Ijaarsi dallichaa guutummaatti guyyaa shantamii lama keessatti ji'a Elul keessaa gaafa guyyaa digdamii shanii in raawwate. Diinonni keenya hundinuu waa'ee isaa yommuu dhaga'an, sabni naannoo keenya jiran hundinuus ija isaaniitiin yommuu argan, hojichi gargaarsa Waaqayyo keenyaatiin akka hojjetame hubatanii, na'anii lafa in ilaalan.