YouVersion Logo
Search Icon

Macaafa Nahimiiyaa 11

11
Namoota Mandara Yerusaalem Keessa Jiraatan
1Warri saba geggeessan mandara Yerusaalem keessa in jiraatan; sabni warri hafan immoo muka buufatanii nama kudhan keessaa tokko Yerusaalem mandara qulqullooftuu keessa, kudhan keessaa salgan warri hafan immoo mandaroota warra kaan keessa akka jiraatan in godhan. 2Sabnis namoota warra fedha isaaniitiin mandara Yerusaalem keessa jiraachuudhaaf of kennan in eebbisan.
3Angafoonni kutaa biyyaa warri Yerusaalem keessa jiraatan kanatti fufanii kan jiranii dha; saba Israa'el keessaa kaan, luboonni, Lewwoonni, hojjetoonni mana qulqullummaa fi ilmaan hojjetoota Solomoon garuu kutaa Yihudaa mandaroota garaa garaa keessa adduma addaan iddoo qabeenyi isaanii jiru in jiraatan. 4Ijoollee Yihudaa fi ijoollee Benyaamiin keessaa gar-tokko Yerusaalem keessa in jiraatan;
ilmaan Yihudaa keessaa Ataayaa ilma Uziyaa, ilma Zakaariyaas, ilma Amaariyaa, ilma Shefaaxiyaa, ilma Mahalali'el sanyii Faares;
5akkasumas Ma'aseyaa ilma Baaruk, ilma Kolhozee, ilma Hazaayaa, ilma Adaayaa, ilma Yoyaariib, ilma Zakaariyaas sanyii Shelaa turan.
6Ilmaan Faares warri Yerusaalem keessa jiraatan hundinuu lola kan danda'an namoota dhibba afurii fi jaatamii saddeet turan.
7Ilmaan Benyaamiin warra kanatti fufanii jiranii dha; Sa'aaluu ilma Meshulaam, ilma Yo'ed, ilma Phedaayaa, ilma Qolaayaa, ilma Ma'aseyaa, ilma Itii'el, ilma Yeshaa'iyaa ti.
8Isa booddees immoo Gabaayii fi Silaayi, walumatti [namoonni lola danda'an] dhibba sagalii fi digdamii saddeet turan.
9Yo'el ilmi Ziikrii geggeessituu isaanii ture; Yihudaan ilmi Senu'aa immoo mandarattii irratti geggeessituu isa itti aanu ture.
10Luboota keessaa immoo Yedaa'iyaa ilma Yoyaariib, Yaakiin,
11Seraayaa ilma Hilqiiyaa ilma Meshulaam, ilma Zaadoq, ilma Meraayotii fi ilma Ahiixub isa mana Waaqayyoo keessatti angafa turee dha.
12Obboloonni isaa warri hojii manichaa hojjetan namoota dhibba saddeetii fi digdamii lama turan; isaanis Adaayaa, ilma Yerohaam, ilma Phelaaliyaa, ilma Amzii, ilma Zakaariyaas, ilma Phashhur, ilma Malkiiyaa turan.
13Akkasumas obboloonni isaa abboonni qomoo dhibba lamaa fi afurtamii lama turan; isaanis Amashsaayi ilma Azaari'el, ilma Ahazaayi, ilma Mashilemoot, ilma Iimer.
14Obboloonni isaanii warri lola danda'an namoota dhibba tokkoo fi digdamii saddeet turan; geggeessituun isaanii immoo Zabdii'el ilma nama guddaa tokkoo ture.
15Lewwoota keessaa immoo Shemaa'iyaa ilma Hashub, ilma Azriiqaam, ilma Hashabiiyaa, ilma Bunii turan.
16Dura-buutota lubootaa keessaa Shibetaayii fi Yozaabaad karaa bakkee irra adeemanii hojii mana qulqullummaa in ilaalu turan.
17Kadhataan galata galchuuf Mataniiyaan ilmi Miikaa, ilmi Zabdii, ilmi Asaaf geggeessituu isa jalqabaa, Baqbuqiiyaan obboloota isaa keessaa isa lammaffaa, Abdaan ilmi Shamu'aa, ilmi Gaalaal, ilmi Yidutuun isa itti aanu ture.
18Lewwoonni warri mandarattii ishee qulqullooftuu keessa jiraatan guutummaatti dhibba lamaa fi saddeettamii afur turan.
19Akubii fi Xalmoon warri karra eegan obboloota isaanii warra akkuma isaanii karra eeganii wajjin namoota dhibbaa fi torbaatamii lama turan. 20Saba Israa'el keessaa kaan, luboonnii fi Lewwoonni warri hafan, mandaroota Yihudaa hundumaa keessa adduma addaan iddoo dhaalli isaanii jiru in jiraatan. 21Hojjetoonni mana qulqullummaa garuu gaara Ofeel gubbaa in jiraatan; Ziikaanii fi Giishphaan hojjetoota mana qulqullummaa sana in hojjechiisu turan*.#21 3:26
22Uzii ilmi Baanii, ilmi Hashabiiyaa, ilmi Mataniiyaa, ilmi Miikaa Yerusaalem keessatti geggeessituu Lewwootaa ture; ilmaan Asaaf keessaa warri faarfatoonni hojii mana qulqullummaa keessaa hojjechiisaa turan. 23Qoodni guyyaa guyyaatti warra faarfatootaaf kennamuun ta'u akka kennamuuf mooticha biraa abboommiin ba'ee ture. 24Mootichi saba sana wanta ilaalu hundumaa karaa Fetaahiyaa ilma Meshezaabi'el isa qomoo Zeraa ilma Yihudaa sanaa in hojjeta ture. 25Karaa gandeenii fi lafa naannoo isaanii jiranii immoo, ilmaan Yihudaa keessaa gar tokko Kiriiyat-Arbaa fi gandeen isaa, Dhiibonii fi gandeen isaa, Yiqaabzii'elii fi gandeen isaa, 26Yeshu'aa, Molaadaa, Bet-Phaalex, 27Hazarshu'aal, Bersheebaa fi gandeen isaa, 28Siiqlaag, Mekonaa fi gandeen isaa*, 29En-Rimoon, Zaarii'aa, Yaarmut, 30Zaano'aa, Adulaamii fi gandeen isaa, Laakiishii fi lafa naannoo isaa jiru, Azeqaa fi gandeen isaa keessa in jiraatan; isaan biyya Bersheebaadhaa fi dachaa Hiinom gidduu jiru keessa in jiraatan. 31Ilmaan Benyaamiin warri Gebaadhaa dhufan immoo, Miikmaash, Ayyaa, Bet'elii fi gandeen isaa, 32Anaatot, Nob, Anaaniiyaa, 33Hazoor, Raamaa, Giitaayim, 34Haadiid, Zebo'iim, Nebaalaax, 35Lod, Onoo dachaa warra waan adda addaa bifa itti baasanii tolchanii keessa in jiraatan. 36Lewwoota keessaa hirmaanni Yihudaa gar-tokko kutaa isa kan Benyaamiin keessa in jiraatan.#28 Iya 15:31

Highlight

Share

Copy

None

Want to have your highlights saved across all your devices? Sign up or sign in