YouVersion Logo
Search Icon

Macaafa Nahimiiyaa 12

12
Lubootaa Fi Lewwoota
1Luboonnii fi Lewwoonni warri Zarubaabel ilma She'altii'elii fi Iyaasuu angafa lubootaa wajjin deebi'anii dhufan kanatti fufanii kan jiranii dha; isaanis luboota keessaa Seraayaa, Ermiyaas, Izraa*, 2Amariiyaa, Maluuk, Haxush, 3Shekaaniyaa, Rehuum, Meremoot, 4Iddoo, Giinetoo, Abiiyaa, 5Miyaamiin, Ma'adiiyaa, Biilgaa, 6Shemaa'iyaa, Yoyaariib, Yedaa'iyaa, 7Sa'aaluu, Aamoq, Hilqiiyaa fi Yedaa'iyaa dha; isaan kun bara Iyaasuutti dura-buutota lubootaa fi obboloota isaanii turan*.#1 Iz 2:2 2-7 10:3-9
8Lewwoota keessaa immoo, Iyaasuu, Biinuyi, Qadmii'el, Sherebiyaa fi Yihudaa turan; Mataniiyaa hidhata isaa wajjin dura-buutuu warra galata galchanii ture. 9Obboloonni isaanii Baqbuqiiyaanii fi Uniiyoon tarree hojichaa keessatti isaanitti aananii in dhaabatu turan. 10Iyaasuun Yoyaaqiimin dhalche, Yoyaaqiim Eliyaashiibin dhalche, Eliyaashiib Yoyaadaa dhalche; 11Yoyaadaan Yonaataanin dhalche, Yonaataan Yaaduwaa dhalche.
12Bara Yoyaaqiimitti maatii lubootaa keessaa akka balbala balbala isaaniitti dura-buutuu kan turan kanatti aananii kan jiranii dha; balbala Seraayaatti, Meraayaa; balbala Ermiyaasitti, Hanaaniyaa; 13balbala Izraatti, Meshulaam; balbala Amaariyaatti, Yehohaanaan; 14balbala Meliikuutti, Yonaataan; balbala Shebanyaatti, Yoseef; 15balbala Haariimitti, Adnaa; balbala Meraayootitti, Helqaayi; 16balbala Iddootti, Zakaariyaas; balbala Giinetonitti, Meshulaam; 17balbala Abiiyaatti, Ziikrii; balbala Miinyaamiinii fi balbala Mo'aadiiyaatti, Phiilxaayi; 18balbala Biilgaahitti, Shamu'aa; balbala Shemaa'iyaatti, Yehonaataan; 19balbala Yoyaariibitti, Matenayi; balbala Yedaa'iyaatti, Uzii; 20balbala Saalaayitti, Qalaayi; balbala Aamoqitti, Ebeer; 21balbala Hilqiiyaatti, Hashabiiyaa; balbala Yedaa'iyaatti, Nataani'el turan.
22Bara Eliiyaashaab, Yoyaadaan, Yohaannaanii fi Yaaduwaan angafoota lubootaa turan, Lewwoota keessaa angafoonni abbootaa fi luboonni bara Daariyos mootii Faares keessa caafamanii turan*. 23Ilmaan Lewwii keessaa angafoonni abbootaa hamma bara Yohaannaan ilma Eliiyaashiibitti macaafa seenaa baraa keessatti caafamaniiru. 24Dura-buutonni Lewwootaa warri hidhata isaanii warra isaanitti aanee dhaabatuu wajjin akka abboommii Daawit nama Waaqayyootti wal harkaa fuudhanii faarfannaadhaan galateeffatan, Hashabiiyaa, Sherebiyaa fi Iyaasuu ilma Qadmii'el turan*. 25Mataniiyaan, Baqbuqiiyaan, Obaadiyaan, Meshulaam, Xalmoonii fi Aquub immoo karra-eegdota mana mi'aa isa gara karraa warra eegan turan*. 26Isaan kun bara Yoyaaqiim ilma Iyaasuu ilma Yozaadaaq akkasumas bara Nahimiiyaa isa biyya bulchuu fi bara lubicha Izraa isa beekaa macaafaa keessa turan.#22 3:1 24 2Sen 29:25 25 2Sen 8:14
Dallaan Yerusaalem Inni Haareffame Eebbifamuu Isaa
27Eebbifamuu dallaa Yerusaalem isa haareffame irratti argamanii, sibiila walitti rukutamee sagalee ol kaasuun, kiraaraa fi maseenqoodhaan faarfannaa galataa faarfachaa gammachuudhaan eebbifamuu dallichaa akka ayyaaneffataniif Lewwoonni iddoo jiraatan hundumaatii barbaadamanii Yerusaalemitti in waamaman*. 28Maatii Lewwootaa keessaas faarfatoonni naannoo Yerusaalemii fi gandeen Nefaatotaa keessa jiraatan walitti in qabaman. 29Faarfatoonni sun naannoo Yerusaalemitti gandeen ijaarratanii waan turaniif, Bet-Giilgaalii, bakkee Gebaa keessaa, Bet-Azmaawetiis walitti in qabaman. 30Luboonnii fi Lewwoonni akka seeraatti erga of qulleessanii booddee, namoota, karrawwanii fi dallicha in qulleessan*.#27 Iz 3:10 30 Lak 8:6-7
