiin kun wanta ati of keessaa fuutee dubbatte malee, dhugaa miti>> jedhee nan deebiseef. 9Isaan,<<Humna isaan buufnee hojichi akka dhaabatu in goona>> jedhanii waan yaadaniif, hundumti isaanii nu sodaachisuu in yaalan; ani garuu,<<Yaa Waaqayyo humna ana jabeessi!>> jedhee nan kadhadhe.#6 2:19; 'z 4:12
10Gaaf tokkos ani gara mana Shemaa'iyaa ilma Dalaa'iyaa Mehexaabi'el isa mana isaa keessaa gad ba'uun hin taaneefii nan dhaqe; innis,<<Namoonni dhufanii si ajjeesan waan jiraniif, isaan halkanuma tokko dhufanii si ajjeesuutii kottu anii fi ati mana qulqullummaatti ol gallee balbala isaa cufannee keessa in dhokannaa!>> naan jedhe.
11Ani garuu,<<Ani nama isa baqatee dhokatu miti; yookiis mana qulqullummaa keessa dhokachuudhaan of oolchuu kanan yaalu sitti fakkaataa>> Ani kana hin godhu>> nan jedhe*. 12Sanbalaaxii fi Xobiiyaatu namichi kun ana irratti raajii akka dubbatuuf horiidhaan anatti bite malee, Waaqayyo akka isa hin ergin nan hubadhe. 13Ani sodaadhee wanta kana gochuudhaan cubbuu akkan hojjedhuuf, maqaa gadhee isaan ittiin na tuffatanis akkan qabaadhuuf inni anatti in bitame.
14Ani immoo,<<Yaa Waaqayyo ko, Xobiiyaa fi Sanbalaaxitti akkasumas No'aadiiyaa raajittiitti, raajota warra kaan warra na sodaachisanittis akka hojii isaaniitti isaanitti ilaali!>> jedhee nan kadhadhe*.#11 2Sen 26:16-20 14 4:4-5
Dallicha Deebisanii Ijaaruu Raawwachuu Isaanii
15Ijaarsi dallichaa guutummaatti guyyaa shantamii lama keessatti ji'a Elul keessaa gaafa guyyaa digdamii shanii in raawwate. 16Diinonni keenya hundinuu waa'ee isaa yommuu dhaga'an, sabni naannoo keenya jiran hundinuus ija isaaniitiin yommuu argan, hojichi gargaarsa Waaqayyo keenyaatiin akka hojjetame hubatanii, na'anii lafa in ilaalan. 17Yeroo sanas gurguddoonni biyya Yihudaa caaffata baay'ee gara Xobiiyaatti in ergu, Xobiiyaa biraas immoo isaaniif in dhufa ture. 18Sababii Xobiiyaan, intala Shekaaniyaa ilma Araa fuudheef akkasumas immoo ilmi isaa Yehohaanaan intala Meshulaam ilma Berekiiyaa waan fuudheef, Yihudoota keessaa namoonni baay'een isaaf in kakatan. 19Itti dabalaniis immoo hojii isaa isa gaarii anatti in odeessu, waanan dubbadhus immoo isatti in himu turan; Xobiiyaanis ana sodaachisuudhaaf caaffata anatti in erga ture.

Currently Selected:

Macaafa Nahimiiyaa 6: MacQul

Highlight

Share

Copy

None

Want to have your highlights saved across all your devices? Sign up or sign in