Macaafa Nahimiiyaa 10
10
Namoota Dubbii Kana Irratti Walii Galan
1Warri walii-galtee kana mallattoodhaan cimsan kanatti aannanii jiru;
Nahimiiyaa ilma Hakaaliiyaa isa biyya bulchu, Xidiiqiiyaa,
2Seraayaa, Azaariyaa, Ermiyaas,
3Phashhur, Amaariyaa, Malkiiyaa,
4Haxush, Shebanyaa, Maluuk,
5Hariim, Meremoot, Obaadiyaa,
6Daani'el, Ginetoon, Baaruk,
7Meshulaam, Abiiyaa, Miyaamiin,
8Maaziyaa, Biilgaayii fi Shemaa'iyaa dha; isaan kun luboota turan.
9Warra Lewwootaa keessaa immoo, Iyaasuu ilma Azaaniyaa, ilmaan Henaadaad keessaa immoo Biinuyi, Qadmii'elii fi*,
10firoonni isaanii, Shebanyaa, Hodiyaa, Qeliixaa, Phelaayaa, Haanaan
11Miikaa, Rehoob, Hashabiiyaa,
12Zakur, Sherebiyaa, Shebanyaa,
13Hodiyaa, Baanii fi Beniinuu turan.#3-9 12:2-7
14Gurguddoota biyyaa keessaa immoo, Phaarosh, Phaahat-Mo'aab, Elaam, Zaatuu, Baanii,
15Bunii, Azigaad, Bebaayi,
16Adoniyaa, Biigwaayi, Aadiin,
17Ater, Hisqiyaa, Azur,
18Hodiyaa, Hashum, Bezaayi,
19Hariif, Anaatot, Nebaayi,
20Maagphiiyaash, Meshulaam, Heziir,
21Meshezaabi'el, Zaadoq, Yaaduwaa,
22Phelaatiyaa, Haanaan, Anaayaa,
23Hoshe'aa, Hanaaniyaa, Hashub,
24Halohesh, Philhaa, Shobeq,
25Rehuum, Hashabnaa, Ma'aseyaa,
26Ahiiyaa, Haanaan, Aanaan,
27Maluuk, Haariimii fi Ba'anaa.
28Namoota warra hafan keessaa immoo, luboonni, Lewwoonni, warri karra eegan, faarfatoonni, hojjetoonni mana qulqullummaa akkasumas warra seera Waaqayyootiif jedhanii, saba naannoo sana jiran keessaa addaan of baasan hundumaa, dubartoota isaanii, ilmaan isaanii fi intaloota isaanii warra waa hubachuu danda'an hundumaa wajjin,
29obboloota isaanii warra gurguddoota biyyaatti dabalamanii, seera Waaqayyoo isa harka Musee garbicha isaatiin kenname duukaa bu'uudhaaf, seera, abboommii fi seerrata Waaqayyo gooftaa keenyaa hundumaas ba'eessa godhanii eeguudhaaf ofitti qorobanii in kakatan.
30Nuyi intaloota keenya namoota biyya sanaatti akka hin heerumsiifne, intaloota isaaniis ilmaan keenya akka hin fuusifne in kakanne.
31Namoonni biyya sanaa mi'a nagadaa yookiis midhaan gurguruudhaaf gaafa Sanbataa yoo fidan, gaafa Sanbataa yookiis guyyaa ayyaana kan biraa nuyi isaan irraa hin binnu; waggaa torbaffaatti laficha aara in galfachiifna, liqii hiiqiitti kenname hundumaas in dhiifna*.#31 Kes 7:3; 'z 9:1-2
32Nuyi abboommii isa waggaatti hojii mana Waaqayyo keenyaaf horii harka sadan sheeqelii tokko keessaa harka tokko baasuun ta'u itti gaafatamuudhaaf ofitti in murre*.
33Innis buddeena ilaalchaa isa gabatee irra kaa'amuuf, kennaa midhaanii isa guyyaa guyyaatti dhi'aatuuf, qalma gubamu isa guyyaa guyyaatti dhi'aatuuf, kan guyyaa Sanbataaf, kan baatii ji'aaf, kan guyyaa ayyaana beekamaatiif, aarsaa qulqullaa'aadhaaf, aarsaa sababii cubbuutiif dhi'aate saba Israa'eliif araara buusuuf, hojii mana Waaqayyo keenyaa keessatti hojjetamu hundumaafis kan ta'uu dha*.
34Nuyi luboonni, Lewwoonni, namoonni warri kaanis akka seericha keessatti caafametti qoraan iddoo aarsaa Waaqayyo gooftaa keenyaa irratti bobeessuudhaaf barbaachisu wagguma waggaan akka dhi'eessinutti, yeroo darabee mana abbaa keenyaa baruudhaaf muka in buufanne.
35Midhaanii fi ija mukaa galfannu hundumaa keessaa mataa mataa isaa gara mana Waaqayyootti fiduun akka nu irra jirus walii galleerra*.
36Akkasumas seera keessatti akkuma caafame angafa ilmaan keenyaa fi horii keenyaa, kan sa'a keenyaa fi bushaayee keenyaa luboota warra mana Waaqayyo keenyaa keessa hojjetaniif akka ta'utti gara mana Waaqayyo keenyaatti geessuudhaaf walii galleerra*.#32 13:16-21; Bau 20:8-10; Lew 25:1-7 33 Bau 30:11-16; 2Sen 24:6; Mat 17:24 35 13:31 36 Bau 23:19
37Itti dabalees bukoo midhaan keenyaa isa jalqabaa irraa, kennaa midhaanii keenya irraa, ija mukkeetii hundumaa irraa, daadhii waynii irraa, dhadhaa ejersaa irraas lubootaaf akka ta'utti mana Waaqayyo keenyaa keessaa iddoo mi'i galfamutti in geessina; mandaroota nuyi itti hojjennu hundumaatu kudhan keessaa tokko argachuun kan ta'u Lewwoota waan ta'eef, kudhan keessaa tokko midhaan keenyaa Lewwootaaf in fidna*.
38Yeroo warri Lewwootaa kudhan keessaa tokko kana fuudhanitti lubichi inni qomoo Aaron sun isaan biratti in argama; warri Lewwoonni immoo kudhan keessaa tokko isa argatan sana keessaa kudhan keessaa tokko gara mana Waaqayyo keenyaatti fidanii iddoo mi'i taa'utti in galchu*.
39Lewwoonni saba Israa'el warra kaanii wajjin kennaa midhaanii, ija waynii haaraa fi dhadhaa ejersaa iddoo mi'i mana qulqullummaa kaa'amuu fi iddoo luboonni warri hojii irra jiran, warri karra eeganii fi faarfatoonni taa'anitti in fidu; nu immoo mana Waaqayyo keenyaa hin dhiifnu*.#37 Bau 13:11-16; Lak 18:21 38 Bau 23:19; Lak 18:21,26 39 Lak 18:26,28
Currently Selected:
Macaafa Nahimiiyaa 10: MacQul
Highlight
Share
Copy
Want to have your highlights saved across all your devices? Sign up or sign in
(C) The Bible Society of Ethiopia, 1997; OROMO LATIN BIBLE BSE-UBS 26M 2006.