31Ani Nahimiiyaan dura-buutota namoota Yihudaa dallicha irratti walitti nan qabe; faarfatoota kutata gurguddaa lamatti hiramanii Waaqayyoof galata galchaa mandaricha naanna'anis tarree nan dhaabe; kutanni inni tokko karaa harka mirgaa dallicha irra gara karra isa <<Karra kosii>> jedhamuutti in adeeme. 32Hoshaa'iyaanii fi dura-buutota namoota Yihudaa keessaa walakkaan kutata sana booddeedhaan in adeeman; 33Azaariyaan, Izraan, Meshulaam, 34Yihudaan, Benyaamiin, Shemaa'iyaanii fi Ermiyaas immoo booddee isaanii in adeemu turan. 35Luboota keessaa baay'een isaanii fiingee of harkaa qabu turan; Zakaariyaas ilmi Yonaataan Shemaa'iyaa, ilmi Mataniiyaa Miikaayaa, ilmi Zaakur Asaaf, 36obboloonni isaa Shemaa'iyaan, Azaari'el, Miilalaayi, Giilalaayi, Nataani'el, Yihudaanii fi Hanaaniin mi'a ittiin weeddisan isa kan Daawit nama Waaqayyoo of harkaa qabu turan; Izraa inni macaafa beekaan isaan dura bu'ee in adeeme. 37Karaa karra burqaa bishaanii buusaa mandara Daawit irra kallattiidhaan ol ba'anii, karaa ittiin dallichatti ol ba'aniin mana Daawit gara irraadhaan gara karra bishaanii isa ba'a-biiftuutti in adeeman.
38Kutanni faarfatootaa inni lammaffaan immoo karaa harka bitaa tarreedhaan in adeeme; anii fi namoonni warri walakkaan hafan immoo isaan booddeedhaan dallicha irra adeemnee, gimbii iddoo ibiddaa bira darbinee gara dallaa isa bal'aa in dhaqne. 39Karra Efreem gara irraa, karaa karra moofaa, karaa karra qurxummii, karaa gimbii Hanaani'el, karaa masaraa dhibbaa, hamma karra hoolaatti dhufnee, karra mana hidhaa bira geenyee in dhaabanne*. 40Faarfatoonni warri Waaqayyoof galata galchan kutanni lamaanuu mana Waaqayyoo keessa iddoo iddoo isaanii in dhaabatan; anii fi bulchitoonni warri anaa wajjin turanis immoo akkasuma in goone. 41Kutata warra anaa wajjin turan keessa luboonni warri fiingee of harkaa qaban Eliiyaaqiim, Ma'aseyaa, Minyaamiin, Miikaayaa, Elyo'enaayi, Zakaariyaasii fi Haanaaniiyaa, 42akkasumas immoo Ma'aseyaa, Shemaa'iyaa, Ele'azaar, Uzii, Yehohaanaan, Malkiiyaa, Elaamii fi Azer turan; geggeessaa Yizraayaatiin faarfatoonni sagalee guddaadhaan in faarfatan. 43Waaqayyo, baay'ee waan isaan gammachiiseef, gaafas qalma baay'ee dhi'eessanii in gammadan; dubartoonnii fi ijoollonnis immoo in gammadan, sagaleen gammachuu Yerusaalem keessatti ta'e kunis fagootti in dhaga'ame.#39 3:1
44Yeroo sanatti namoonni tokko mana mi'aa isa kennaan dhi'aatu, iji midhaanii inni jalqabaaf kudhan keessaa tokko itti walitti qabamuu irratti gaafatamoo ta'anii in fo'aman; akkasumas ga'aa akka seeraatti lubootaa fi Lewwootaa kennamuun ta'u maasii mandaroota naannoo isaanii jiranii irraa manicha mi'aatti walitti qabuun hojii isaanii ture; namoonni Yihudaas hojii lubootaa fi Lewwootaatti in gammadan. 45Akka abboommii Daawitii fi Solomoon ilma isaatti luboonnii fi Lewwoonni akkasumas faarfatoonnii fi karra-eegdonni itti gaafatama hojii isaanii in raawwatan*. 46Bara durii bara Daawitii fi Asaaf, geggeessitootatu faarfatoota warra faarfannaadhaan Waaqayyoon jajatanii isa galateeffatan geggeessaa ture*. 47Bara Zarubaabelii fi Nahimiiyaa Israa'eloonni hundinuu faarfatootaa fi karra-eegdotaaf ga'aa isaanii guyyaa guyyaatti in kennan; kennaa qulqullaa'aa irraas Lewwootaaf ga'aa isaanii in kennan; Lewwoonni immoo lubootaaf qooda isaanii in kennan*.#45 2Sen 8:14-15; 1Sen 26:12 46 1Sen 25:1 47 10:39; Lew 18:26

Highlight

Share

Copy

None

Want to have your highlights saved across all your devices? Sign up or sign in